Hoomaa Awwaannisaa

Waggoota muraasa asitti biyyi teenya rakkoo jabduu takka mudataa jirti. Weerara Hoomaa Awwaannisa Gammoojjii naannoo tigraay, Amhaaraa fi baha Oromiyaa irratti mul’ataa tureen, miidhaan oomisha miidhaan garagaraa fi biqiltoota hedduu irratti dhaqqabuun ni yaadatama. Weerarri hoomaa awwaannisaa kun biyyoota baha Afrikaa heddu yaaddoo keessa galchees ture. Barruu tanaan waa’ee homaa awwaannisaa kana irraa qabxiilee muraasa ilaallla.

Uumamni Awwaannisaan wal fakkaatu kan korophisa jedhamu ni jira. Uumamaaleen kunniin lamaan wal fakkaatu. Haala uumama qaamaatiifi waan hedduun akkaan walitti dhihaatu. Haa tahu malee Korophiisni uumama kopha kophaa jiraatuudha. Korophiisni hoomaa hin qabu. Umrii isaa guutuu kophaa jiraata.

Awwaannisnis akkuma korophisaa kophaa isaa ni jiraata. Garuu haalli kun yeroo itti jijjiiramutu jira. Yeroo roobni gahaan roobee, biqiltoonni magariisni haalaan heddummaatan, hanqaaquuwwan lakkofsi isaanii hangana jedhanii himuun hin dandayamne gama awwaannisaa jijjiiramu. Kun ammoo lakkoofsi isaanii haalaan akka baay’atu godha. Kanaafuu jireenya kopha kophaa osoo hin taane, jireenya hoomaa jalqaban isaan dirqisiisa. Biqiltootaa argatan hunda barbadeessaa waliin imalu. Haala kanatu hoomaa awwaannisa yookaan Locust Swarm jedhamuun bekkama.

Hanqaaquu Hoomaa Awwaannisaa

Hoomaan Awwaanisaa amma biyya keenya mudate kun Awwaannisa gammoojjii jedhamuun beekkama. Hoomaan awwaannisaa kun hedduminaan biyyoota baha Afriikaa fi kibba baha Eeshiyaa keessatti argama. Naannoon kun hedduminaan rooba gahaa waan hin qabneef, Awwaannisni kun osoo heddus wal hin horin bakkarraa bakkattis osoo hin socho’in bada. Haa tahu malee yoo naannoo sanitti robni guddaan roobe hoomaan awwaannisaa kun heddummaatee wal horuun lixa Afriikaarraa kaasee hanga Indiyaa fi Awustraaliyaa babal’achuudhaan biyyoota 65 ol tahan weeraruu dandaya. walumaa galatti lafa Isquweer Kilomeetira miiliyana 29 tahu irra qubatuu mala. Karaa gabaabaan qaama dachii tanaa keessaa dhibbeentaa 20 kan tahu uwwisuu dandaya.


Hoomaan Awwaannisaa yeroon inni itti mudatuu dandayu qajeelatti waan beekkamu hin qabu. Tahullee bara qaroomina Masrii irraa kaasee mudataa akka ture galmeen seenaa ni mul’isa. Eega jaarraan 20ffaa seenee as bara 1926-1934, 1940-1948, 1949-1963, 1967-1969, fi 1986-1989 akka lakkoofsa Awurooppaatti mudatee ture. Kan bara dabree kunis waggoota 30’n booda kan duraati.


Hoomaan awwaannisaa qilleensa fayyadamuun bakkarraa bakkatti faffaca’a. kallattii qilleensi deemu hordofuun, saa’aa tokko keessatti haga kilomeetira 19 barrisuu dandaya. gargaarsa qilleensaa kanaan guyyaa tokko keessatti Avreejiidhaan kilomeetira 130 bakka duraan jiru irraa fagaatee deema. Hoomaan Awwaannisaa rakkoon maleetti galaana diimaa irra barrisuun cehuu dandaya. Bara 1980tti hoomaan Awwaannisaa Afriikaa dhihaarraa ka’e guyyaa 10 keessatti kilomeetira 5,000 ol qaxxaamuree biyyoota kaaribiyaan qubatuu dandayeera.

Awwaannisa Gammoojjii

Hoomaan Awwaannisaa Isquweer kilomeetira tokkorra qubatu miseensota miiliyoonaan laakkawaman of keessaa qaba. Inni xiqqaan miseensota miiliyoona 40 kan qabu yoo tahu guddaan ammoo haga miiliyana 80 of keessatti qabata. Walumaa galatti Hoomaan Awwaannisa lafa Isquweer kilomeetira miliyoona 29 tahu uwwisu kun miseensota biiliyoona 40tti dhihaatu qabaatuu dandaya. Yeroo bakka tokkorraa bakka biraatti socho’anis lafarraa kaasee samii keessa haga meetira 3,000 ol ka’uu dandayu.

Hoomaan Awwaannisaa soorata heddu sooratuudhaan midhaan heddu barbadeessa. Awwaannisni tokko kophaa isaa soorata qaama isaatiin walqixaa sooratuu dandaya. Hoomaan awwaannisaa xiqqaan, tilmaamaan kan toonii tokko ulfaatu guyyaa tokko keessatti Soorata Arbi 10 ykn gaalli 25 ykn ilmi namaa 2500 sooratu barbaadeessa. Weerarri hoomaa Awwaannisaa tokko Avreejiidhaan ji’a sadihii hanga shanii turuu dandaya.


Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...