header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Wantoota Ajaa’ibaa kan Bishaaniin wal qabatan

Bishaan jireenya lubbu qabeeyyii hundaatiif haalaan barbaachisaadha. Walumaa galatti addunyaan tun jiraachuudhaaf bishaanitti haajamti jechuu dandeenya. Biqiltootaafi bineensonni, ilmi namaafi bineeldonni, uumamaaleen lubbuu qaban hundi bishaaniin jiraatu. Quba qabduu arraa keessatti wantoota ajaa’ibaa kan bishaaniin wal qabatan isinii dhiheessina.

  • Sammuun keenya bishaan heddu of keessaa qaba. Inumaa irra hedduun qaama sammuu namaa bishaan jechuun ni danda’ama. Avreejiidhaan sammuun nama tokkoo parsantii 78 kan ta’u bishaani.

 

  • Wantoota bishaan xuuxanii qabachuu danda’an keessaa inni tokko Ispoonjiidha. Haa ta’u malee akkaataan bishaan oowwaa fi qabbanaawaa itti qabatu garaagarummaa qaba. Ispoonjiin bishaan qabbanaawaa heddu kan xuuxu yoo ta’u, bishaan oowwaa garuu heddu of keessatti hin xuuxu.

 

  • Bineensonni gammoojjii keessa jiraatan yeroo dheeraaf bishaan malee turuu ni danda’u. hedduun keenyas Gaalli yeroo dheeraaf bishaan osoo hin dhugin turuu akka danda’u ni beekna. Garuu uumamaaleen biroo kan bishaan osoo hin dhugin gaala caala yeroo dheeraaf turan akka jiran quba qabduu? Fakkeenyaaf uumamni Kangaro Rat jedhamu bishaan takka osoo hin dhugin waggaa 3-5 ykn umrii isaa guutuu jiraachuu danda’a. Uumamni gammoojjii keessaa kun bishaan malee jiraachuun sadarkaa tokkoffaarratti kan argamuudha. Sattawwaanis uumama bishaan malee yeroo dheeraa turuu danda’uudha. Bineensi kunis torbaan sadihiif bishaan malee jiraatuu danda’a.

 

  • Namni maaliif dheebota? Bishaan qaama keenya keessa jiru keessaa yoo dhibbentaan 1 qofti hir’ate ni dheebonna.

 

  • Biqiltoonni hedduun keessattuu Kudraalee fi muduraaleen bishaan heddu of keessaa qabu. Fakkeenyaaf raafuun(Goommanni) parsantii 91 bishaan yoo ta’u, khiyaar parsantii 98 kan ta’u bishaani.

 

  • Bishaan jala seenanii sagalee dhaggeeffachuun haalaan rakkisaadha. Dolfiin garuu bishaan keessa taa’ee sagalee fageenya kilomeetira 24 irra jiru dhagahuu danda’a. Kunis gurra isaatiin osoo hin taane qaama addaa irga irratti argamuun dhagaha.
  • ●   Gaalli bishaan kuufachuu fi yeroo tokkoon bishaan hedduun dhuguun beekkama. Fakkeenyaaf daqiiqaa 3 keessattis bishaan liitira 94 dhuguu danda’a.

 

  • Kumbiin Arbaa bishaan liitira 5 of keessatti qabachuu danda’a.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button