header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Sirna Qaama ilma namaa

Rabbiin (SW) haala uumama ilma namaa yeroo dubbatu, ilma nama haala gaarii irratti isa uumne jedhe. Dhugaadha Rabbiin guddaan haala bareedaa fi gaarii irratti nu uume. Akkaataan ijaarsa qaama keenyaa kan ajaa’ibaati. Wanti hundi haala ajaa’ibaatiin akka wal simu godhamee uumame. Sosochii fi dalagaan qaamaa hundi “sirna qaamaa”jedhamuun beekkama. Sirni qaamaa, kutaalee qaamaa heddu of keessaa qaba. Ijji kophaa isii waa ilaaluu hin dandeettu, gurris kophaa hin dhagahu. Onneenis ujummoon jiraatu malee, dhiiga gara qaama biraa facaasuu hin dandeettu. Walumaa galatti qaamni keenya hundi walitti hidhata qaba. Hunduu dalagaa isaa dalaga. Garuu dalagaa san dalaguudhaaf qaama biraa irratti irkata. Wantootni kunniin ofuma isaaniitiin osoo hin taane, qindoomina Rabbiin isaan qindeesseen dalagaa ulfaataa fi wal xaxaa ta’ e kana geggeessutti jiru.

Qaamni ilma namaa sirnoota garagaraa 10 irraa ijaarame. Kurnanuu walitti irkatanii dalagaa hunda haala gaariin dalagu. Sirna qaamaa kurnan keessaa tokko yoo miidhame, qaamni hunduu dalagaa isaa haala gaariin dalaguun itti ulfaatuu danda’a. Sirni biraa dalagaa isaa bakka bu’ee dalaguu hin danda’u. Sirni qaamaa kun  maal jechuudha?  Mee akka fakkeenyaatti sirna tokko keessaa filannee haa wajji laallu.

Sirna Qaama ilma namaa keessaa barruu tanaan sirna lafee ykn Skeletal System jedhamuun kan beekamu ilaalla.  Sirni lafee kun qaamman akka lafee, moorgayaa fi humna ykn cabsata of keessaa qaba. Walumaa galatti qaamman kunniin lafee keessatti ramadaman jechuudha. Lafeen qaama ilma namaa keessaa isa jabaadha. Foonii fi gogaan nuti qabnus, lafee kanarratti marguudhaan isa haguuganii argaman. Boocni ilma namaatis lafee irratti hundaa’a. Humnaafi cabsatni ammo qaamman jajjabaa kunniin akka caccaafamanii fi dalagaa garagaraa rakkoodhaan maleetti akka dalagan taasisa. Osoo humni yookaan ammoo cabsatni jiraatuu baatee, ilmi namaa qajeeleetuma dhaabbata. Bakkarraa bakkatti socho’uunis itti ulfaata.

sirni lafee qaamman garagaraa sadih irraa ijaarame. Inni duraa lafeedha. Lafeen qaama jabaataadha. Akkasuma qaamni keenya akka haala gaariin qajeelee dhaabbatu taasisa. Jabinni akkasumas ulfaatinni qaama keenyaatis lafeewwan qabnu irratti hundaa’a. Qaamni lammataa ammo moorgaya jedhama. Inni kun akka lafee jabaataa miti. Ha ta’u malee dalagaan isaa kan lafeetiin walitti dhihaata. Garaagarummaan isaan lamaan jidduu jiru; lafeen albuudota akka kaalshiyamii irraa kan ijaarame yoo ta’u, moorgayni ammo faaybar irraa ijaarame. Akkasumas lafeen bakkuma tokkotti goggogee jabaatee kan dhaabbatu yoo ta’u, moorgayni garuu ni harkifama. Akkasumas ni sosocho’a. Qaamni sadaffaan ammoo humna ykn cabsata. Cabsatni qaamni keenya akka garanaa garas ajajamu taasisa. Qaamni kun lafee lamaan jidduu, lafee fi moorgaya jidduu, akkasumas moorgaya lamaan jiddutti argama. Osoo cabsatni jiraatuu baatee, ilmi namaa ol jedhee gad jechuu, akkasumas bakka irraa bakkattis socho’uu hin danda’u.

Lafeewwan qaama keessatti argaman garee gurguddaa lamatti kan qoodaman yoo tahu, Inni duraa Axial Skeleton yookaan ammoo lafee handhurtuu jedhama. Isa kana keessatti qaamman gurguddaa 3tu argama. Isaanis buqqee mataa, lafee dugdaatiifi lafee cinaachaati. Lafeen buqqee mataa keenya keessatti kan argamu yoo ta’u, buqqee mataa kana keessatti lafeen garagaraa digdamii lamatu argama. Inni lammataa ammo lafee dugdaati. Lafeen kunis qamman keenya kan gad aanu, buqqee mataatiin wal qunnamsiisuudhaaf tajaajila. Lafee dugdaa keessas lafeewwan xixiqqaa 33tu argama. Inni sadaffaa ammoo lafee cinaachaati. Lafeen cinaachaa, qaammaan akkaan barbaachisaa ta’an keessaa isa tokko. Tiruun, sombi, onneen, lafee cinaachaa jalatti dhokatanii argamu. Walumaa galatti bitaafi mirgaan lafeewwan cinaachaa 24 badhaafamnee jirra.

Gareen lammataa Appendicular Skeleton ykn ammo lafee dhaabbii jedhamuudhaan beekkama. Lafeewwan kunniin akka qaamni keenya dhaabbannaa gaarii qabaatu gagrgaaru. Garee kana keessa lafeewwan jiran keessaa inni duraa, lafee ceekuuti. Lafeen kun lafee bareedinaa jedhamuunis ni waamama. Lafeewwan miidhagina ilma namaatiif kennan keessaa inni tokko lafee ceekuuti. Akkasumas lafee dugdaa fi harkaa wal qunnamsiisuudhaan dalagaan harki dalagu akka salphatu taasisa. Lafeen lammataa garee kana keessa jiru, lafee harkaati. Harki ilma namaa ceekuu irraa kaasee haga qubbiiniitti, lafeewwan 30 of keessaa qaba. Lafeen Harkaa kun fiigichaafis deeggarsa guddaa qaba. Harki sochou malee, miilli akka barbaadetti fiiguu hin danda’u.

Lafeen sadaffaan ammo Pelvic Girdle yookaan ammo lafee luqqeettuuti. Lafeen kunis lafeewwan tajaajila guddaa kennan keessaa isa tokko. Innis qaamman keenya kan hidhaa olii, isa hidhaa gad jiru waliin wal qabsiisa. Lafeen kun dhiiraa fi dubartii irratti garaagarummaa qaba. Rabbiin keenya dubartootaaf lafee kana bal’isee kenne. Kunis yeroo dahuumsaatti heddu akka hin rakkanne isaan gargaara. Inni Afraffaa ammo lafee miilaati. Lafeen  miilaatis akkuma lafee harkaa lafeewwan 30 of keessaa qaba.

Walumaa galatti, Dizaayinii bareedaa fi haala bareedaa kana Rabbitu nuuf uume. Waan akka tasaa arganne, yookaan ammo waan dhawaataan jijjiiramaa dhufee miti. Gaafuma jalqaba uumamnu haala kanaan uumamne. Ilmi namaa if dura dhufus haaluma kana  irratti dhalata. Gaafa kaafamaatis haaluma kanaan kaana. Rabbii qaama bareedaa akkanaa nuuf uumeef galanni haa gahu. ALHAMDULILLAAHI RABBIL AALAMIIN.

 Qophii Abu Ibtisam

Back to top button