Ajaa’iba uumamaalee garagaraa

Tisiisa

Sanyiiwwan Tiisisaa umrii gabaabduu jiraatuudhaan beekkamu. Fakkeenyaaf Tiisisni house fly jedhamu guyyaa 14 qofa jiraata. Kan haga guyyaa 28 turuu dandayus ni jira. Haa tahu malee heddumminan guyyaa 14 caalaa hin jiraatu.

Guchii

Guchiin uumamaalee saffisa jabaa qaban keessaa tokko. Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 70 fiiguu dandaya. Kanaafuu guchii ari’anii qabuufi dheeysanii jalaa bahuunis waan dandayamuu miti. Miilaan fiiguu qofa osoo hin taane, farda sangaa yaabbatanii osoo gulufanillee guchii dhaqqabuun hin dandayamu. Fardi sangaan saffisa jabaa qabu Sa’aa 1 keessatti Kiilomeetira 48 qofa gulufa. Guchiin ammoo sa’aa 1 keessatti kiiloomeetira 70 caalaa fiiguu dandaya.

Guchiin waan ajaa’ibaa kan biraatis ni qaba. Akkuma beekamu  guchiin morma qallaafi mataa xiqqaa qaba. Namni hundi Qaama qal’aa san keessaa sagalee qallaatu baha jedhee tilmaama. Haa tahu malee kormaan guchii akka leencaatti barooduu dandaya. Kormaan guchii osoo isin bira dhaabbatee baroodee, leencatu isa duuba dhaabbatee baroodutti jira jettanii isa duuba barbaaduun keessan hin oolamu. Akkaataan uumama qaama isaatiifi, sagaleen isa keessaa bahu wal hin  fakkaatu.

Kaangaaroo

Akkaataan uumama qaama kaangaaroo kan addaati. Harki isaa lameen haalaan gababaa yoo tahu, miilli isaa lameen ammoo dhedheeraadha. Sababaa kanaaf kaangaaroon yeroo heddu ni utaala malee hin deemu. Utaalchi isaa kunis saffisa jabaa qaba. Kaangaaroon tokko utaalcha qofaan sa’aa tokko keessatti haga kilomeetira 40 imaluu danda’a. wayta haala tasgabbaayaa keessa jiru ammoo utaalcha dhiisee suutas deemuu ni danda’a. Deemsi isaa garuu waan laaftuu miti. Miila dheddheeraa saniin dhaabbatee, harka gaggabaabaa saniin lafa qabata. Wayta kana mataan isaa lafatti gombifamuun dirqama. Harkaafi miilaan lafa qabatus deemuu hin danda’u. Deemsaaf gargaarsi eegee isaa barbaachisaadha. Eega harkaafi miilaan lafa qabatee booda, eegee isaatis akka miila 5ffaatti fayyadamuun fuulduratti of dhiiba. Achi booda harkaafi miilas gama fuulduraa sochoosa. Deemsi kaangaaroo ifaajee heddu qaba. Kanaaf yeroo heddu deemsarra utaalcha filata.

Qeerransa

Waa’ee sarara barruu Qeerransaa irraayis waan ajaa’ibaattu jira. Uumamaalee sarara barruu qaban kanneen akka qeerransaa, chiitaa, harree diidaa, saattawwaa fi kanneen birootis akkuma ashaaraan qubaa keenya garaagarummaa qabutti barrinni isaaniitis garaagarummaa akka qabu ni  beekama. Kan qeerransaa garuu kan addaati. Rifeensa isaa qofa osoo hin taane, gogaan isaatis barrina san qaba. Walumaa galatti bifti qeerransaa kan nuti gubbaa irratti arginu rifeensa isaa qofaa miti. Rifeensi isaa kan gubbaan jiru kun bifa gogaa isaa kan jalaatiin wal fakkaataadha. Osoo qeerransa tokko qabanii rifeensa irraa haadanii bifti isaa hin jijjiiramu. Gogaan isaatis rifeensuma gubbaan jiru fakkaata.

Beaver

Uumamni Beaver jedhamu ilkaan isaa yoo ofirraa caccabsuu dhabaate rakkoo guddaaf saaxilama. Ilkaan Beaver guddina hin dhaabu. Yeroo garii haalaan dheeratee afaan isaa cicciruu dandaha. kanaafuu uumamni kun yeroo hunda ilkaan isaa kana waan jabaa tahetti riguun akka irraa caccabu godha. Osoma hin beelawin muka jabaataa ilkaaniin riga, yookaan dhakaatti rigee ofirraa caccabsa.

 

3 Comments
  1. Robera says

    Galatoomaa!

  2. Hajjii Jaamboo says

    Maashaa Allah baay’ee natti tolee jira.yoomuu isin hordofaa , isin waliin jirra

  3. Abdi Mohammed says

    Masha Allah waan bayeee nuu barsisee barefamni

Have questions? Search our knowledgebase.