Puumaan sanyii adurreeti. Maqaa biraa mountain lion jedhamuunis ni beekama. Sanyiiwwan adurree keessaallee, guddina qaamaatiin Leopard, Leencaa fi Jaguar’itti aanee sadarkaa afraffaa irratti argama. Addunyaa kanarra sanyiin puumaa torbatu jira. Hundi isaanii bifaan garaagarummaa qaban malee, guddina qaamaatiin walitti dhihoodha. Sanyiiwwan adurree daggala keessa jiraatan keessaallee uumamni kun daddafee namatti madaquu danda’a.
Puumaan sanyiiwwan adurree keessaa naannoo gaarrenii jiraachuu filata. Maqaa isaa Mountaion Lion jedhus kanumarraa argate. Gogaa isaa irraa rifeensa akkaan tuucha’aa fi dheeraa ta’e qaba. Kunis qabbana naannoo isaatti argamu dandamachuudhaaf isa gargaara. Halluun rifeensa isaa haala yerootti garaagarummaa qaba. Puumaan naanno qabbanaawaa jiraatan rifeensa bifa daalachaa qabu. Kanneen naannoo oowwaa jiraatan ammoo magaalaa fi halluu gara diimaa dhihaatu qaban. Miilli Puumaa kan duubaa harka isaa caala dheerinna qaba. Utaalachaafis ta’e fiigichaaf mijaawaa godhamee uumameef. Kootteen isaatis akkaan bal’aadha. Ijji isaatis gurduddaadha. Waan itti dhihaatu qofa osoo hin taane, wantootaa akkaan fagoo irratti argamins laaluu danda’a. Gurri isaatis kan ajaa’ibaati. Yeroo lafti dukkanaawee waa arguun akkaan rakkisaa ta’etti, wantoota naannoo isaa jiran dhaggeeffachuudhaan adda baafatuu isa dandeessisa.
Uumamni kun Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa keessatti argama. Hedduminaanis eddoowwan gaarreenii keessa qubata. Dabalataan Puumaaleen gariin naannoo bosonaa fi margaan uwwifame akkasumas naannoo gammoojjii keessattis ni argamu. Haa ta’u malee sababa manca’iinsa bosonaatiif, Puumaan heddu gara gaarreen dhedheerotti godaanaa jira.
Puumaan Solitary animals ykn ammoo bineensota kopha kophaa jiraatan keessatti ramadama. Puumaa lama walbiratti kan arginu yoo haadhoo fi ilmoo isii taate qofa. Saniin ala waggatti yeroo tokko walqunnamtii walhormaataatiif walitti dhufuu danda’u. Waan kanarraa hafeen jiruu isaa guutuu kophaa jiraata. Puumaan halkaniifi guyyaan hin daangeffamu. yeroo sooranni isa barbaachisetti Adamoof baha. Saffisini qabuu fi kotteen isaa bal’aa ta’uun ammoo, bineensota biraa adamsuudhaaf haala isaaf mijeessee jira. Kotteen isaa kun lafa dhagaatis ta’e cirracha irra haala salphaan akka socho’u isa gargaara.
Akumma duratti isinitti hime Puumaan kopha kophaa jiraata. Haa ta’u malee waggatti yeroo tokko walqunnamtii walhormaataaf walitti dhufuun isaanii hin oolamu. Yeroo walqunnamtii walhormaataa kanaaf walbarbaadan sagalee addaa dhageeysisu. Rimayni dhaltuudhaa ji’a 3f tura. Kana booda haadhoon takka haga ilmoolee jahaa dhalti. Ilmooleen isii kunniin akkuma sanyii adurree kaawwanii gaafa dhalatan ijaan hin argan. Torbaan lamaa oliifis akkasumatti turu. Ilmooleen Puumaa gaafa dhalatan gogaa irraa bifa barruu kan qaban yoo ta’u, adaduma guddataa deemaniin barrinni sun irraa badee gara halluu tokkotti deebi’a. Ilmooleen kunniin haga gaafa ji’a lama guutanitti muchuma haadhaa hodhaa jiraatu. Gaafa ji’a lama darban soorata birootis sooratuu jalqaban.
Puumaan akkauma sanyii adurree kaawwanii foon sooratuudhaan jiraata. Garuu bineensonni Puumaan daggala keessaa adamsee sooratu qaamaan xixiqqoodha. Bineensonni inni adamsee sooratu, tuqaa, Hantuuta, Simbirroota, Qurxummii fi Hilleensa. Kanaafuu garaa isaatii quufee buluudhaaf dirqamatti bineensota heddu adamsee sooratuu qaba. Waan kana ta’eef hedduminaan gara bineensonni kun baay’inaan argamanitti baqata. Puumaawwan akkaan gurguddaa ta’an beeyladota manaa, kanniin akka hoolaa, re’ee fi horis adamsanii ni sooratu.
Sanyiiwwan adurree hedduu isaanii bineensonni biroo ugganii itti hin dhihaatan. Haaluma kanaan Puumaallee uumamni yeroo inni fayyaa qabutti uggee itti dhihaatu hin jiru. Haa ta’u malee uumamni kun rakkina tokko qaba. Dhukkubsannaan ykn ammoo madoofnaan dafee hin fayyu. Sababa kanaaf, uumamni biroo kanneen akka Biir fi Yeeyyii, yeroo inni madaawu ykn dhukkubsatu haala salphaan adamsanii sooratu. Dabalataan ilmi namaatis gogaa isaatiif jecha adamsee ajjeesa. Akkusumas sababa ciramiinsa bosonaatiif eddoo jiraatu dhabee rakkataa jira.
Qabxiilee addaa uumama kanaa:
Uumamni kun Sanyiiwwan adurree gurguddoo biroo irraa waan adda ta’uun qaba. Inni duraa, akka sanyiiwwan adurree kaawwanii harquu dadhabuu isaati. Qeerransi, Cheetaafi kanneen biroo harquu kan danda’an ta’us, Puumaan garuu waan tana hin badhaafamne.
Wanti biraa ammoo miila isaa kan duubaati. Miilli isaa kan duubaa, sanyiiwwan adurree hunda irra jabaadha. Akkasumas miila isaa kan duubaa kanatti fayyadamuudhaan yeroo tokkoon hanga Meetira 6 utaaluu danda’a.
Qophii Abu Ibtisam