header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Magaalaa Veenis

Magaalonni hundi waan ittiin beekkamanii fi kan magaalaa biraa irraa adda ittiin tahan qaban. Fakkeenyaaf Makkaa haa fudhannu. Makkaan Ka’baa qabdi. Ka’baan Makkaah keessa malee magaalaa biraa keessa hin jiru. Zamzama qabdi. Kunis adda isii taasisa. Gama birootiin Makkaan Qiiblaa Muslimni hundi itti garagalee salaatu. Kunis waan magaalaa biraa irraa adda isii godhu. Walumaa galatti magaalonni garagaraa wantoota garagaraa heddu kan kanneen biroo irraa isaan adda taasisu qaban. Barruu tanaan waa’ee magaalaa Ajaa’ibaa takka isinitti himuuf deemna. Waa’ee Magaalaa Veenis.

Veenis magaalaa biyya Itaalii keessatti argamtuudha. Tilmaamaan waggoota 1500 dura akka hundeeffamte seenaan hima. Magaalota addaatiifi haalaan daaw’ataman keessaa isii takka. Veenis maqaa hedduunis waamamti. City of Canals ykn magaalaa bo’oo, magaalaa Sololiituu, fi maqaawwan biroo hedduun waamamti.

Veenis magaalaa bishaan irratti jaaramteedha. Eddoola garagaraa 117 irratti bu’uureeffamte. Sababa kanaafis magaalaan tun bo’oo babal’aa bishaan keessa yaa’u 117 ol qabdi jechuudha. Bo’oon qube S fakkaatuu fi inni guddichi kan Graand Kaanal jedhamu, magaalatti bakka lamatti adda qoodee argama. Walumaa galatti magaalaan tun fiixee bishaaniirratti waan ijaaramteef waan bishaan irra deemaa jirtu fakkaatti.

Bo’oo heddu qabaachuun isii ammoo riqicha heddu akka qabaattu isii taasise. Veenis riqicha 417 qabdi. Kana keessaa 72 kan tahu riqicha dhuunfaati. Riqichi kunniin eddoola 177 magaalattiin qabdu wal qunnamsiisuuf tajaajilu. Riqichi magaalattii keessa jiru hundi, akka dooniin jalaan qaxxaamuruu dandayutti ol kaafamee jaarame.  

Veenis yabala dhedheeraa kan Gondola jedhamu heddu qabdi. Gondola jechuun yabala meetira 11 dheeratu yoo tahu, haga kiiloograama 600 ulfaata. Gondolaan kunniin riqichoota bo’oowwan magaalattii jalaan akka hulluuquu dandayaniif jecha qal’ifamanii dalagaman. Namni magaalaa kana keessa jirus Gondolaa kanniin fayyadamuun bakkarraa bakkatti socho’a. Veenis keessatti Gondolaa qofaan deemuu dandeessu. Namni makiinaan magaalaa san keessa deemuu hin dnada’u. Dhoorkaadha. Namni makiinaan deemuu barbaade gara magaalaa sanii eega imalee booda makiinaa isaa Gaaraajii keessatti dhiisuu qaba.

Veenis keessatti ayyaanni Carnival of Veenis jedhamu ni jira. Guyyaa ayyaana kanaa namuu fuula isaa haguuguu ykn dhoksuu ni dandaya. Guyyaa kana namuu dizaayinii garagaraatiin Maskii uffatee bashannanuu mirga qaba. Garuu Guyyaan kanaan ala guyyaa biroo maaskii fuula dhoysu uffachuun dhoorgaadha. Seerri kun bara 1608tti labsame. Yeoro sanitti namni badii kana raawwate, hidhaa waggaa lamaatiin adabama yokaan ammoo gabaa keessatti garafama. Dabalataanis magaalaa qixxetti muka namoonni yakka nama qaanfachiisu dalagan irratti hidhamanitti guyyaa guutuu hidhama.

Lakkoofsi ummata magaalaa Veenis haalaan xiqqaachurratti argama. Waggoota shantama dabran keessatti lakkoofsi ummataa kuma 100 fi kuma 20 irraa gara kuma 60tti gad bu’eera. Bara 2030tti magaalattiin Ghost town yookaan ammoo magaalaa namni keessa jiraachuu hin dandeenye tahuuf deemti. Akka qorannoon mul’isutti magaalaan tun wagga waggaan milimeetira 2 bishaaniin liqimfamaa jirti. Kun ammoo bara 2030tti daandiiwwan magaalattii keessa jiran hundi bishaaniin liqimfamu. Kun ammoo namni magaalaa san dhiisee akka bahu dirqamsiisutti jira.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button