header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Maallaqa Ribaa Sadaqatuun dandahamaa? Dr. Zaakir Naayik

Ribaan ykn Dhalli Haraama tahuu namni hedduun hubatee jira. Rabbi(S W) jecha ‘Ribaa’ ja’u Qur’aana keessatti yeroo 8 dubbate. Rabbi Suuraa al-Baqraa Suuraa 2ffaa Aayaa 278 fi 279 irratti..

“Yoo fedha Ribaa fudhachuu hin dhiisne, lola Rabbii fi Rasuula irraa isinitti banamu eeggadha” ja’e.

Ribaan Islaama keessatti badii guddoodha. Imaam Addahabiin, Ribaa ykn Dhala badii gurguddoo Islaamummaa keessatti beekkaman keessaa sadarkaa 12ffaarra kaaye. Ergamaan Rabbii jaalatamaan Nabi Muhammad(SAW) akka Hadiisa Mustadqal Hakiim lakkoofsa Hadiisaa 2259 irratti ibsanitti “Ribaa gosa 73tu jira. Ribaan irra xiqqaa ja’amu, Zinaa haadha ifiirratti dalaguun wal qixxaata” ja’e. Hadiisni kun Hadiisa Sahiiha. Ribaan irra xiqqaa ja’amu, akka waan Zinaa hadha ifiirratti dalaguutti laakkawama. Ergamaa Rabbiitu(SAW) akkana ja’e. Rabbilleen *fedha keessan kan Ribaaf qabdan hin dhiiftan taanaan, waraana Rabbii fi Rasuula irraa isinitti banamu eeggadhaa* ja’e. Badiin Rabbi haala Kanaan ‘waraanaan isinitti labsa’ ja’ee hime tan biraa Qur’aana keessa osoo barbaaddanii hedduu hin gartan. Xiinxalaa! Ribaan badii guddoofi hamtuu taanaan haala Kanaan dubbatame.

 

Gaafii namoota Sadanii, kan “maallaqa Ribaa kana akkam haa goonu?”ja’anii haa laallu.

“Maallaqa Ribaa Sadaqatuu dandeenyaa? Baankii baasee haa Sadaqadhuu? Mallaqa kana Baankumatti dhiisee, maallaqa saniin qixaa alumaa haa Sadaqadhuu?” ja’anii gaafatan.

Waa’ee maallaqa Ribaa Baankii baasuu fi Sadaqachuu irraa haa dubbannu. Sadaqaa kennuun dura maallaqa fudhachuun dirqama. Ribaa fudhachuun ammoo Haraama. Kanaafuu maallaqa Ribaa fuudhanii Sadaqaa kennuun Haraama. Hogguma maallaqa Ribaa fudhatte sanitti waraana Rabbii fi Rasuulaa ifirratti labsitee jirta. Kanaafuu maallaquma Ribaa fudhatuu waan ja’amu yaaduun hin barbaachisu. Maallaqa Ribaa(Dhalaa) fudhatanii Sadaqachuun Haraama. Waan kana raawwannaan badii hojjatte. Wayta Sadaqattu san tarii sadarkaa badii hir’isuu dandeessa. Tahus Dilii dalaydee jirta.

 

“An hanga ammaatti Ribaan Haraama tahuu isaa hin beeku. Ammaan tanaan dhagahe. Ammoo maallaqa Ribaatin Baankii keessaa qaba, akkam haa godhu?” jettee yoo gaafatte, tun gaafii addaati. Garuu namni tokko “An account dhalaatin Baankii qaba. Account san achuma tursiisee Dhala irraa baasaa harka qalleeyyiitti Sadaqadha” ja’ee yoo na gaafate, anis deebisee gaafiin isa gaafadhuun qaba. Gaafii tana nama hedduun gaafadhe.

 

Hayyoonni “maallaqa Dhalaa Baankii keessatti kuusanii gaafa tokko baasanii Sadaqatuun ni taha”ja’an ni jiran. An yaada hayyoota kanniinii guutumaan guututti hin fudhu. Gaafii tana gaafatuun barbaada. Fakkeenyaaf an daldala baala sammuu hadoochurratti yoon hirmaadhe ykn ammoo warshaa Farshoo banee dalagaa tanarratti Doolaara Miliyoona tokkoon itti baasa. Waggatti bu’aa Doolaara Miliyana takkaatin argadha. Bu’aan irraa argadhe hunda isaa nin Sadaqadha. Kun Islaamummaa keessatti hayyamamaadhaa? ja’eetin gaafadha.

 

Hayyoonni Muslimaa hundi “hin tahu” ja’anii deebisan. Anis ‘Maalif’ ja’eetin deebisee gaafadha. Sababni isaa “Haraama”ja’anii deebisan. Baala sammuu nama hadoochu gurguruun, Farshoo oomishanii gurguruun Sadarkaa Diliiwwanii Imaam Addahabiin kaaye irratti sadarkaa 19ffaarratti argama. Ribaan ammoo sadarkaa 12ffaa irratti argama. Kanaafuu badii sadarkaa 12ffaarratti argamuuf yoo naaf hayyamtan, badii sanii gadii tan sadarkaa 19ffaarratti argamtu maaf naaf hin hayyamne? ja’eetin gaafadha.

Hubadhaa! Dalagaa Farshoo irratti yoo hirmaattan(dalagaan tun badii gurguddoo keessaa takka taatus) Rabbii fi Rasuulli waraana isinirratti hin labsan. Garuu Ribaa irratti hirmaattan taanaan, takkii kennitanii, yowaahuu fudhattanii jirtan taanaan, waraanni Rabbiifi Rasuulaa isinirratti labsama. Maallaqa Dhalaa fuudhanii Sadaqatuun ni hayyamama eega ka naan jettan tahe, Farshoo daldaluu fi baala sammuu hadoochu daldaluu irratti hirmaadhee, bu’aa waan sanirraa argadhu nin Sadaqadha taanaan naaf hayyamuu qabdan.

 

“Kookeenii fi baalota sammuu namaa hadoochan gurguree bu’aan argadhu hunda niin Sadaqadha”osoo jettanii gaafattanii Ulamaan isiniif hayyamu tokkolleen hin jiraatu. Sababni isaa dalagaan tun Haraama. Ribaa irratti yoo hirmaatte hawaasa miidhaa jirta. ‘Diinagdee Dhalarraa bilisaa tan Qur’aanaan deeggaramte’ mata duree ja’urratti haasawa taasiseetin ture. Dhalarratti hirmaatuun hiyyeessa haalaan hiyyoomsa. Nama waan kanarratti hirmaate irratti Rabbii fi Rasuulli waraana labsanii jiran. Akkaan an amanutti maallaqa Ribaa Baankii baasanii Sadaqatuun Haraama.

 

Tarii haalli itti hayyamamu jiraachuu mala. Fakkeenyaaf Dhala nyaachuun Haraama tahuu isaa arra bartan. Baankii irraa ammoo maallaqa Dhalaa qabdan. “Maallaqa kana akkam haa goonu?” jettanii yoo na gaafattan deebisaa kophatti isiniifin kenna. Garuu “Baankuma keessattiin kuufadha, achuma kaayeetin Dhala qofa irraa baasee Sadaqadha” yoo jettan, kun guutumaan guututti Haraama. Kanarratti Rabbii fi Rasuulli waraana labsan. Guutumaan guututti dhorkaadha.

 

Hanga arraatti Haraama tahuu isaa yoo hin beekin, maallaqa Dhalaa Baankii keessaa qabdan taanaan “maallaqa kana akkam haa goonu?”jettanii yoo gaafattan deebisaan addatti itti kennama. Kanaaf hayyoonni hedduun filmaata garagaraa kennan. Fakkenyaaf Sheekh ibn Baaz “maallaqa kana namoonni biroo akka Deynii(liqii) ifirraa kafalaniif jecha kennuu ni dandeessan” ja’e. Haa tahu malee Ulamaan hundi maallaqa Dhalarraa argame dhuunfaatti itti fayyadamuu akka hin qabne irratti waliif galan.

 

Maallaqa Dhalaa fudhatuun dhoorkaa tahus garuu akka tasaa tahee fedha keessaniin malee yoo isinitti dhufe fuutanii dhimma biraa irra oolchuun ni taha. Fakkeenyaaf maallaqa sooramaatu jira. Maallaqa sooramaa(xorataa) fedha keessaniin malee Akkaawuntii Dhala qaburra kaayan. Kun fedha keessaniin malee waan isinitti dhufe, tun gaafii addaati. Yookaan ammoo bakka dalagaatti namni isin waliin hojjattan osoo isin hin beekin yoo waan akkasii dalage, waan san isin quba hin qabdan taanaan fuutanii nama biraatii kennuu ni dandeessan. Haa tahu malee isin ifumaa Dabtara qusannaa Dhala qabu banattanii, san booda maallaqa Ribaa baasaa arjoomuun dhoorkaadha.

 

Wanni akkasii isin mudatee jira taanaan amma booda waan akkanaa irraa fagaachuu yoo murteessitan, maallaqa hanga ammaa Ribaa irraa argattan akka gootan isinittiin hima.

  1. Nama liqaan irra jiruuf kennuudha.
  2. Manneen hawaasni itti qulqullaawuu fi dhiqatu ittiin jaaruu ni dandeessan.
  3. Namoota rakkataniif arjoomuu ni dandeessan.

Garuu namoota isinitti irkatoo tahaniif kennuu hin dandeessan. Ilma keessaniif, intala teessaniif, Abbaa keessaniif, Haadha teessaniif kennuu hin dandeessan. Kunniin warra gargaarsa keessan haqa godhatu. Karaa gabaabaan namoota irraa dhaaluu dandeessanitti maallaqa san kennuun hin tahu. Akkasumas namoota isaan kunuunsuun isinirratti dirqama tahetti maallaqa Dhalaa san kennuun hin tahu. Qaama biraa kan tohannaa keessaniin ala jirutti kennuu ni dandeessan.

 

Garuu gama nama liqaan irra jiruutiin wal qabatee, Sheekh ibn Taymiyaan “namoota isinitti dhihoo tahaniif, Abbaa tahee, ilma tahee, yoo liqaan irra jiraate maallaqa Dhalaa san kennuun ni taha” ja’e. Sababnis liqaa nama sanii kafaluun dirqama keessanii miti. Dirqamni keessan jireenya guyya guyyaa isaanii guutuudha. Kanaafuu yoo Abbaan keessan, ilmi keessan ykn intalti teessan idaa ifirraa qabaatan, maallaqa Dhalaa dabalatee Zakaas isaaniif kennuu ni dandeessan. Zakaa aadumaan kennitan sanis firri keessan akka liqaa ifirraa kafalu itti kennuu ni dandeessan.

 

Haaluma wal fakkaatuun maallaqa Dhalaa fedha keessaniin malee isinitti dhufe kanaas warri isinirratti hirkatoo tahan akka liqaa ifirraa kafalaniif kennuu ni dandeessan. Nama biraatiifis kennuu ni dandeessan. Namoota harka qalleeyyii kan isinirratti irkatoo hin tahiniif kennuu ni dandeessan. Tola ooltummaaf oolchuu ni dandeessan. Manneen qulqullinaa ittiin tolchuu ni dandeessan. Garuu wanni beekuu qabdan, haala Ribaa san keessatti itti fufuu hin qabdan. Rabbi dhimma kanarratti ajaja ifa tahe nuuf kenne. Dalagaa tanarraa Tawbatuu yoo feetan ulaagaa Shan guutuu qabdan. Jalqaba, Dhalli dogongora tahuu isaa irratti walii galaa. Kanaafuu Ribaan dogongora jettanii walii galuu qabdan. Lammaffaa, hogguma dogongora tahuu isaa beytan sanitti ifirraa dhaabaa. San jechuun Akkaawuntii teessan jijjiiruu qabdan. Akka Dhalli sun itti fufu godhuu hin qabdan.

 

Dabtara san yeroma san ifirraa dhaabuu qabdan. Akkaawuntii Dhala hin qabne keessa kaayaa. Akkaawuntii banachuun dirqama yoo isinitti tahe kan Dhalarraa bilisaa banadhaa.

An Indiyaa keessaan jiraataa ture. Biyyoota Shari’aan hin bulle keessa jiraannee beyna. Akkaawuntii Dhalarraa bilisa tahe banachuu ni dandeessan. Kanaafuu Akkaawuntii dhaluu hin dandeenye banachuu keessan mirkaneeffadhaa. Akkaawuntii hedduun Dhala qaba. Kanaafuu isin Account Dhalarraa guutumaan guututti bilisa tahe banadhaa. Sababni isaa wayta Akkaawuntii banattanii maallaqa Baankii keessa kaayattan, isin maallaqa isaaniif kennitanii, warri maallaqa san itti fayyadame akka Dhala isiniif kafalu hayyamaa jirtan jechuudha. Kun guutumaan guututti Haraama.

 

Kanaafuu amma dura Akkaawuntii Dhalaa qabdan taanaan ammuma gara Akkaawuntii Dhalarraa bilisaatti jijjiiraa. Maallaqa Dhala sanirraa hafe, akkuma dura isinitti hime sanitti wantoota irratti baasuu qabdanirratti baasaa. Wanni beekuu qabdan guddaan, Akkaawuntii Ribaa san hatattamaan ifirraa dhaabuu qabdan. “Maallaqa Ribaa irraa baaseetin jira” jettanii Akkaawuntii itti fufsiisuun dhoorkaadha. Akkaawuntii san dhiistanii keessaa bahuu qabdan. San booda Akkaawuntii Dhalarraa bilisaa banadhaa. Maallaqa mana keessan keessa kaayuun ulfaataa yoo tahe, Baankii keessa kaayachuu dandeessan.

 

Akkasumas daldala karaa Check dalagattan taanaan Akkaawuntii Dhalarraa bilisa tahe banadhaa. Wanni irra gaariin Baankii Islaamaa keessatti Akkaawuntii banachuudha. Lammeessoo ammoo, biyya teessan keessa Baankiin Islaamaa yoo hin jiraanne, Baankuma jiru sanitti banadhaa. Garuu Dhalarraa bilisa tahuu isaa mirkaneeffadhaa. Ribaa san dura sababa wallaalummaa keessaniitiif isinitti seene, harka qalleeyyiif kennuu ni dandeessan, sun hayyamamaadha.”

 

Back to top button