header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Kaayyoon kiyya Muslimoota hunda Kiristaana godhuu ture.

Maqaan kiyya Toonii Jedhama. Lammii biyya Kaanaadaati. Umriin kiyya amata 33. Barumsa Information technolojiitiin Digrii qaba. Alhamdulillaah, Ani Muslima. Muslima tahuu kiyyaan dura Kiristaana ture. Garee warra cuuphaa (Baptist) Jedhamu keessatti ramadama. Yeroo kiristaana ture sanitti Gooftatti amanaa ture. Haa tahu malee, Akka Bataskaanni nutti himtutti Gooftaan sun haala sadihiin ibsamuun isaa naaf liqimsamuu dide. Sababa kanaaf, Iyyasuus eenyu kan Jedhu na cinqaa ture. Gareen Kiristaanaa gariin Iyyasuus ilma Rabbiiti Jedha. Kiristaanonni gariin ammoo innummaanuu gooftaadha Jedhan. Kanaaf, hubannoo Rabbii irratti wanti heddu na cinqaa ture. Hubannoon an waa’ee Rabbii irratti qabu wal xaxaadha.

Waa’ee islaamummaa jalqaba osoo makiinaa kiyya oofu dhagahe. Yoo sanitti umriin kiyya amata 16 ture. Gara dalagaa deemuuf makiinaa kiyya oofaa ture. wayta oofu kanatti sagantaa Raadiyoo Kiristaanaa tokko dhaggeeyfataa ture. Sagantaa san irratti, Muslimoonni Addeessa, dhagaa gurraachaa fi Nabi Muhammadiin gabbaran Jedhaa haasawan. Akkasumas Muslimoonni jeeqxota, Islaamummaan amantii jeequmsaati, Shoorarkeessummaatu islaamummaa keessa jira Jedhaa wantoota negaatiiva tahan haasawu. Yeroma kanatti, Mishinarii kiristaanaa kan kiristaanummaa barsiisuun muslimoota kafarsiisu tahuu murteesse. Kun ammoo Macaafa akka sirritti dubbisuu fi baradhu na godhe.

Wayta macaafa qoradhu kana Nabiyyoonni hundi mataa isaaniitiin lafa tuqaa Rabbi gabbaraa akka turan hubadhe. Akkasumas Iyyasuus soomanee akka ture bare. Wantoota heddu baradhe. Macaafuma keessatti dubartoonni hijaabaa fi niqaaba qaama isaanii haguugu uffatuu isaanii bare. Kun ammoo waan heddu akka baruuf na kakaase. Sababni isaa Muslimoonni wantoota kanniin raawwachaa akka jiran nin beeka. Kiristaanonni ammoo wantoota macaafa keessatti ibsaman kanniin dalagaa hin jiran.

An maatii kiristaanaa keessatti guddadhe. Maatii kiristaanummaa haalaan jabeessu keessatti guddadhe. Wayta Rabbi kadhattu harka kee akkana gootee kadhachuu qabda jechuun na barsiisan. Ykn ammoo qubbeen walkeessa kaayuun akkanatti kadhadhu Jedhanii filmaata biraa naaf kennan. Filmaanni keeti. Wayta sagaddu sanitti gara samii ilaaluu qabda. Rabbi ilaalaa jirta jechuudha. Yeroo waan kana na barsiisan an ijoollee ture. Akkaataan isaan itti na barsiisanii fi haalli kadhannaa isaan na barsiisan sun, macaafa keessa ni jiraata Jedhee yaadaayyu. Sababni isaa namni hundi isuma na barsiise. Bataskaana keessattis akkasitti sagadu.

Kana booda an ofii kiyyaan of barsiisuu akka qabu murteesse. Ilaalchota rakkoo natti tahan heddu qabaahu. Wantoota TV fi Raadiyoo irratti dhagahurraa wantootni heddu naaf liqimsamuu didaniiru. Deebisaa isaanii argachuuf namoota biroo irratti iirkachuu mannaa ofii kiyyaa qorachuu fi barachuu akka qabu murteesse. Waan amma dura na barsiisan hunda akka waan hin baratiniitti irraanfachuun akka haarawatti jalqabe. Baruumsa san ammoo madda bu’uuraa irraa akka barachuu qabu of amansiise. Murtiin sun hundi of eeggannoo fi hawwii barachuuf qaburraa madde.

Wantoota macaafa keessaa ajaa’iba natti tahan keessaa tokko, Ergamaan biraa Iyyasuusiin booda ni dhufa Jedhamee barsiifamuu isaati. Kun waan haalaan nama ajaa’ibaati. Haa tahu malee namoonni hedduun macaafa haala saniin hiikanii nu hin barsiisan. Namni hedduunis haala saniin hin hubanne ture. garuu yoo ofii keetii barbaadde barreeffama akkas Jedhu ni argatta. Fakkeenyaaf kitaaba Faarfannaa (Psalms) yoo dubbistu, ‘Kitaabni namicha hin baratinitti kennama. Dubbisi isaan Jedhan. Innis deebisee dubbisuu hin dandayu Jedha’ Jedhamee barreeffameera. Anis namni kun eenyunni? Jedhee gaafatuu jalqabe. Waan haalaan nama dinqisiisu.

Yeroo duraatiif Qur’aanni yoo qara’amu kan dhagahe umrii dargaggummaa kiyyarratti. Umrii kiyya kan gara kurnan boodaatti dhagahe. Yeroo sanitti CNN ilaalaa ture. Sagantaan TV sunis wayta Muslimoonni salaatan mul’isa. Akka an yaadetti, Viidiyoo san nama sodaachisuudhaaf mul’isan natti fakkaateeyyu. Nin yaadadha, wayta Muslimoonni salaatan duubarraan waraabaa turan. Kaameraan ammoo gubbaa irraa gad waraaba. Namni hundi haala wal fakkaataan sujuudaa ture. Yeroon sun yeroo Qur’aana jalqaba dhagaheedha. Haalaan nama hawata ture. Gurra kiyya amanuu hin dandeenye. Akkam bareeda jechuun maalale. Mudannoon sun ija tiyya imimmaaniin jiise. Haalaan namatti tola.

Kanaafuu guyyaa tokko gara Masjiidaa deemee Qur’aana fudhachuudhaaf murteesse. Akkasumas nama muslimaa waliin yeroo duraatiif haasawuu barbaade. Waan Intarneetaan arguu fi TVn argu ykn Raadiyoon dhagahu osoo hin taane, qajeeluma ijaan arguu fedhe. Gara Masjiidaa deemee, Imaama Masjiidaa kan hiddi dhaloota isaa Somaaliyaa taheen wal arge. Innis Hiikkaa Qur’aanaa naaf kenne. Eega naa kenneen booda; “yoo barbaadde duubarra teessee wayta nu salaannu nu laaluu dandeessa”naan Jedhe. Yeroo sanitti saa’aan salaata Magriibaa kalaayee ture. Anis duuba taa’ee dhaggeeffachuu itti fufe. Akkaataan inni itti qara’aa ture haalaan bareedaa ture. Namni sunis nama akhlaaqa gaarii qabuudha. Hiikkaa Qur’aanaa san tola naaf kenne. Qur’aanni inni naaf kenne Ingiliffaa fi Arabiffa ofirraa qaba. Cinaan tokko Ingiliffaa cinaan tokko ammoo Afaan Arabaati. Tola naaf kennee jennaan, ‘Wow, ati nama arjaadha. Dhuguma tola naaf kennitaa?‘ Jedhee gaafadhe. Innis, ‘Eyyaan, Namni yoo qur’aana barbaade isaa kennuun dirqama kiyya‘ naan Jedhe. Anis kafaltii takka malee bilaash fudhadhee gale.

Qur’aana keessaa aayaan haalaan na hawate, Aayatal Kursii ture. Yeroo jalqaba dubbisu, aayaan tun aayaa haalaan jabduu tahuu isii hin beeku ture. akkuma aayatoota kaawwanii natti fakkaattee bira kute. Garuu Aayaan sun, Rabbi akka hin rafne dubbata akkasumas Inni waan hundarratti humna qabaachuu isaarraa waan dubbatuuf anaaf waan guddaa ture. Sifa aayaa san keessatti himame, isa Kiristaanummaa keessa jiru waliin wal bira qabee ilaale. Wayta ilaalu inni kiristaanummaa keessaa waan fudhatamuu hin malle tahuu hubadhe. Sababni isaa Kiristaanummaa keessatti, Seenaa ‘Rabbi akka ilma namaa taheera’ Jedhamee barsiifamutu jira. Ya’quub Gooftaa waliin wal’aansoo godhee mooheera Jedhama. Kanaafuu Kiristaanummaa keessatti Rabbi humna hin qabu jennee laaffisnee isa hubanne. Akkasumas Macaafa keessatti Rabbi boqonnaa akka isa barbaachisuu fi akka rafu barsiifama. Kanaafuu wayta Aayaa san dubbisu dhiibbaa guddaa natti uume. San booda ‘Gooftaa kamtu ka sirriiti?’ kan Jedhu gaafatuu jalqabe. Isa laafaa Jedhamee ibsame san moo? Isa hunda caala Jedhame san? Ani ammoo filmaataa loojikaa waliin deemuu akka qabu murteesse.

Gama birootiin aayaatoonni birootis kan dhiibbaa guddaa narratti uuman ni jiru. “Ni qajeeltuu Yahuudaa yookiin kiristaanota tahaa”Jedhan. “Dhugumatti karaa Ibraahiim isa qajeelaa tahe hordofna; Innis mushrikoota irraa hin taane”Jedhi.  jedhamee ibsamee jira.

 

Aayaa biraatiin ammoo “Ibraahim yahuudas kiristaanas hin taane. Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni Mushrikoota irraahis hin taane”Kan Jedhu ni jira. aayatoonni kunniin lamaan dhiibbaa guddaa natti godhan. Aayatoonni kunnin, warra akka amantii kiyya jijjiiru na godhaniidha. Saniin ala kiristaanuma tahee turuu danda’aayyu. Garuu aayatoonni kunniin akka amantii kiyya jijjiiru dhiibbaa natti godhan. Sababni isaa wantoonni kunniin wantoota dhugaa kan barreeffamaniidha. Ammoo waan loojikii tahe mormuu hin dandeessu. Namni yahuudaas haa tahu kiristaanaa, Ibraahimiin akka fakkeenyaatti ilaala. Akka hayyoonni islaamaa jedhanitti, Inni akka abbaa amantii tawhidaatti fudhatama. Ibraahim, Amantiileen kunniin uumamuu isaaniitiin dura ture. Inni Yahuudaa hin turre. Sababni isaa wayta inni lubbuun jiru Yahuudaan hin turre. Inni Kiristaana hin turre, inni Kiristaanummaa dura jiraataa ture. kanaafuu wantoonni kunniin dhiibbaa guddaa natti godhan. Dabalataan jalqabuma Qur’aana wayta dubbisu, Suuraa baqaraa irratti, Kun kitaaba mamiin keessa hin jirre. Jedha. Kun waan jabaadha.

Namicha Imaamaa kan somaaliyaa saniin yeroo heddu wal argaa turre. Adaduma Qur’aana dubbisuun wantoota gaafii natti tahan barreeffataa, yeroo lamaa fi sadih dhaqee isa gaafadhee ture. Mormiiwwan Sheek Ahmad Diidaat faati godhan dhaggeeffataa, irraa barataas ture. Intarneetarratti gama Yuutiyuubiin viidiyoolee namoota garagaraa ilaalaa ture. Boodarratti wanti qorataa ture sun sirrii tahuu isaa hubadhee. Imaamicha kana, kan anaaf hiriyyaa naaf tahe waliin wal arguuf gara masjiidaa makiinaa kiyya oofaa deeme. Xumura irrattis gaafiilee ifa naaf godhuu qabu qabadhee ture. eega deebisaa argadheen booda Muslima tahuu barbaada Jedheen. Bas akkasumatti gabaabbinaan xumurame.

Innis heddu gammade. Dhugaa sitti himuuf yeroo sanitti xiqqoo cinqamee ture. Murtee dhugaa murteessaa akka jiru nin beeka. Sababni isaa yeroo hedduuf itti yaadaa ture. qorannoo heddu taasisee ture. ofii kiyyaanis waan heddu barataa ture. Wayta shahaadaa Jedhu san miira ifaa wahiittu natti dhagahame. Nageenyatu qalbii na seene. Murtee kiyya saniinis heddu gammade. Imaamichis, namoonni hundi dhufanii akka nagaya naan Jedhan fi na gammachiisan itti hime. Musliima tahuu kiyyatti heddu gammadan. Dhugaa dubbachuuf wanti akkanaa ni mudata Jedhee hin eeyne. Wayta namni tokko gara islaamummaa deebi’u, namoonni biroo Hagana gammadan hin seeneeyyu.

Amantii keessatti nama dirqamsiisuun hin jiru. Kanaafuu Muslima tahuu qabda Jedhee sin dirqu. Yoon akkas godhe, Rabbi na adaba. Sababni isaa Rabb iQur’aana keessatti, amantii keessatti dirqamsiisuun hin jiru Jedheera. Ilma namaa dirqamsiisuu hin dandeenyu. Wanti an siin jechuu dandayu, baradhu, masjiida naannoo keetti argamutti dhihaadhu. Amma dura yoo nama muslimaatiin walitti dhihaachuu baatte,  hubannoo dogoggoraa hedduu qabaatta. Hubannoon dogoggoraa akkanaa kunniin ammoo Muslimoota haqaa yoo argatte sii qulqullaaya. Islaamummaa fudhachuu yoo hin barbaannellee mirga keeti. Sammuu kee bani, sammuu keetiin xiinxalli. Yeroo fudhuu itti yaadi. Islaamummaa baratuu yoo barbaadde, sun waan gaariidha. Yeroo fudhadhuu itti yaadi. Murteen keetuma.

Abbaa fi haadha kiyyatti karaa iimeeliitiin hime. Sababni isaa suuta Jedhee isaan hubachiisuu waan barbaadeefi. Kanaafuu ofii dhaqee itti haasawuurra, Iimeeliin karaa gaariidha Jedhee yaade. Eega dubbisaniin booda yeroo fudhatanii itti yaadu Jedhee yaade. Kanaafuu Islaamummaa qeebaluu kiyya iimeeliidhaan isaanii ibse. Islaamummaan dhugaa tahuu isaanii hime. Hubannoo dogoggoraa hedduu keessa waanin tureef, murtee tiyya tanaan natti hin mufatinaa, bal’isaa yaadaa Jedheen.

Dhugumatti isaan heddu rifatan. Tahullee Akka na jaalatanii fi yeroo hunda ilma isaanii akka tahe natti himan. Garuu amma booda yoo nu rifachiisuu barbaadde, yeroo gaarii tahe filadhu naan Jedhan. Dhugaa dubbachuuf isaan Islaamummaa fudhachuu kiyyatti hin gammanne. Garuu ilma isaanii akka tahee fi akka na jaalatan naa himan. Dargaggeessa waanin taheef murteen kiyyumma tahe.

Eega Islaamummaa qeebaleen booda Websaayitii bane. Kaayyoon Websaayitii kanaa ilaalchota dogoggoraa ifa taasisuudha. Sababni isaa anis islaamummaatti seenuun dura hubannoo dogongoraa heddu qaba. Wantoonni hedduun kan an hin beeynetu jira, wantoota heddu kan islaamummaa keessa hin jirre garuu ni jira Jedhee kan yaadutu jirayyu. Sun ammoo sirrii hin turre.

arraan tana walitti dhufeenyi anii fi Qur’aanni waliif qabnu jabaateera. Heddu dhaggeeffadha. Tarii haffazuurratti jabaa tahuu dhabuu dandaya. Suuta Jedhee nin Qara’a. garuu waan haalaan nama gammachiisuudha. Akkuma meeshaa wahiiti. Ulfaataadha. Garuu waan qulqulluu fi qalbii keenyas tuquudha.

Haasawa isaa guutuu afaan ingiliffaatiin dhageeffachuuf LINK kana tuqaa

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button