header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Korri Mana Maree Dhimmoota Islaamaa hoggantoota haaraya muuduun goolabame

Kora Mana Maree Dhimmoota Islaama Ityoophiyaa Guyyaa har’aa Adoolessaa 11/2014 hoteela Sharaatonitti geggeeffameen, hoggantoota majliisaa waggaa sadihiif turan muuduun goolabame. Haaluma kanaan

Kora kana irratti bakka buutota naannolee biyyattii hundarraa walitti dhufan jidduu, miseensonni koraa waliigalaa nama 30 fi miseensonni koree hojii raawwachiiftuu namoota 14 muudamanii jiran. Haaluma kanaan:

  1. Sheikh Hajji Ibraahim Tufaa Prezidaantii Majlisaa
  2. Sheikh Abdulkeriim Sheikh Bedreddiin itti aana Prezidaantii
  3. Sheikh Abdulaziiz Sheikh Abdulwalii itti aana Prezdaantii
  4. Sheikh Hamiid Muusaa barreesaa ta’uun filatamanii jiru.
  5. Sheikh Abdulhamiid miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  6. Sheikh Idriis Alii miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  7. Sheikh Muhammad Ahmad Yaasin miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  8. Haaj Musxafaa Naasir miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  9. Sheikh Almardii Abdullaahi miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  10. Sheikh Huseen Hasan miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  11. Sheikh Zaakir Ibraahim miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  12. Sheikh Muhammad Amiin Ayaash miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  13. Sheikh Amiin Ibroo miseensa koree hojii raawwachiiftuu
  14. Inj. Anwaar Musxafaa miseensa koree hojii raawwachiiftuu tahuun muudamanii jiran.

Hoggantoonni haaraya muudaman har’a waaree booda galma majliisa federaalaa keessatti ibsa gabaabaa kennaniin, tokkummaa hawaasa muslimaa cimsuu irratti xiyyeefftanii kan hojjatan tahuu beeksisan.

Back to top button