header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Ulamaa Godina Shawaa Kaabaa Haarayatti Hundeeffame

Manni marii dhimmoota Islaamaa naannoo Oromiyaa caasaa hoggantoota Majlisaa godinaalee fi aanaalee haarawa qophaa’e irratti ummata mariisisuun, caasaa hoggansa Majlisaa duraanii diiguun haarawaan bakka buusaa jira.

Haaluma kanaan miseensoonni mana marii naannichaa irraa bakka buufaman guyyaa kaleessaa, bakka bu’oota hawaasa Muslimaa aanaalee fi gandoota Shawaa Kaabaa waliin magaalaa Ficheetti marii eega godhan booda, koree Majlisa godina Shawaa Kaabaa haarayatti filan.

Filannoo geggeeffame kanaan mana marii Ulamaa godina Shawaa Kaabaa miseensota sagal qabuu fi Koreen Boordii mana Dhimmoota Islaamaa godinichaa miseensota 7 qabu hundeeffamuu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoo walfakkaatuun Manni marii dhimmoota Islaamaa waliigalaa magaalaa Finfinnee ttis torbaan dabre keessa, hoggantoonni mana marii kutaa magaalaa 10 fedhii isaaniitiin aangoo lakkisuu hordofuun, hoggantoota haarayaaf muudama kan keenne tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button