header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Al Nakbaa (Gaaga’ama)

Badii addunyaan argitee akka waan hin arginee irraa dunuunfatte. Ta gurraan haalaan dhageessee akka waan hin dhageenyee gurra iraa duuchite. Cinqaan, dararaafi rakkoon ummatni Falasxiin waggaa 71’f dhandhame arras xumura hin arganne. Fakasxiinonni Osoo biyya qaban biyya irraa ariyamanii baqattuu tahan. Ooyruu osoo qaban, saamamanii kadhachuuf dirqaman. Mana osoo qaban keessaa dhiibamanii dukkaana keessa buluuf dirqaman. Arras rakkoon isaanii kun furmaata hin arganne. Bara 1948 caamsaa 15 lammiileen falasxiin qe’eerraa ariyaman waggaa 71 boodas qubsuma dhabanii addunyaa guutuu keessa faca’anii dararamaa jiru. Barruu tanaan seenaa ummata Falasxiin keessatti waa’ee Al Nakbaa ykn gaaga’amaa isinii dhiheessina.

Al Nakbaan jecha afaan Arabaati. Hiikkaan isaatis balaa ykn gaaga’ama jechuudha. Jechi kun uumamuu biyya Israa’el kan ibsu osoo hin taane, Jecha Ummata Falasxiin qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuuf xaxame ibsa. Israa’el bara 1948 caamsaa 14 biyya walabaa tahuu isii labsite. Caamsaa 15 ammoo shirri durumaahuu karoorfamee ture, kan ummata Falasxiin, dachii Falasxiin keessaa duguganii baasuu jalqabe. Mummicha Ministeera Israa’el jalqabaa kan tahee Deevid Ben Guuriyoon hoogganaa shira kanaa ture. Ummata kana karama dandeenye hundaan buqqisnee asii baasuu qabna jedhee garee milishaa ofii hoogganu kan Haaganaa jedhamu ajaje. Kanuma hordofuun gaafa caamsaa 15 irraa kaasee lolli qindaawaan haalaan karoorfame godhamuu jalqabe. Ummanni Falasxiinis qe’ee isaa gad dhiisee buqqa’uu eegale.

Yakka duguuggaa sanyii kanaan magaalotaafi fi Baadiyaan Falasxiin 500 tahan akka barbadaawan godhame. Kanneen keessaa Falasxiinonni gandoota baadiyyaa 303 keessa jiraataa turan guutumaan guututti gandoota sanniin keessaa akka bahan godhame. Gandoota 81 ammoo jiraattota hunda keessaa ariyanii, manneenis diiganii barbadeessan. Eega manneen diiganii booda, akka dachii qullaa fakkaatu godhuuf mana diigamee caccabes dachiirraa qulqulleessan. Tarkaanfii israa’elootaa kana booda laftii gandoonni 81 irratti jaaramee ture kun, dirree diriiraa achi dura qubsumni tokkollee irratti jaaramee hin beeyne fakkata. Magaalotni yeroo sanitti lammiilee heddu qabaachuun beekkaman Yaafaa fi Hayfaanis Falasxiinota heddu akka dhaban godhame. Dimshaashumatti lammiileen falasxiin parsantii 80 ol tahan magaalota kanniin keessaa dhiibamanii baafaman.

Yeroo Gaaga’amaa ykn Nakbaa kanatti lammiileen Falasxiin kuma 700 tahan qe’ee fi qabeenyarraa buqqaafamaniiru. Kana jechuun ummata Arabaa yeroo san ture keessaa parsantii 80 kan tahu qe’ee irraa ariyame. Akka galmeen seenaa ibsittu lammiileen falasxiin parsantii 20 tahan ammoo biyya amma Israa’el jedhamtee waamamtu keessatti akka hafan godhame. Ummanni kun yeroo ammaattis Israa’eluma keessa kan jiraatan yoo tahu “Arab Isra’elii”jedhamanii waamaman. Mirga filachuu fi filatamuutis ni qaban. Haa tahu malee seera Israa’el qabdu keessaa kanneen 20 ol tahan mirga Addaa warra Yahuudaatiif kennee isaan ammoo dhoorkatee jira. Kana jechuun lammiileen Arab Israa’elii jedhamanii waamaman kunniin wantoonni isaan raawwachuu hin dandeenyee fi mirga itti hin qabne 20 oltu jira jechuudha.

Ummata Falasxiin kan yeroo ammaa kanatti miiliyana 10 ni caala jedhamee tilmaamamu keessaa, miiliyana 4.4 kan tahu baqattummaadhaan galmaayanii jiraatu. Kanneen miiliyana lamatti dhihaatan kan hin galmaayinis ni jiru. Baqattoonni kunniin West Bank, Gaazaa fi biyyoota ollaatti argamuudhaan cinattis, dachii isaanirraa fagaatanii biyyoota akka Braazil, chiilii fi kanneen biroo keessattis ni argamu. Akka seera dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti baqattoonni mirga nagayaan jiraachuu, gara qe’ee isaanii deebi’uu ykn ammoo haalli mijaayeefii gara bakka barbaadanii imaluudhaatis ni qabu. Seerri kun biyyoota birootiin kabajamus Israa’el garuu seera kana hin kabajju. Lammiin Falasxiin tokkolleen akka gara qe’ee isaa deebi’u hin hayyamtu. Akka dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii ibsetti, yeroo ammaa kanatti ummata guutuu addunyaatti qubsuma isaarraa buqqa’ee jiraataa jiru keessaa parsantii 40 kan tahu ummata Falasxiini.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button