Roobni rahmata Rabbiin uumama dachii tanarra jiru cufaaf oole keessaa isa tokko. Rooba malee biqiltoonni hin biqilan. Rooba malee laggeen hin jiraatan. Rooba malee mana ijaaratuunis rakkisaa ta’a. Roobni samii irraa bu’u kun gariin yaa’ee qaamman bishaaniitti makama. Gariin ammoo lafa jala seena. Bishaan lafa jala seene kunis qulqullaawee dhugaatiif akka mijjaawutti deebi’ee burqa. Gariin ammoo ilma namaatiin qootamee baafamee dhugaatiidhaaf akka oolu taasifama. Walumaa galatti Roobni jireenya ilma namaatiif akkaan barbaachisaadha.
Akka qorattoonni jedhanitti roobni marsaa mataa isaa qaba. Jalqaba aduun bishaan dachii tanarra jiru kanneen akka laggeenii, burqituu, haroo, malkaa, garbaa fi galaanaa irraa hurki akka uumamu gooti. Hurki uumame kunis hammi isaa xiqqaa waan ta’eef, akkasumas ulfaatina waan hin qabneef gara samii ol hurka. Paartikilooni xixiqqoon kunniin eega gara samii ol hurkanii booda walitti dhufuudhaan duumessa guddaa uuman. Yeroo duraan gara samii ol hurkan ufaatinni isaanii xiqqaa waan ta’eef gara dachii deebi’uu hin danda’an. Kanaafuu Paartikiloota biraatiin walitti makamaa jiidha guddaa kan ulfaatina qabu ta’uu qaban. Waan ulfaatina qabu kanatu bifa bishaaniitiin gadi cophaa dachii teenya jiisa. Roobni bifa cophaatiin bu’e kun ammoo deebi’ee qaamman bishaanii akka laggeenii, garbaa, haroo fi galaanaatti makama. Ammas deebi’ee marsaan duraanii sun itti fufa jechuudha.
Adeemsi Roobni ittiin uumamu hundi dalagaa Rabbiiti. Galaanaa fi Garba Rabbumatu uume. Aduu bishaan sanniin hurkisiistus isumatu uume. Qilleensa hurka san gara sammii baasus kan uume Rabbii keenya. walumaa galatti Rabbiin keenya rahmata isaatiin rooba nuuf kenne jennee afaan guunnee dubbanna. Akka namoota dhama’anii roobni sababa jijjiirama qilleensaatiif argame jennee karaa irraa hin jallannu.
Nama duumessa samii keessa jiru kana xiinxallee ilaaleef baruumsa guddatu jira. Duumessi kun akkamitti gubbaa sanitti walitti qabame jedhee of gaafannaan, guddinaa fi rahmata Rabbii isaa seeraan hubata. Duumessi yoo asii ol laallu hurrii xixiqqoo nutti fakkaatu kun, kuusaa bishaanii haalaan guddaadha. Duumessi ulfaatina jiddu galeessa qabu tokko haga kilo 500,000 ulfaata. Osoo Rabbiin keenya duumessa jiidhaa nu gubbaa jiru kana yeroo takkaan akka bishaan jookii keessa jigaa jiruutti gad dhangalaasee, wanti dachii tanarratti hafu tokkolleen hin jiru. Haa ta’u malee inni rahmata isaatiin copha xixiqqoo qaama namaa hin miineen gad nuuf buuse. Cophni sunis walitti baay’atee lafa jiisa. Dabalataanis haroo yaasee laggeenii fi qaamman bishaanii garagaraa ittiin guuta. Kanaaf Roobni rahmata Rabbiiti jenna.
Roobni nannoo adda addaati garaagarummaa qaba. Akkasumas bifaa fi amalli isaatis adda adda. Roobni gariin bifa cabbiitiinis ni rooba. Gariin ammoo bubbee makates ni rooba. Roobni haala kanaan roobu biqiltootaa fi wantoota gargaaraa miidhuu danda’a. walumaa galatti rooba bifa garagaraatiin roobu kanniin iinchii ykn miilimeetiraan madaalu. Addunyaarraa eddoon rooba xiqqaa argatu Ardii antarkitikaati. Avrejiiadhaan ardiin tun rooba iinchii 6.5 qofa argatti. Rooba guddaa argachuudhaan sadarkaa duraa irratti kan argamtu ammoo biyya Indiyaa yoo taatu, waggatti rooba iinchii 467 argatti.
- Cophni takka duumessa irraa kaatee lafa dhaqqabuudhaaf avreejiidhaan daqiiqaa lama turti.
- Sakandii tokko keessatti Hurka Toonii miiliyoona 16 ta’utu qaamman bishaanii irraa gara samii hurka.
- Guddinni copha roobaa garaagarummaa qaba. Tiifuun xixiqqoon diyaameetiriidhaan miiliimeetira 0.1 yoo ta’u inni guddaan ammoo milimeetira 9 ta’a
- Roobni Phantom rain jedhamu kan dachii gammoojjii keessatti roobu, hedduun isaa osoo lafa hin seenin akkuma lafa bu’een gara samii hurkee deebi’a. gariin osoo lafa hin gahun deebi’a. sababaan kanaa ammoo, aduun naannoo gammoojjii dachii waan akkaan oowwistuuf, bishaan roobaa akkuma irra bu’een deebi’ee hurka.
- Biyya ameerikaa Kutaa Hawaii, gaara Wayaaliyaalee jedhamu irra roobni guyyaa hunda rooba jechuu dandeenya. Waggaatti guyyaa 350f roobni ni rooba.
Qophii: Abuu Ibtisaam