header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Toltuu dalagdu sumaafi. Hamtuu dalagdus sumatti deebiti.

© Abu Ibtisam

Dubartiin takka ganama hunda maatii isiitiif daabboo dalagdi. Daabboo tokko ammoo rakkataa karaa irra deemuuf jettee tolchiti. Daabboo tokkicha rakkataaf jecha dalagdu kana yeroo fooddaa manaa irra keettee, Abbaan carraa haa fudhatu jettee achirratti dhiifti. Guyyaa hunda ammoo jaarsa duydaan gad jedhee deemu tokkotu fudhata. Wayta fudhatu kana galatoomaa, ykn Rabbi isinii haa kennu jechuurra ‘Toltuu dalagdu simaafi, hamtuu dalagdu simatti deebi’a’ jedhaa deema.

Haala kanaan guyyaan heddu dabre. Guyyaa hunda wayta daabboo san fudhatu dubbima san dubbataa deema. Dubartiin tun Nama kanarraa galata dhabnaan dallanuu jalqabde. “Maal qaba guyyuma takka osoo na galatoomfatee”jetti yeroo hunda. garuu dubbiin manguddichaa hin jijjiiramne. Dubartiin sun dallansuun isii daangaa dabrinaan, nama kana ofirraa hobbaafachuu yaadde. Kanaafuu daabboo isaaf jecha dalagdu keessatti summii makuu karoorfatte. Haala kanaan guyyaa tokko daabboo isaaf xumura irratti dalagdu keessatti summii maktee dalagde.

Kana booda akkuma baratte, daabboo san fooddaa irra kaayuuf wayta deemtu harki isii hollatuu jalqabe. ‘Maal dalagutti jira? Maalf akkana godhe?’ jettee ofitti dallantee daabboo namichaaf dalagde san ibidda keessatti eega darbiteen booda, daabboo maatiif dalagde keessaa tokko fooddaarra keette. Jaarsi sun harras dhufee, “Toltuu dalaydu simaaf ta’a, hamtuu dalagdu simatti deebi’a”jedhee fudhatee deeme.

Dubartiin tun Sababaa isii cinqee dalagaa kanatti isii kaasetu jira. Ilma isii kan akkaan jaalattu eega dhabdee bubbultee jirti. Kanaaf guyyaa hunda daabboo tokko tokko sadaqataa, akka Rabbiin dalagaa isii tana irraa qeebalee ilma isii deebisuuf du’aa’ii gooti. Isiin manguddicha daabboo guyyaa hunda fudhatu kanarraallee, du’aa’ima akkanaa barbaaddi. garuu argachuu hin dandeenye. Haa ta’u malee dubbiin namichaa qalbii isii waan tuqeef toltuu dalaydu ittuma fufuu murteessite.

Gaafa tokko halkan wayta isiin hulaa isii cufattee rafuuf qophaayaa jirtu, namni tokko hulaa mana isii dhadhaye. Wayta kaatee hulaa bantu, ilma isiitu hula dura dhaabbata. gammachuudhaan of wallaalte. Ilmi isii kan ji’oota hedduuf dhabamee ture, tola Rabbii guddaatiin deebi’ee balbalarra dhaabata.  Rakkoorraan kan ka’e qaamni isaa huqqatee jira. Uffannis irratti moofee jira. Beelaa fi dheebuunis qaama isaa yarsee jira.

“Ilma kiyya, maal na jalaa taate, maaltu si mudate?”jettee ofitti buttee ammatte.  Ilmis ” Yaa Ummaa tiyya,  harra as gahuun kiyyaa mu’jizaadha. Karaa dheeraa miilaan deemee dhufe. Guyyaa hedduuf midhaanii bishaan afaan kiyya hin seenne.  wayta as kalaahu garuu dadhabee lafa dhahe. Anaa du’aa fi jiruu jidduu jiruu jaarsi tokko dhufee daabboo naa kennee, “wanti guyyaa hunda nyaadhu tana qofa. Tanaa dubartii takkatu guyyaa hunda fooddaarra naaf kaaya. Edana an qooqa buti. Ati tana nyaadhu”naan jedhe. Akkasitti daabboo san nyaadhee hafuurri natti deebi’ee as gahe”jedhee waan isa mudate itti hime.

Haati rifatuun gaggabdee lafa dhoofte. Xiqqoo booda bishaan itti facaasanii kaasan. Wayta dammayxu daabboo summii itti goote san yaadattee booyuu jalqabde. Silaa jaarsi sun daabboo summii san fudhatee deemee, ilmuma isiitu nyaatee du’aayyu. Dubbiin jaarsaa sun reef ifa isiif ta’e.

Toltuu dalaydu simaaf taati, hamtuu dalagdu simatti deebti.

Toltuu dalaguu haa heddummeessinu. Nama gammachiisuuf ykn ammoo nama sanirraa galata argachuuf osoo hin taane, Rabbii keenyarraa ajrii barbaaduun toltuu haa dalagnu. Waan dalagnu saniin osoo namni nu arrabseeyyuu toltuu dalagnu sanirraa of duuba deebi’uu hin qabnu.
Rabbi nama toltuu dalagu nu haa godhu.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button