header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qileen Garba Kanaa Finfinnee irraa hanga mooyyalee caalaa dheerata: Tafakkur-Garba Hindii

Hedduun keenya Mana Barnootaa keessatti waahee garba guddaa Hindii barannee jirra. Garbi guddaan hindii kun maal akka fakkaatu tafakkurtanii beeytuu? Bal’inni isaa hagam gaha. Bineensonni isa keessatti argaman hoo? Barruu tana keessatti gabaabinaan laalla.

Garbi indiyaa garboota dachii tanarra jiran keessaa Atlaantikii fi Paasifiikitti aanee guddinaan sadarkaa sadaffaa irratti argama. Bal’inni isaa fiixee Afriikaa Kibbaa irraa kaasee hanga Awustraaliyaa jiru kilomeetira 9,978 ta’a. Garbi kun kallattii hundaan Ardiilee afuriin daangeeffama. Kaabaan Eeshiyaa, dhihaan Afriikaa, Bahaan Awustraaliyaa akkasumas Kibbaan ammoo Antaarkitikaan daangeffama. bishaan dachii tanarra jiru keessaa, bishaan dhibbeentaa 19.5 ta’u garba kana keessatti argama. Kana jechuun tokko shanaffaan dachii tanaa garba Indiyaatiin uwwifameera jechuudha. Bal’inni lafaa inni uwwsiseetis Iskuweer Kilometira Miiliyoona 70.56 ta’a. Galoo galaana Arabiyaa fi Galf dabalatee, qaamman bishaanii 14 ta’anis qaama bishaan kanaati. Walumaa galatti hammi bishaan Garba Indiyaa keessa jiru Kuubik Kilomeetira Miiliyoona 292 fi Kuma 131 ni gaha. Avreejiidhaan gad fageenyi Garba kanaa Meetira 3,890 yoo ta’u, bakki akkaan qileen naannoo Jaavaa jedhamuudha. Naannoon kun daangaa Biyya Indooneeshiyaatti argama. Innis haga Meetira 7,725 gad fagaata.

Garbi Guddaan hindii, biyyoota kaartaa kanarratti halluu Boora/Keelloo dibaman hunda daangessa.

 

Qaamman bishaanii dachii tanarra jiran keessaa sooqidda heddu qabaachuunis garbi Indiyaa sadarkaa duraa irratti argama. Albuudota isa keessa jiran keessaa Sooqiddi parsantii 3.7 ta’a. sababaa kanaaf garbi guddaan hindii, qubsuma lubbu qabeeyyiitiif mijjaawaa miti. Hammi sooqiddaa kun ammoo naannoo galaana Arabiyaatti daran hammaata. Haalli qilleensaa garba kanarra jirus garaagarummaa qaba. Gama kaabaatiin qilleensa goggogaa fi oowwaa kan qabu yoo ta’u, bubbeen isaatis akkaan guddaadha. Kunis biyyoota Arabaa fi Afriikaa gama bahaa jiran keessatti bubbeen hamaan akka jiraatu, akkasumas lafa goggogaa Rooba hedduus hin qabne akka ta’an taasisee jira. Gama kibbaatiin garuu qilleensi garba Indiya irraa ka’u laafaadha. Akkasumas jiidhina qaba.

Gama Diinagdeetiinis Garbi indiyaa tajaajila guddaa ilma namaatif kenna. Sooqiddi bishaan kana keessa jiru akkaan guddaa waan ta’eef, lubbu qabeeyyiin heddu keessa jiraatuudhaaf ni rakkatu. Haa ta’u malee naannoo gara Kaaba garba kanaatti qurxummiiwwanii fi Shriimpoonni soorata ilma namaatiif oolan heddutu argamu. Namoonni nannoo Raashiyaa, Jaappaan, Taaywaanii fi Kooriyaa Kibbaa keessatti argaman, garba kana keessaa qurxummii kiyyeessanii sooratu, namoonni gariin gabaa addunyaatiif dhiheessu. Qurxummiin cinatti garbi Indiyaa badhaasa biraa kan akkaan qaalii ta’een badhaafamee jira. Innis zaytaa boba’aa fi Gaazii uumamaati. Keessattuu naannoon gara Biyyoota Arabaa jiru albuuda kanaan daran guutamee jira. Guyya guyyaanis garba kanarraa zayitni boba’aa kan barmeela Miiliyoona 17 ta’utu waraabbama. Walumaa galatti zayita boba’aa naannawa qarqara bishaanii keessaa argamuun, Garbi Indiyaa addunyaa tanaaf tajaajila heddu kennutti jira. Zayta boba’aa addunyaan tun argattu keessaa dhibbeentaan Afurtamni Garba kana keessaa argama.

Garbi Indiyaa qabeenya hammana baay’atu qabaatus, rakkina hedduuf saaxilamuun isaatis hin oolamne. Qaamman bishaanii dachii tanarra jiran keessaallee, balfa garagaraatiin faalamuun sadarkaa duraa irratti argama. Sababni isaatis ilmi namaa pilaastikootaa fi balfa garagara gara garba kanaatti jigsuu isaati. Qaama Garba Indiyaa keessaallee, lafti iskuweer Kilometra Miiliyoona 10 ta’u balfa gargaraatiin uwwifamee jira. Naannoon Galoo galaan Arabiyaa fi Faars ammoo, haydroo kaarbanii zayita boba’aa keessaa baheen faalamee jira. Sababa kanaafis lubbuu qabeeyyiin bishaan kana keessa jiran daran miidhamutti jiran. Keessattuu kanneen akka dugong, whale, Siilii fi Qocaan garba indiyaa keessaa dhabamuu akka danda’anis tilmaamamee jira.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button