Waa’ee Dhukkuba Kaansarii irraa kana beeytuu?
Dhukkubni waan gammachuu namarraa mulqu keessaa isa tokko. Namni dhukkubsate, mallaqa miliyoonaan lakkawamus qabaatu gammachuu hin argatu. Yoo fayyaan jiraatte mallaqnis gammachuu nama goonfachiisuu dandaya. Fayyaan caaltuu waa hundaati.
Saayintistoonni dhukkuboota fayyaa namaa miidhanii gammachuu namarraa mulqan ittisuuf tattaafii guddaa godhutti jiru. Dhukkuboota dachii tanarra jiran irra hedduu isaanii qoratanii, ka’umsa isaaniitiifi, furmaata isaaniitis lafa kaayanii jiru. Dhukkuboonni gariin talaallii qabu. Gariin ammoo wal’aansa gaarii qabu. Dhukkuboonni wal’aansa hin qabnes ni jiru. Barruu tana keessatti dhukkuboota lubbuu namoota hedduu galaafachuutti jiran keessaa tokko kan tahe, waa’ee kaansarii isiniif dhiheessina.
Kaansariin dhukkuba qaama namaa hunda miidhu yoo tahu, dhukkubni kun seeliiwwan qaama namaa keessatti argaman hunda hubuu danda’a. Yeroo heddu dhukkubni kun heddumina seelii irraa nama qaba. Seeliiwwan qaama namaa keessatti argaman yoo bakka tokkotti heddummaatan dhukkubni kun nama qabuu dandaya.
Dhukkubni Kaansarii dhibee onneetti aanee lubbuu ilma namaa galaafachuudhaan sadarkaa lammaffaarratti argama. Fakkeenyaaf bara 2018titti Kaansariin lubbuu nama miiliyoona 9.6 ol galaafateera. Akka addunyaatis namoota du’an 6 keessaa inni tokko Kaansariidhaan du’a. Yeroo ammaa kanattis Kaansaariin guyya guyyaan lubbuu namoota kuma 20 olii galaafatutti jira.
Namoota dhibee Kaansariitiin du’an keessaa dhibbeentaa 70 kan ta’an biyyoota galii jiddu galeessaa fi gad aanaa qaban keessa jiraatu. Lammiileen biyyoota kanaa tajaajilli wal’aansaa qaalii waan itti ta’eef osoo fayyuu danda’an lubbuu isaanii dhaban.
Ulfaatinni humnaa olii, Kuduraa fi muduraa gahaa nyaatuu dhabuun, Sosochii qaamaa godhuu dhabuun, Tamboo xuuxuu fi Farshoo dhuguun sababaawwan kaansariif nama saaxilan keessaa warra ijoodha. Yeroo ammaa kana dhibeewwan kaansarii gosa dhibba tokkoo oltu jira.
Tamboo xuuxuun sababaalee Kaansariif nama saaxilan keessaa lubbuu namoota hedduu galaafatuun sadarkaa duraa irratti argama. Namoota Sababaa Kaansariitiin du’an keessaa dhibbeentaa 22 kan ta’an sababaa kaansarii karaa tambootiin dhufuun warra du’aniidha. Avreejiidhaan Tamboon habbaan tokko keemikaalaa garagaraa 4,800 ol of keessaa qaba. Kanniin keessaa 69 kan ta’an dhukkuba kaansarii fiduun warra beekkamaniidha.
Kaansariin yeroo heddu du’aaf kan nama saaxilu ta’us hanga arraatti namoonni miiliyana 28 ta’an wal’aansa gahaa argachuun fayyaniiru. Namoota fayyan keessaa dhibbeentaa 70 ol kan ta’an biyyoota gurguddatan keessa warra jiraataniidha. Parsantiin 30 gad ammoo lammiilee biyyoota galii jiddu galeessaa fi gad aanaa qabaniidha.
Sababa dhibee kaansarii harmaatiin Ameerikaa keessatti daqiiqaa 13 keessatti dubartiin takka lubbuu isii dhabdi. Kana jechuun sa’aa tokko keessatti dubartoonni Afur ta’an sababuma kanaan du’an.
Qophii Abu Ibtisam