header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Mu’jizaan Nabi Muhammad (SAW) hojjate maali? Dr Zaakir Naayik

Gaafataa: Doktor Nagaya siin jechuu barbaada. Akkasumas namoonni asitti walitti qabamtan naganyi isin haa gahu? Maqaan kiyya Amiin Je’ama. Biyya Kaameeroon, tan Afriikaa keessatti argamturraa dhufe. Doktor baruumsa halkan arraa Saayinsii fi Qur’aanaan wal qabsiistee nuu kenniteef si dinqisiifachuu barbaada.

Dr Zaakir: Obboleessa Wayta gaafii kee dhiheessitu, osoo hin jarjarin tasgabbiin haasayi. Sagalee keetis ol kaasiitii, suuta Ji’ii dubbadhu.

Gaafataa: Maqaan kiyya Amiin Je’ama. Afriikaa biyya Kameeroon Je’amturraa dhufe.

Dr Zaakir: Maqaan eenyu jette?

Gaafataa: Amiin

Dr Zaakir: Ati Muslimaa?

Gaafataa: Amma gara islaamummaa deemaa jira.

Dr zaakir: Muslima moo Muslimaa miti.

Gaafataa: Muslimaa miti. Garuu amma gara islaamummaatti dhihaataa jira. Kanaafuu qabxiilee wahii khan akka ifa naaf gootu barbaadutti jira.

Dr Zaakir: Garuu Muslimaa miti

Gaafataa: Eeyyan Ammatti Muslimaa miti

Dr Zaakir: Hayyee obboleessa

Gaafataa: Doktor qabxii islaamummaa fi Kiristaanummaa jiddutti wal falmisiisaa tahe tokko akka ifa naaf gootu barbaada. Gaafii kiyya akka armaan gadii kanatti sii dhiheessa. Wantoota ajaa’ibaa fi Mu’jizaa khan Nabi Muhammad wayta lubbuun dachii tanarra jiru dalage, khan namni aadiin dalagurraa adda tahe akka naaf himtu barbaada. Fakkeenyaaf Kiristaanummaa keessatti akka nuti amannutti, Iyyasuus nama du’e du’aa kaaseera. Akkasumas bahara irra miilaan deemeera. Kanaafuu inni nama aadii osoo hin taane, nama namaa oliiti. Waan kana sirritti beekna. Nabi Muhammad ergamaa Rabbi irraa ergameedha. Kanaafuu Doktor raajiiwwan ykn mu’jizaa ajaa’ibaa inni dalage, khan anii fi ati arra dalaguu hin dandeenye akka naaf himtu barbaada. Gaafiin kiyya isa kana.

Dr Zaakir: Obboleessi Iyyasuus Kiristoos Mu’jizaa dalaguu isaa nuuf ibse. Nama du’e du’aa kaasuu, khan ijaan hin arginee ija banuu isaa nuu hime. Mu’jizaan Nabi Muhammad (SAW) dalagan hoo khan akkamiiti Je’ee gaafate.

Nabi Muhammad (SAW) Mu’jizaa heddu dalaganiiru. Fakkeenyaaf addeessa bakka lamatti adda baasaniiru. Walii gallee? Dhagatti haasawaniiru. Dhagaan nagaya isaaniin Je’eera. Mu’jizaalee heddu dalaganiiru. Garuu, Mu’jizaa gosa lamaatu jira. Mu’jizaaleen gariin khan yeroo dabre dalagaman khan amma nuti of duuba deebinee mirkaneeffachuu hin dandeenyetu jira. Fakkeenyaaf Nabi Iisaan (AS) nama du’e du’aa kaasuun isaa himameera. Nuti Qur’aanni waan nutti himeef itti amanna. Garuu arraan tana namni tokko natti dhufee, Iyyasuus Kiristoos (AS) nama du’e du’aa kaasuu isaa naaf mirkaneessi osoo naan Je’ee mirkaneessuu hin dandayu. Waan Qur’aanni natti himeef itti amane. Atilleen waan macaafni sii himeef itti amante. Garuu gama saayinsiitiin mirkaneessuu dandeessaa? Iyyasuus Kiristoos (AS) nama du’e du’aa kaasuu isaa mirkaneessuu dandeessaa?… hin dandeessu. Iyyasuus nama argaa dhabeef ija deebiseera. Qur’aanni waan kana waan natti himeef itti amana. Atilleen waan macaafni sitti himeef amante. Namni Muslima hin tahin ykn khan Kiristaana hin tahin akka isaaf mirkaneessu yoo na gaafate, mirkaneessuu dandayaa?.. Lakki of duuba deebi’ee mirkaneessuu hin dandayu. kanaafuu Mu’jizaaleen akkanaa kunniin hundi yeroo irratti murtaa’oodha.

Haaluma wal fakkaatuun Mu’jizaaleen Nabi Muhammad (SAW) dalagan gariinis akkasuma. Fakkeenyaaf Ji’a bakka lamatti adda baasaniiru. Waan kana of duuba deebinee mirkaneessuu hin dandeenyu. Yeroon of duuba deebi’uu hin dandayu. Warri Saayisii addeessarra waan sarara fakkaatu wahiitu jira Je’an. Tarii sun bakka addeessi bakka lamatti itti cite tahuu dandaya. An sirritti hin beeku.

Mu’jizaan guddaan Nabi Muhammad (SAW) Qur’aana. Qur’aanni Mu’jizaa Mu’jizaa oliiti. Waan Rabbirraa buufameedha. Wahyii Rabbi biraa Nabi Muhammad (SAW) irratti buufameedha. Nabi Muhammadis (SAW) waan dhagahan qomatti qabachuudhaan irra deebi’anii himan. Kun mu’jizaadha. Mu’jizaan kun arras mirkaneeffamuu ni dandaya. Arra mata duree Qur’aanaa fi saayinsiin hammayyaa wal simu moo wal dhabu Je’urratti haasawutti jira. Kanarratti hundaa’uun nabi Muhammad (SAW) nabiyyii sirrii tahuu isaanii mirkaneessuu dandeenya. Nabi Muhammad (SAW) irratti qur’aanatu buufame. Isaan ammoo irra deebi’anii dubbatan. Ammatti mirkaneeffamuu dandayuun isaa ammoo mu’jizaa tahuu isaa nuu mirkaneessa. Kanaafuu Qur’aanni Mu’jizaa an beeku keesaa khan yeroo irratti hin murtooyneedha.  

Yeroo sanittis mirkaneeffamuu ni dandaya. Yeroon qur’aanni buufamu sun yero saayinsii fi teeknolojiitii miti. Ummanni yeroo san ture waa’ee teknolojii humaa wanti beekan hin jiru. Yeroon sun yeroo og-barruu fi walalooti. Fakkeenyaaf Qur’aanni ‘foon booyyee nyaatuun haraama’ Je’a.

Hurrimat aleeykumul meeytatu, waddamu, walahmul kinziir”¦

Arra foon booyyee sooratuun maaf haraama akka tahe saayinsiirratti hundaa’ee; dhukkuba heddu qabaachuu isaa sii mirkaneessuu dandaya. Wantoota fokkotaa adda addaa of keessaa qaba.

Yeroo sanitti garuu”¦. Hurrimat aleeykumul meeytatu, waddamu, walahmul kinziir”¦ Je’amee itti himame. Kalaas! Akkaataan qur’aanni itti dubbate isaan hawate. Ummanni Arabaatis itti amane. Arri garuu yeroo ogbarruu fi walalootii miti. Kanaafuu qur’aanni yeroo ogbarruu fi walalootti mu’jizaa tahuusaa of mirkaneessee jira. Arras bara Saayinsii fi teknolojii kanatti of mirkaneessaa jira. Boru ammoo tarii teeknolijiin khan biraa tahuu dandaya. Boru teknolojiin haarofni fedhe haa dhufu, yeroo sanittis qur’aanni mu’jizaa tahee itti fufuun isaa hin oolamu. Sababa kanaaf wayta haasawa kiyya jalqabu, ‘Kitaabni tokko kitaaba Rabbii tahuu isaatiif ragaan qormaata yeroo dabruudha’ Je’e. Qur’aanni qormaata san bira dabree jira. Qormaata kana macaafaaf yoo dhiheessite, macaafa saayinsiidhaan yoo madaalte, macaafni ni kufa. Wantoota macaafa keessatti ibsaman khan saayinsiidhaan walitti bu’an qofarratti haasawa bal’aa godhuu nin dandaya. Waliigallee? Haasawa dheeraa tahe, qabxiilee saayinsiin walitti bu’an khan macaafa keessa jiran qofarraa haasawuu nin dandaya. kanaafuu macaafa waan kana fayyadamtee yoo qormaatte, macaafni ni kufa. Kitaabban qur’aanaan ala jiran hunda karaa kanaan yoo qormaatte, kitaabban hunduu ni kufu. Qur’aana qofatu qormaata san dabra. Kanaafuu mu’jizaan hanga arraatis jiru, khan nabi Muhammadiif (SAW) kenname qur’aana.

Ati nabi Muhammaditti (SAW) amantaa?

Gaafata: Nin amana

Dr Zaakir: Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbii tahuu isaanii amantaa?

Gaafataa: Nabi Muhammad ergamaa Rabbiiti

Dr Zaakir: Iyyasuus gooftaadha jettee amantaa?

Gaafataa: eeyyan nin amana

Dr Zaakir: Iyyasuus gooftaadha jettee amanta. Bakka kamitti macaafa keessatti Iyyasuus Gooftaadha  Je’amee ibsame?

Gaafataa: Dhaamsa heddutu ibsameera.

Dr Zaakir: Himni shakkisiisaa hin tahin, guutuu macaafa qulqulluu keessaa, bakki Iyyasuus kiristoos arraba isaatiin ‘Ani gooftaadha’ ykn ammoo ‘Ana Na gabbaraa’ Je’ee itti dubbate hin jiru. Macaafa keessaa hima shakkisiisaa hin tahin, hima mamsiisaa hin tahin, bakka barbaaddeerraa, bakka Iyyasuus Kiristoos (AS) arraba isaatiin ‘Ani Gooftaadha’ ykn ‘Ana Na gabbaraa’ Je’e yoo natti mul’ifte an arraan tana kiristaanummaa fudhatuudhaaf qophiidha. An muslimoota biro irraa bakka bu’ee haasawaa hin jiru. An matuma kiyya rakkoo tana keessa kaayutti jira. Macaafa keessaa jecha mamsiisaa hin tahin, hima shakkisiisaa hin tahin, bakka Iyyasuus Kiristoos (AS) arraba isaatiin ‘Ani Rabbi’ ykn ‘Ana na gabbaraa’ Je’e yoo natti mul’iste an kiristanummaa fudhatuudhaaf qophiidha.

Gaafataa: Doktor qabxii takkarratti akka yaada kennu naa hayyami. Yoon dogoggoruu baadheef maqaan ‘God’ Je’u afaan Arabaatiin ‘Allaah’ khan Je’uun bakka bu’a. kanaafuu isa Afaan Arabaatiin Allaah Je’uuf afaan Ingiliffaatiin ammoo God Je’aa fayyadamna. Maqaan kunniin lamaan Rabbii nuti hundi gabbarru, isa tokkicha jennee amannu san bakka bu’aa? Rabbii tokkicha maqaa garagaraa lamaan gabbaraa jirraa?

Dr Zaakir: Obboleessi jechi nuti Allaah jennu sun isa Afaan Ingiliffaan God Je’amuun tokko tahuu isaa gaafate. Jechi Allaah Je’u jecha Afaan Arabaati. God ammoo afaan Ingiliffaati. An akka dhuunfaatti, jecha Allaah Je’u gara Afaan ingiliffaatti God Je’ee hiikuu hin jaaladhu. Garuu filmaata biraa hin qabu. Tahullee jechi God Je’u maqaa Allaah Je’u qajeelatti bakka hin bu’u. Maaliif?… Sababni isaa jechi God Je’u jecha horuu dandayudha. Jecha God Je’urratti qubee ‘s’ yoo itti dabalte ‘Gods’ taha. kun ammoo Gooftaa heddu jechuu taha. Qul huwallaahu Ahad; Rabbi tokkicha. Allaah baay’ee wanti Je’amu hin jiru. Jecha father Je’u ammoo yoo itti idaate, God father taha.  Abbaa kiristinnaa jechuudha. Inni Abbaa kiristinnaa kiyya, Inni kunuunsaa kiyya akka jechuuti. Islaamummaa keessatti wanti Allaah father ykn Allaah mother Je’amu hin jiru. Mother khan Je’u God irratti yoo idaate, God Mother, haadha kiristinnaa taha. kanaafuu jechi God Je’u maxxantoota heddu fudhatuu dandaya. jecha God Je’urratti -dess yoo itti idaate Goddess taha. Gooftaa Intalaa jechuudha. Wanti Allaah dhiira, Allah dubraa Je’amu hin jiru. Allaah (SW) waanuma hundarraa adda. Rabbi saala hin qabu. Rabbi (SW) abbaa hin qabu. Jecha God Je’u irratti tin khan Je’u dura irratti yoo idaate Tin God taha. wanti Tin Allaah Je’amu hin jiru. Sababa kanaaf jechi God Je’u jecha sirriitii miti. Allaah isa Je’utu sirriidha. Garuu wayta afaan Ingiliffaa dubbattu jecha biraa gaarii argatuun rakkisaadha. Anilleen kanumaaf God khan Je’utti fayyadama. Jechi biraa gaariin hin jiru. Jechi God Je’u maxxantuu heddu fudhatuu dandaya. kanaafuu jechi Sirriidhaa Allaah isa Je’udha.

Sababa kanaaf, wangeela maarqoos boqonnaa 15 lakkoofsa 34 yeroo dubbistu, iyyasuus Kiristoos wayta masqala irratti fannifame Je’ame san ‘Ellaay Ellaay lamaa sabaktanii’ Je’ee gooftaa isaatti iyyatte. ‘Waaqayyo, waaqayyo maaliif na dhiiste?’ jechuudha. Jechi jalqabaa Ellaay Ellaay lamaa sabaktanii’ Je’a. Iyyasuus God God maaf na dhiiste Je’ee hin iyyanne. Sababni isaa inni Afaan Ingiliffaa hin beeku. Iyyasuus Kiristoos afaan Ingiliffaa hin beeku. Afaan Hibruu fi Afaan Arabaa ammoo obboleewwan. Himni Ellaay Ellaay lamaa sabaktanii Je’u, isa Allaah Allaah lamaa taraktanii Je’uun wal fakkaata.  Yaa Rabbi Yaa Rabbi maaliif na dhiiste jechuudha. Kanaafuu Iyyasuus Kiristoos matammaan isaatuu jecha God Je’u hin fayyadamne. Inni jecha Allaah Je’u fayyadame. Dokshinarii Skoofiild wayta dubbistu, jechi Ellaay Je’uu fi Allaah Je’u tokko tahuun isaanii ibsameera.

Akkasumas Iyyasuus Kiristoos (AS) guyya takkallee An Gooftaadha Je’ee aangoo gooftummaa hin fudhanne. Ati ammoo inni Gooftaadha jettee dubbatta. Wanti an si gaafatuu barbaadu, silaa Iyyasuus Kiristoos (AS) an gooftaadhaa siin hin jennee, Ati maaliif inni gooftaadha jetta? Macaafa wayta dubbistu, Wangeela Yohaannis boqonnaa 10 lakkoofsa 29 irratti, Iyyasuus Kiristoos “Abbaan kiyya Hundumaa caala’ Je’ee dubbateera. Wangeela Maatewoos boqonnaa 12 lakkoofsa 28 irratti, ‘An hafuura waaqayyootiin hafuura hamtootaa baasa’ Je’amee ibsameera. Wangeela Yohaannis boqonnaa 5 lakkoofsa 30 irratti, Ani humna kootiin homaa gochuu hin dandayu; abbaa koo irraa akka dhagahetti nan murteessa. Wangeela luqaas boqonnaa 11 lakkoofsa 20 irratti, Ani garuu humna waaqayyootiin hafuura hamtootaa baasa. Wangeela yohaannis boqonnaa 5 lakkoofsa 30 irratti, Ani Humna kootiin homaa gochuu hin dandayu, Abbaa koo irraa akkan dhaga’etti nin murteessa. Murteen an murteessus qajeelaadha. Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu. Yaada isa ana erge duukaan bu’a malee’ Je’e. Namni Yaada kiyya osoo hin taane Yaada Rabbii duukaa bu’a Je’e muslima. Kanaafuu Iyyasuus Kiristoos Muslima ture. Eega Iyyasuu Kiristoos (AS) an gooftaadha hin jennee ati maaliif itti amanta?… waanuma bataskaanni sitti himteefii?

Gaafataa: Waan Bataskaanni jetteefii miti.

Dr Zaakir: macaafni bakka kamitti akkas Je’ee barsiiseree?

Gaafataa: Nuti Waan nutti himame hunda hubanneera.

Dr zaakir: Wanti an siin Je’aa jirus kanumaa bar. Waan bataskaanni isiniin jette hordoftan. Bataskaanni karaa irraa isin maqsaa jirti.

Gaafataa: Nuti Bataskaanatti waaqa keenya itti kadhannaa. Akkasumas”¦

Dr Zaakir: Kanaafuu ati dhaqii Abbaa kiristinnaa kee ykn Qeesii keetiin, Namichi Doktor Zaakir Je’amu khan duubaayitti arge tokko, macaafa keessatti bakka tokkottillee Iyyasuus gooftaaadha ofiin hin jenne Je’ee haasawa Je’ii itti himi. Bakka takkattillee Iyyasuus Arraba isaatiin An gooftaa keessani hin jenne. Dubbiin warri bataskaanaa isinii himu hundi hiikkaa dogoggoraati. Kanaafuu obboleessa, wayta gara manaa deebitu hojii manaa kee dalagi. Kaaseeta kiyya khan walfakkeenya islaamummaa fi Kiristaanummaa Je’us ilaali. In shaa Allaah dhugaa isaa ni hubatta. Rabbi tokkicha tahuu isaa ni amanta. Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbii tahuu isaanii ni amanta. Akkasumas Iyyasuusillee (AS) ergamaa Rabbii tahuu isaa ni amanta. Deebisaa sii kenne Je’ee abdadha.

Gaafataa: Heddu galatoomi doktor

 

Qophii: Abu Ibtisaam

 

Back to top button