Hafuurri(Dhuufuun) Intalaa Xayyaara Qilleensarraa Buuse
Bara 2016 keessa xayyaarri tokko Magaalaa Washington irraa ka’ee gama Dallas imala jalqabe. Akkuma imala jalqabanii daqiiqaa muraasa turanii booda namoonni xayyaaricha keessa jiran bitaaf mirga mimil’achuu eegalan. Isaan keessaa namni tokko warra teknishaanaatti lallabee “Foolii ibiddaatu natti dhufutti jira”jedhee dubbate. Teknishaanonni xayyaaraatis rifatanii asiif achi fiffiiganii ibidda barbaadan. Garuu ibiddi tokkos hin argamne. Hoggasuma Paayleetichaaf ajaja dabarsanii akka if booda deebi’ee xayyaara lafa buusu himaniif. Paayleetichis ajaja teknishaanotaa fudhatee xayyaaricha lafaan gahe. Eega xayyaarri lafa gahee booda saree boombii fuunfattee baastu gama xayyaaraa seensisan. Sareen kunis xayyaaricha keessa deddeemee muka kibriitaa poolisootatti mul’ise. Poolisoonnis namni bakka san taa’aa ture eenyu jedhanii gaafatan. Intalti takka ana jettee duratti as baate. Isii fuudhanii gara kutaa qorannootiin deeman. “Maaliif kibriita qabsiiste, xayyaara keessatti kibriita qabsiisuun dhoorkaa akka tahe hin beeytuu?” jedhanii gaafatan. “Eega xayyaarri lafaa ka’ee booda tasa dhuufuun na qabdee dhuufe. Hafuura dhufuu san dhoysuuf kibriita qabsiise” jettee deebiste. Intalti tun sababuma kibriita xayyaara keessatti qabsiiste kanaaf yeroo dheeraaf xayyaara akka hin yaabbanne ugguramte. Oduu Ajaa’ibaa kana Reuters tu gabaase.
Bara 2013, xayyaarrri tokko namoota heddu fe’ee osoo deemu kufee caccabe. Xayyaaricha San keessa intalti waggaa 16 tan yen menguyan jedhamtu wayta xayyaarri kufu humaa hin taane. Xayyaara keessaa kuftee lafarra ciistee turte. Haa ta’u malee daaraan xayyaaraa kan gubate qaama isii haguugee ture. Dhukkee xayyaaraatiin haguugamtee lafaa ka’uu dadhabdee osoo ciistu, hojjattoonni balaa ittisa ibiddaa makiinaa isaanii ari’aa dhufan. Haala kanaan hojjattoonni ittisa balaa intala balaa irraa hafte makiinaa irra oofanii ajjeesan. Qaamni isii guutuun waan dhukkee ibiddaatiin haguugameef hin mul’attu turte. Eega makiinaan irra deemee booda dhiiga isii argan.
Ameerikaa Kutaa Oreegoon keessatti namichi tokko taankara bishaanii gurguddaa bitee bishaan roobaa keessatti kuusuu isaatiin hidhaa guyyaa 30 fi doolaara Ameerikaa 1,500 adabameera. Akka Seera kutaa Oreegoonitti bishaan roobaa qabeenya mootummaati. Kanaafuu qabeenya mootummaa hayyamaan ala kuusanii itti fayyadamuun dhoorkaadha. Hagayya 21 bara 1986, Biyya Kaameruun haroo Niyoos keessatti dhoohinsi Volkaanoo mudatee ture. Sakandii 20 hin caalle keessattis kaarboondaayoksaayidiin Kubik Kilomeetira 1.2 ta’utu boolla keessaa ol dhoohe. Gaasiin kunis gara naannawa baadiyyaa haroo sanii bittinnaaye. namoota cinaa haroo sanii jiraataa turan kanneen 800 ta’an keessaa nama 6 qofatu lubbuun hafe. Jiraattonni naannichaa hundi sababaa gaasii saniitiin ukkaamamanii du’an. Walumaa galatti gaasiin sun kilomeetira 25 caala imalee lubbuu namoota 1,746 galaafate. beeyladoonni 3,500 ta’anis daqiiqaa tokko keessatti dhuman. Haroon sunis yeroo saniif guutumaan guututti gara halluu diimaatti jijjiiramee ture.
Qophii Abu Ibtisam