header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Paastarichi Akkamitti Gama Islaamummaa Deebi’e?

Hi!
Maqaan Kiyya Saamu’el Shraapshayr jedhama. Lammummaan Ameerikaa Yoo tahu, Saudii Arabiyaa keessa jiraadha. Gara Saudii bara 2011 ji’a Sadaasaa keessa dhufe. Wayta dhufu san waa’ee Islaamumamaatis tahee Waa’ee Nabi Muhammad (SAW) waan takkallee hin beeku. Wantoonni hedduun kan achi dura dhagahe, wantoota haalaan Negaatiiva tahaniidha. Ameerikaa keessatti Miidiyaaleen odeeyfannoo hundi hordoftoota baay’ifachuuf, dhimmoota haalaan sensitive tahan kan akka odeeyfannoo shoorarkeeysummaa nuuf dhiheessu. Daqiiqaa soddoma soddomaan namni tokko as bahee, “waan akkaan suukanneessaatu mudate, boombii dhukaasan, dhiiga dhangalaasan, namoota ajjeesan”jedhee dubbata. Yeroo heddu garee Muslimaa tokko kan garee muslima biraa waliin wal lolu dhiheessu. Wayta wal ajjeesanii fi wayta mormi namaa muramu mul’isan. sagalee Allaahu Akbar, Allaahu Akbar jedhus walumaan dhiheessu.

Barruu guutuu sagaleen dhageeffadhu

Gara Saudi Arabiyaa nama Saafii kaskas jedhamuun affeeramee dhufe. dalagaa Que project jedhamurratti akka hirmaadhuuf gamana dhufe. Doktor Kaskas, Hiikkaa Qur’aanaa Ingiliffa Ameerikaatiin barreeffame, kan haalaan salphaa tahe dhaloota dhufuuf qopheesse. An Afaan Arabii dubbisuu fi dhagahus waan hin dandeenyeef dalagaa afaan hiikuu irratti hin hirmaanne. Hiikkaan Ingiliffaa haarofni sun sirrii tahuu isaatii fi dubbisuufis salphaa tahuu isaa akka mirkaneessuuf gamana afeerame. Kanaafuu dalagaan kiyya, Hiikkaa Qur’aanaa irra deddeebi’ee dubbisuu barbaada. Akkuma isinuu tilmaamuu Dandeeysan, an Waa’ee islaamummaa hubannoo takkaa waan hin qabneef, gaaffilee dhibbaan laakkawaman qaba.

Maqaan Iisaa (AS) Hedduminaan qur’aana keessatti ibsamuun isaa na rifachiise. Iisaan Nabiyyoota gurguddoo keessaa tokko tahuun isaa ibsamee jira. Seenaan dhaloota isaa, kan dubra dubrummaa qabdu irraa dhalate jedhus ibsamee jira. Mu’jizaalee heddu kan Iisaan (AS) dalage Qur’aana keessatti arge. Akkasumas Mu’jizaaleen muraasni kan Macaafa keessatti hin ibsaminis, Qur’aana keessatti ni argamu.

Yeroo heddu Gama galgalaa hedduminaan, kophaa kiyya bakka ciisichaa biiroo Doktor Saafii keessa tura. Halkan halkan ammoo gara barandaa Fooqii san irratti argamuu achi bahee, daandiilee gara Masjiidaa nama geessan kan ummataan guuttaman ilaalaa ture. Wayta Azaanni godhamu dhiiraa fi dubartiin gara Masjiidaa seenaa wayta bahanis argeera. Joolleen ammoo paarkiingii Masjiidichaa keessatti kuubbaa taphatu. Minaaraa qofatu bataskaanota an Ameerikaatti beekuun wal natti fakkaate. Onneen tiyya Masjiida san keessatti argamuu hawwite. Akka waan Rabbiin garas deemu na dirqamsiisaa jiruutti natti dhagahame.

Ji’oota muraasa booda jabina gamas ittiin deemee hulaa Masjiida Taqwaa ittiin dhadhahu argadhe. Akka seeraatti Namni hulaa Masjiidaa dhadhahu hin jiru. Wanti jiru namni barbaade hulaa banatee seenuu qofa. Garuu an akkamitti akka na simatan waan hin beeyneef, achuma dhaabbadhee irra deddeebi’ee haga namni tokko dhufee naa banutti dhadhahe. Namni na jalaa bane sun, ‘Maal Si ha gargaaru?’ naan jedhe. Anis ‘Maqaan kiyya Saamuel jedhama. Kiristaana Ameerikaa irraa dhufe. Gara keessaa seenuun naaf hayyamamaa?’ jedheen. Namichi sun Shafiiq Zubeeyr jedhama. Inni Mu’azzina Masjiidichaati. Gad bahee na hammatee, “eeyyan, koottu seeni”naan jedhe.

Guyyoota sadihiif wayta salaataa masjiida duuba taa’uu ture. Wanti isaan dalagan naa galuu hin dandeenye. Namoota dhaabbatan, ruku’a godhan, akkasumas sujuudan arga. Imaamni ammoo isaan dura dhaabbatee isaan ajaja. Waan tahaa jiru sanirraa wanti hubadhe waan xiqqoo qofa. Namoonni masjiida taqwaa sunniin haalaan natti dhihaatan. Guyyaa Sadih booda Shafiiq, suuraa jalqabaa, Al Faatihaa akka na barsiisu gaafadhe. Suuraan tun salaata guyyatti salaatamu shanan salaatuudhaaf akkaan barbaachistuudha. Sagalee isaa haffazuu danda’eera. Garuu sagaleen sun maal jechuu akka tahe hin hubanne. Kanaafuu, hiikkaa Afaan Ingiliffaa of biraa qabu waliin wal bira qabuu jalqabe. Kana booda Wanti Faatihaa keessa jiru, waan Kiristaanummaan barsiisuun waan adda tahe akka hin taane hubadhe.

Itti aansuun dubbii haalaan nama kakaaftu tan Rabbi akkaan garaa laafaadha jedhu dubbise. Inni arjoomaa rahmataati. Akkasumas Araaramaadha. Onneen tiyya jechoota qur’aanaatiin booji’amuu jalqabde. Akkasumas jaalalli jama’aan Masjiida taqwaatis na hawate. Dr Saadiq Maalikii, boodarratti makiinaadhaan gara Foundationii baruumsa islaamummaa kan Al Hamraa, Magaalaa Jiddaa cinatti argamtuu na geese. Achittis shahaadaa jedhe.

Akka Islaamummaatti nuti hunduu wal qixa. Inni tokko kan biraa hin caalu. Ulamaa’onni ni jiru. Garuu dalagaan isaanii baruumsa barsiisuudha. Walitti dhufeenya Rabbi waliin uumuun wal qabatee, namuu dhuunfaa isaatiin dalaguu danda’a. Hunduu qajeela Rabbii isaatiin wal qunnama. Amantiichis salphaa fi ifaadha. Qabxiileen iimaanaa jaha qofatti guduunfama.

Rabbii tokkicha, kan waan takkattillee hin fakkeeyfamnetu jira. Hin dhalannes, ilmas hin godhanne. Haadha warraatis tahe, ilmaan hin qabu. Wanti isaan dorgomu takkalleen hin jiru. Inni humna qabaataadha. Waan hunda sirritti beekaadha. Inni akkaan garaa lafaadha.

Inni lammaffaa ammoo Malaa’ikootatti ykn gabroottan Rabbii kan dhugaatti amanuudha. Isaan Ajaja Rabbii dalagaarra oolchu. Wanuma fedhe ajajamnaan waan san ni dalagu. Filmaata bilisaa waan jedhamu hin qaban.

Sadaffaan, Kitaabban Rabbi biraa buufamanitti amanuudha. Beekumsi islaamummaa waan Rabbiin Wahyiin buuse. Kunis kanneen akka Tawraat, kan Wangeelaa fa of keessaa qabu jechuudha. Haa tahu malee turtii yerootirraa kan ka’e, Kitaabban kunniin faalamanii jiran. Haala murtaa’eenis kan jijjiiraman ni jiru. Qur’aanni Rabbi biraa buufame garuu, gaafa buufamerraa kaasee jijjiiramni takkalleen itti hin godhamne. Akkuma gaafa duraa buufameetti orijinaalummaan jira.

Afraffaarratti, Nabiyyootaa fi Ergamtoota Rabbii hundatti amanuudha. Nabi Muhammad qofatti amanuu miti. Abrahamitti, Muusaatti, Iisaatti akkasumas Nabiyyoota Rabbii hundatti amanu. Nabiyyoonni ilma namaa keessa irra caalaa namootaa tahuu isaanii amanuudha.

Muslimoonni guyyaa Qiyaamaattis ni amanu. Waan Rabbii fi Ergamtoonni isaa nu barsiisan hundatti amanu. Eega duuneen booda waan nu qunnamus, toltuu fi hamtuun keenya galmaahuu isaattis amanu. Du’aa kaafamuu fi uumamni hunduu bakka takkatti walitti qabamuu isaaniitis amanu. Murtee guyyaa qiyaamaa godhamuttis amanu. Nabiyyiin shafa’aa namaa godhuu isaatii fi Jannataa fi Azaabni jiraachuu isaatis amanu. Kaayyoon ilma namaa hundi, rakkoo guyyaa saniirraa of hambisuudha.

Muslimoonni Wanti ilma namaa mudatu hundi qadaratti Rabbiin dabarfamuu isaatis ni amanu. Wanti Rabbi fedhe hundi isaa ni raawwatama. Wanti inni hin feene hin mudatu. Jireenyi amma itti jirru kun qormaata ilma namaati. Ilmi namaa qormaata kana jalaa bahuuf carraaqqii jabaa taasisuu qaba.

Qabxiileen iimaanaa jahan kunniin, waan ilmi namaa uumamumaan beeku waliin wal simoo tahuu isaanii hubadhe. Kanatti aansuun, namni tokko akkamitti Muslima taha jedhee gaafadhe. Qorannoo kiyyaanis namni tokko Muslima tahuudhaaf wantootaa haalaan barbaachisaa tahan shan, kan Arkaana Islaamaa jedhaman dalaguu akka qabu hubadhe.

Inni duraa, shahaadhaada. Arrabaan Rabbi malee Rabbiin biraa kan dhugaan gabbaramu hin jiru akkasumas Muhammad ergamaa Rabbiiti kan jedhu; dabalataan ammoo Waan arrabaan jedhame kanas dalagaan mul’isuudha. Jireenya Muslimaa keessatti salaatni haalaan barbaachisaadha. Muslimoonni guyyatti salaata isaanii shanan akka salaatan irraa barbaadama. Sadaffaarratti zakaatu jira. Qabeenya namni tokko qaburraa dhibbeentaa 2.5 kan tahu dirqamaan ofiirraa kennuu qaba. Kunis namni sun qabeenya zakaan irraa bahu kan waggaa tokkoof turu yoo qabaate kennuun irratti dirqama taha. itti aansuun Soomanatu jira. Soomanni jireenya muslimaa keessatti waan haalaan barbaachisaadha. Muslimoonni ji’a Ramadaanaa guutuu soomanu. Soomana kana waggaa waggaan, yeroo aduun baaterraa kaasee haga seensa aduutti ji’a tokkoof; soorata, dhugaatii fi walqunnamtii saalaarraa fagaatu. Namni soomanu, mormii hin barbaachisne, wal loluu fi wantoota dhoorkamaa tahan irraallee fagaatuu qaba. Jiini kun ji’a iimaanni Muslimootaa haalaan itti dabaluudha. Itti aansuun hajjiitu jira. Hajjiin Magaalaa Makkaa fi Naannoo sanitti raawwatama. Hajjii kana jireenya keessatti yeroo tokko raawwatuun dirqama. Kunis yoo namni sun qabeenyaa gahaa qabaatee fi fayyaa gahaa Hajjii isa goosisuu danda’u qabaate qofa dirqama taha.

Namoonni yeroo heddu, Saam Akkamitti Muslima taate jedhanii na gaafatan. Bataskaana keessa Mana Kitaabaatu jira. Mana Kitaabaa san keessa Kitaaba joolleetu jira. Kitaabni haati tiyya irra deddeebi’uun fiddu, ‘GOD of ABRAHAM’ jedha. Kitaaba san keessa, suuraalee babbareedoo, Gaalaa fi Gammoojjiitu jira. Isiinis seenaa Abrahaam naa dubbisaa turte. Akkamitti Rabbiin ajajamee haadhaa fi Abbaa isaa dhiisee akka bahe naa dubbisaa turte. Sababni isaa isaan Sanama gabbaraa turan. Dubbisa isii jidduun dhaabdee, ‘Saamii, Yeroo Hunda Gooftaa Abraham gabbaruu qabda. Gooftaa tokko qofatu jira. Innis gooftaa Abrahamitti’ naan jetti. Yeroo ijoollummaarraa kaasee, Rabbii kiyyatti haalaan dhihaachuu ture. Ammaan tana an Nagaya guutuu Islaamummaa keessa jira. Hiriyyummaa fi abdii obboleewwan muslimaa keessatti argadhe. An maatii Mu’mintootaa argadheera.

Gama Afaan Oromoo kan hiike: Abuu Ibtisaam
Sagalee kan dubbise: Muhammad Siraaj

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button