header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaGorsaOg-Barruu

Dubartiin Jaarsaaf if bareechisuu qabdi jechuun maal jechu?

Irra hedduun dhiiraa waan kana qaceellotti hin hubanne. inumaa dogongoratti hubatan. dhiiraafi dhalaan takka yoo wal fuudhan, hanga baatii muraasaa jireenya gammachuu waliin dabarsan. yeroo san keessatti innis daddafee gara manaa galuuf jarjara. isiinis hanga inni galuuf muddamti. waan qabdu hunda diddibattee tottolfattee urgeeffattee, manas tottolchitee mirqaanaan eeydi. innis hoggaa alaa dhufee hulaa manaa bira gahu, foolii mana isaa fuunfachaa gagammadaa ol seena. jiruun yeroo tanaa haalaan tolti. achi booda gaafa isiin garaa qabatterraa kaasee dubbiin ni jijjiiramti.

Gaafa garaa qabdu fooliin hundi itti ajaawa. nyaanni hundi itti fokkata. inumaa dubartiin gariin alawaadaa seentee cilee nyaatti. gariin biyyee siphatti. taanis nyaata distii jalatti gubate qorqiti. horomooniin qaama isii waan jijjiiramuuf, amala achi dura ofirratti hin beeyne fiddi. ni haqqisti, midhaan nyaachuu dadhabdi. yeroo kana keessatti if jibbiti. hanga amalli kun irraa galuuf jireenya fokkataa jiraatti.

yeroon itti aantu gaafa ilmoon dhalattu. ilmoon dhalannaan sadarkaa jiruu birootti ceeti. daa’ima isii kunuunsuu fi jaarsa isii tajaajiluunis mataa isii irra jira. huccuun isiin yeroo kanatti uffattu, akka (Tuuttaa) dhiirri waa ittiin dalaguuf uffatuuti. daa’imni irratti fincaana. nyaata itti laaqa. irratti haqqisa. kanaafuu adada daa’ima ol fuutuun huccuu jijjiirachuu qabdi. sa’aa hunda qaama dhiqachuun waan danda’amuu miti. gaafa ilmaan heddummaatan ammoo dubbii birootu dhufa. daa’ima kaan waa irraa dhoorkiti. kaan ni nyaachisti. harka tokkoon jaarsaaf nyaata gooti. harka kaaniin huccuu dhiyxi. sa’aa boqonnaa argatteetti mana qulqulleessiti. osoma isiin tanaafi tana jiddutti shaagalamtu jaarsi alarraa gala. wayta inni alarraa ol seenu, fooliin akka gaafa duraa sun jijjiiramee, fincaan daa’imaatiin simatama. jaartiin isaa tan dur if tottolchitee babbareeddee eeydu, xurooftee fokkattee isa eeydi.

Gaafa kana inni waan biroo yaaduu eegala. jaartiin tiyya tun akka gaafa durii hin jirtu. if tottolchuu dhiistee jirti. nyaanni isiin gootus akka durii san hin mi’aawu. manni kiyyas hin urgaawu. kanaafuu intala biroo laallachuu qaba. jaartii 2ffaa fuudhuu qaba jedhee jaartii dabalata. isii ilmaan wajji kophatti dhiisee, jaartii haaraya wajji burraaqee taphata. qananii gaafa dur jaartii duraa fuudhu argataa ture san, jaartii 2ffaa wajji dhandhamata.

Dhiirri qalbii qabu kan Rabbiin faayee uume ammoo, rakkoo jabduu jaartiin isaa itti jirtu tana hubata. wayta hojiidhaa galu boorsaa isaa fannisee, shamiiza isaa harka ol dachaafatee jaartii isaa gargaara. waan isiin humna itti dhabdee isa eegaa jiru, isii gargaaree waliin hojjata. kanaaf fakkeenyi guddaan Rasuula Aalamaati (SAW). isaan jaartii ofii gargaaruu turan. yoo dhugaan jaarsa gaarii tahuu feete Rasuula fakkeenya godhadhu.

Gabaabinaan dubartiin mana keessatti tottolfachuu qabdi jechuun hanga qaba. akka qaba. yeroo qaba. guyyaa guutuu ilmaaniifi jiruu isii wajji asiifi achi fiigaa ooltee, galgala sa’aa inni manattu galu hanga humna isiitiin if tottolchitee eeydi. malee guyyaa guutuu intala haruuza qabdu if fakkeessitee ooluu qabdi jechuu miti. San jiruunis itti hin dhiistu. Jaarsi isiitis yoo waan kana irraa dhabe hubatuufii qaba. Jaataniin jiruu mana keessaa boqonnaa dhoorkitee, sa’aa itti if tottolchitu yoo dhabde, irratti isii gargaaruu qaba malee tanuma sababaa godhatee jaartii lammaffaatiif fiiguun sirrii miti. Rabbiin nuuf hayyame jedhanii jaartii duraa miidhaa jaartii 2ffaatiif bololuun haqaa miti.

Dhumarratti dhalaa bultii jaarte hundaaf dhaamsa gabaabduu.

 

Yaa Obboleeytii tiyya. Ati hoggantuu mana keetiiti. Mana kee tottolchuun si laallatti. Qaama keetis bareechisuun suma laallatti.  Meekaappii adda addaa dibachuuf of hin cinqin. Dhiirri meekaappii irraa haajaa qabu akkaan muraasa. Irra hedduun dhiiraa qulqullina qofatti haajama. Yeroo hunda huccuu takka kophatti qopheeffadhu. Huccuu tana tolchii dhiqii, shittoo itti afuufii kophaa kaayi. Libaanata urgaawaa Jaarsi kee fedhus kophatti qopheeffadhu. Guyyaa guutuu akka ooltettis ooltu, galgala sa’aa inni galutti huccuu qopheeffatte san uffadhu. Libaanata aarsii mana kee urgeessi. Hanga humna keetiitiin mana keessa jiraattan tottolchi. Alawaadaa eega inni rafee boodas itti deebitee tolchuu ni dandeessa. Haala Kanaan waan qabdutti gargaaramii jaarsa kee gammachiisuu yaali.

Qophii: Farhiyaa Aadam

 

 

 

4 Comments

  1. Jzk wlh waan hedduu gorsa namaf tahurrahi jabaadha jajjabaadha itti fufaa if booda hin ja’ina fuldurat fuldurat deema..

  2. asl wr wb anii gafii akkaamalee nadhibdee takaa qabaa garaa kamiin akkan dhiheeffadhuu dhen jiraa yaa farhiyaa yo barrefamnii kunii sii dhaqabee akkaa carraa tahee akkumaan garaa kessan dhufee gafii dhiheeffadhuu naf mijeesii anii garaa You tube ketinilee yaroo heduun sitii dedeebiee turaa garuu waliif galuu hindandeenyee wahundaf akkaan agaraa pophii dhadachaa halalatiin dhiheefadhuu barbadaa kanaf #bilbilaa kessan barbadaa yaroo gafii fudhuu egaltanirraa egalee isiin hordoffan turee bilbilaa kessan barbadaa asl wr wb

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button