header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Dhiirri Roomaa Durii yeroo barbaadetti ilma isaa ajjeesuu mirga qaba

Tana Quba Qabduu?

Qaroomina addunyaan teenya argite keessaa inni tokko qaroomina Roomaa duriiti. Bulchiinsi Roomaa haalaan bal’aa ture. Biyyoota Awrooppaa heddu, Ardii Afriikaatii fi Eeshiyaanis bulchiinsa Roomaa jala turan. Warri roomaa yeroo sanitti wantoota garagaraa biyyoota hedduun wal barsiisanii turan. Haa tahu malee seerri Roomaa gariin kan haalaan nama suukaneessuufi kan nama sodaachisu ture. barruu tana keessatti seerota Roomaa durii keessaa 10 fillee isinii dhiheessina.

 

  1. Uffata bifa Purple uffatuun yakka

Akka Qaroomina Roomaatti halluuwwan jiran keessaa inni Purple jedhamu isa haalaan kabajamaa fi qulqulluu jedhamee amanama. Hooggantoonni Roomaa ganama yeroo hunda uffata bifa Purple irraa hojjatame uffatuun aadaadha. Kanaafuu namni biraa uffata san akka uffatu hin hayyaman. Seerri kun akka warri sadarkaa gadi aanaarra jiru uffata bifa Purple hin uffanne kan dhoorkuu fi, walumaa galatti warri sadarkaa gadii irra jiru osoo qabeenya haga fedhe qabaatanillee uffata Purple uffatuudhaan akka qabeenya isaanii mul’isan hi hayyamu. Namni uffata Purple uffate tarii qabeenyi irraa saamamee biyyaallee ari’amuu dandaya.

 

  1. Dubartootaaf ta’ziyaa dhaquun hin hayyamamu

Sirna ta’ziyaa Roomaa keessaa inni tokko refka baadhatanii booyaa karaa irra deemuudha. Sadarkaan nama du’ee saniin madaalama. Yoo namni heddu daandiirratti yaa’ee booyeef, namni sun haalaan beekamaadha jechu. Sababa kanaaf jecha namni firri jalaa du’e, ummatatti mul’ifatuuf jecha dubartoota mallaqaan qaxaree reefka faana deemaa akka booyan godha. Dubartoota akkanaatiif mallaqni guddaan waan kaffalamuuf, dubartoonni hedduun mallaqaaf jecha rifeensa ofirraa buqqisaa, fuula isaanii qeensaan of ciraa booyaa turan. Kana kan hubate mootummaan roomaa durii, dubartoonni akka ta’ziyaa irratti hin argamne uggura kaaye. Eega seerri kun labsamee booda dubartoonni ta’ziyaa irraa ugguraman.

 

  1. Abbaan intalaa dhiira intala isaa wajji zinaa raawwate ajjeesuu mirga qaba

Namni tokko jaartiin isaa dhiira biraa wajji zinaa osoo raawwattu yoo arge, isii fi nama sanis mana keessatti itti cufuu qaba. San booda ollaa fi nama karaa dabrus waamee waan jaartii fi jaalalleen isii waliin dalagan kana mul’isuu qaba. Waan kana sa’aatii 20f raawwata. San booda guyyaa 3 keessatti waan jaartiin isaa raawwatte, akkaataa itti raawwatanii fi mudannoo hunda gabaasa dhiheessuu qaba. San booda jaartii isaa hiikuun dirqama isaati. Yoo hin taane innis galmee warra sagaaggaltuu keessatti galmaaya.

 

Namni jaartii isaa wajjiin zinaa raawwate sun yoo gabra tahe ajjeesuu qaba. Yoo namni zinaa raawwate sun lammii Roomaa tahe, abbaa jaartii isaatiif dabarsee kenna. Soddaan isaatis namni sun sadarkaa haga fedhe qabaatus ajjeesuu qaba. Faallaa Kanaatiin jaartiin yoo jaarsi isii osoo zinaa dalagu argite, mirgi isiin qabdu teessee booyuu qofa. Kanaan ala waan takkallee godhuun isiif hin hayyamamu.

 

  1. yakkoonni roomaa keessatti dalagaman irra hedduun adabbii du’aa qabu.

Qaroomina roomaa durii keessatti namni yakka gurguddaa dalage irra hedduun isaa ni ajjeeffama. Garuu akkaataan itti ajjeesan wal dhaba. Yoo yakki isaa yakka gurguddoo keessaa irra xiqqaa tahe, morma irraa muranii ajjeesan. Yoo yakki isaa san irra hamaa tahe ammoo, gamoo dheeraa gubbaa baasanii achirraa darban. Namni abbaa ofii ajjeese ammoo adabbii haalaan hamaa adabama.

 

Nama abbaa ofii ajjeese jalqaba carqii gurraachaan ija hidhanii amma booda ifa arguun sirratti haraama jedhaniin. San booda magaalaa keessaa baasanii laga biraan gahan. Achittis uffata irraa mulqanii garafan. Yoo garafanii dadhaban; qalqalloo guddaa fidanii achi keessa kaayan. Bofa, Saree, Qamaleefi lukkuus isa wajji qalqalloo san keessa kaayanii qalqalloo afaan hidhan.  Xumurarratti namticha bofaafi saree wajji qalqalloo keessatti hidhame kana akkasumatti lagatti darbanii biraa deebi’an.

 

  1. Roomaa keessatti namootni of ajjeesuu barbaadan hayyama mootummaa argachuu qaban

Summii mana kaayatuun warra roomaa biratti dhoorkaadha. Summii nama ajjeesu mootota qofatu mana keessaa qabaatuu mirga qaba. Namni haalaan dhukkubsatee fayyuu dadhabe yoo of ajjeesuu barbaade, du’uun duratti qaamota mootummaatti iyyatuu qaba. Warri mootummaatis namni sun loltuu, yakkamaa fi gabra tahuu dhabuu isaa eega adda baafataniin booda summii san kennaniifii akka du’u hayyamaniif. Loltuun biyyaaf barbaadama. Warri yakka raawwate ammoo haga itti murtaawutti of ajjeesuun isaaniif hin hayyamamu. Osoo itti hin murtaayin yoo of ajjeesan mootummaan qabeenya isaanii dhaaluu hin danda’u. Gama biraatiin gabri yoo of ajjeese ammoo abbaan gabra san gurgurate mallaqa guutuu nama bite saniif deebisuu qaba. Kan kanarraa hafe namni cinqamee jiruun isa jibbisiisee fi kan dhibamee fayyuu dadhabe, mootummatti iyyatee du’uu barbaada jedhee hayyamsiisuu mirga qaba. Yoo paarlaamaan murteesseef summiin kennameefii du’a. Saniin ala of ajjeesuun dhoorkaadha.

 

  1. Namni bakakkaan itti bu’ee ajjeese hin awwaalamu.

Akka warri Roomaa amanutti bakakkaan ykn hangaasuun gooftaa isaanii kan Juppitar jedhamuun darbama. Namas tahe mana akkasumas muka yoo bakakkaan dhahe juppitartu jibbe jedhamee amanama. Kanaafuu nama bakakkaan dhahe kana awwaaluun dhoorkaadha. Wanti hayyamamu akka fooliin isaa nama hin dararre bakka sanii kaasanii darbuudha. Garuu wayta kaasan kanas of eeggannaa godhamuu qabutu jira. Reefka san lafaa yoo kaasan ol fuudhanii jilba bira dabarsuu hin qaban. Duydaan gad jedhanii ykn meeshaan lafarra harkisaa deemaniin. Nama bakakkaan dhahe namni ol kaasee ceekuurratti baadhatee awwale, yakka guddaa raawwate. Namni sun juppitariin waan dallansiiseef wareegaaf dhihaata.

 

  1. Abbaan tokko ilma isaa yeroo 2 qofa akka gabraatti gurguruu danda’a.

Qaroomina roomaa durii keessatti lammiileen biyyattii ilmaan isaanii akka gabraatti gurgurataa turan. Abbaan ilma isaa akka gabraatti yeroo 3 gurguratuu ni dandaya. Garuu kasaaraa qaba. Abbaa fi namni bitate sun eega walii galtee mallatteessanii booda fudhatee gara manaa deema. Gaafa walii galteen xumurame abbaaf deebisuu qaba. Yeroo lama gurguratee ilmi isaa manatti isaaf deebi’uu ni dandaya. Yeroo sadaffaa garuu eega walii galteen xumuramee booda gurbaan mana abbaa isaatti hin deebi’u. Abbaan ilma isaa yeroo 3 gurgure mirgi abbummaa irraa mulqamee mucaan qabeenya mootummaa taha. Kanaafuu namni ilma isaa yeroo 2 gurgurate akka ilmi mootummaan jalaa hin dhaalamneef jecha, Ilma tokko yeroo 2 gurguratee gama ilma itti aanuu cehuu qaba.

 

  1. Dubartoonni waggaa tokkoof osoo addaan hin kutin mana abbaa warraa isaanii yoo turan qabeenya dhuunfaa isaa tahu.

Warri roomaa seera qabeenya dhaaluu jedhamu tokko qabu. Akka seera kanaatti namas dhaalanii qabeenya dhuunfaa godhachuu ni dandayu. ijoolleen dubraa qabeenya abbaa isaaniiti. Gaafa guddatan ammoo heerumuu dandayu. Gaafa heeruman irraa kaasee mana abbaa warraa isaanii jiraatanis qabeenyummaan kanuma abbaa isaan guddiseeti. Haa tahu malee osoo addaan hin kutin guyyaa 365 ykn waggaa guutuu mana abbaa warraa yoo bulan, guutumaan guututti qabeenya isaa tahu. Gurguratuu fi waan barbaade godhuu mirga qaba. Kanaaf jecha dubartoonni roomaa waggaa waggaan mana abbaa warraatii badaa, bosonaa fi goda garagaraa keessatti guyyaa sadihiif dhokatu. Haala Kanaan bilisa tahanii turuudhaaf carraaqu.

 

  1. Dhiirri Roomaa yeroo barbaadetti ijooollee isaa ajjeesuu mirga qaba.

Qaroominni Roomaa mirgi dhiiraaf kennu daangaa hin qabu. Abbaan tokko yoo ilma isaatti dallane ajjeesuu mirga qaba. Ijoolleen isaa intala yoo tahan eega heerumanii boodas ajjeefamuu dandayu. Warri dhiiraa garuu gaafa fuudhan bilisummaa goonfatu. Impaayerri Roomaa seera kana boodarratti xiqqoo laaffisee jira. Abbaan waan fedheef qofa osoo hin taane yoo ilmii fi intalti isaa yakkoota dhoorkamaa tahan dalagan ajjeesuu mirga qaba kan jedhutti jijjiiran. Gama hundattuu akka qaroomina roomaatti abbaan warraa mootii manaati. Ilmaan isaatiifi jaartiin isaa akkuma meeshaa manaatti laallaman. Sa’aa fedhetti ilmaan dhiiraa baasee mallaqaan gurgurata. Ka itti dallane ni ajjeesa. Mootummaa abbaa irree mana keessaa tahee jiraataa jechuudha.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button