header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Lootuu haala qilleensaa hunda dandamatu

Uumamni kun Agaamaa jedhama. Agaamaan sanyiin Qarcooti. Ardiilee Afriikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti argama. Walumaa galatti ardiilee sadan kanniin keessatti sanyiin Agaamaa 60 ol akka jiru qorannoodhaan bira gahamee jira. Agaamaan sanyiiwwan lootuu keessaallee kan naannoo heddu keessatti argamu yoo ta’u, haala qilleensa garagaraa keessatti rakkoo takkaan malee jiraachuu ni danda’a.

Agaamaan kennaa ajaa’ibaa tokko qaba. Fakkeenyaaf sanyiin agaamaa tokko naannoo bosona tuucha’aa keessa jiraata haa jennu. Yeroo muraasa booda bosonni kun ilma namaatiin ciramee yoo barbadaaye; Agaamaan Akka lubbu qabeeyyii biroo naannoo sanirraa hin baqatu. Achuma turee haala qilleensaa haarawa kana keessatti jireenya haarawa eegala. Sooranni isaa kan duraan bosona san keessaa sooratu hundi bosona wajji jalaa badus, waanuma Rabbiin isa razaqe soorataa jiraata. Rabbiin qaama isaa haala qilleensaa hundaa akka dandamatu godhee uume. Har’aan tana sanyiin uumama kanaa sababa ciramiinsa bosonaa irraa kan ka’e, hedduminaan gaarren dhagaa baay’atuu fi iddoo goggogaa keessa jiraataa jira. Halluun gogaa isaa irra jiru akkaan bareedaa waan ta’eefis, ilmi namaa sanyii lootuu kana adamsee manatti galfatee guddisaa jira. Kanaafuu agaamaan jireenya bosonaatis ta’e jireenya magaalaa jiraatuu ni danda’a jechuudha.

Agaamaan tokko mataa irraa kaasee haa fiixee eegee isaatti seenti meetira 40 dheerata. Akkuma lootuuwwan hedduu gama eegeetii qal’aa yoo tahu, gara mataatiin ammoo ni bal’ata. Uumamni kun yeroo hunda garee miseensota heddu qabu ijaaree, qubsuma ofii tolfatee jiraata. Gareen kunis kormaa humna jabaa qabuun hoogganama. Garema san keessa kormaawwan biroo jiraatanis, akka kormaa hoogganaa sanitti dalagaa hunda dalaguun isaaniif hin hayyamamu. Fakkeenyaaf wal qunnamtii wal hormaataa kan raawwatu kormaa hoogganaa ta’ee garee san qajeelchu qofa. Dabalataan qubsumni tokko dhaltuuwwan heddu of keessaa qaba.

Yeroo heddu sanyiiwwan bofaa fi lootuu kormaaf dhaltuu ijaan laalanii adda baasuun rakkisaadha. Haa ta’u malee Agaamaa adda baasuun heddus hin ulfaatu. Fakkeenyaaf dhaltuuwwan garee san keessa jiran bifti isaanii gosa lama. Innis magariisaa fi magaala. Kanaafuu halluu kanniin lamaan yoo agarre, agaamaan tun dhaltuudha jechuudha. Agaamaan Kormaanis halluu daalacha, diimaa, cuquliisa, fi boora qaba. kanaafuu qubsuma tokko keessa, Agaamaawwan bifa kana qaban yoo argine, kormaa ta’uu isaanii hubanna. Kormaawwan kunniin garuu warra hooggansa qabanii miti. Halluun sadaffaa ammoo kan Kormaa garee san hoogganuuti. Halluun kormaa kanaa akkaan ifaa (bright) yoo ta’u, bifa lama of keessaa qaba. Wanti mormaa gad jiru hundi bifa cuquliisa qaba. Mataan isaa ammoo bifa diimaa ykn ammoo boora qabaata. Kanaafuu hoogganaa garee sanii beekuudhaaf wanti godhuu qabnu, Agaamaa bifa lama qabu barbaaduudha. Sunis qaamni isaa cuquliisa ta’ee yoo mataan isaa diimate ykn ammoo boorate hoogganaa arginee jirra jechuudha. Hoogganaan kun sababa bifa garagaraa qaama isaa irraa qabu kanaaf jecha, Rainbow lizards jedhamee waamama.

Agaamaan hedduminaan ilbiisota soorata. Naannoo Agaamaan jiru ilbiisni hedduunis hin jiraatu. Inumaa Namoonni gariin sababuma kanaaf Agaamaa madaqsanii guddisan. Naannoo Agaamaan jiru ilbiisonni Akka Daarabaaftuu ykn Aaroo takkaahuu Saaphaphuu hedduminaan hin jiraatan jechuudha. Agaamaan Soorata isaa kana adamsuudhaaf akka waan du’ee of fakkeessee gogee dhaabata. Yeroo hafuura fudhatus qaamni isaa hin sosocha’u. achi booda wayta ilbiisni tokko dhufee biraan dabru utaalee qabata. Dabalataan ammoo firiiwwan mukaa fi killee simbirrootaa fi lootuuwwaniitis ni soorata.

Agaamaan waa argee adda baafatuu irratti qaroo jabaa qaba. Qaroon isaa kun wantoota fageenya irra jiran ilaalee adda baafatuu danda’a. diina fagoo itti dhufu, akkasumas ilbiisa xixiqqoo soorata isaaf ta’an, ija isaa sanitti fayyadamee adda baafata. Akkuma sooranni isaa ilbiisota tahe, diinni isaa hamaan ammoo bofa. Kanaafuu bofa fageenyarraa yoo arge, haga danda’een dheessee ykn ammoo dhokatee jalaa miliqa.

Bineensi kun ammas amala addaa tokko qaba. Walqunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf yeroo roobaa eeguun isarratti dirqama.  Roobni wal qunnamtii wal hormaataatiif maal fayyada jechuun keessan hin oolamu.  Agaamaan dhaltuun soorata gahaa argattu malee hanqaaquu hin buustu. Yeroo roobni roobu ammoo ilbiisonni akka Roobaanjireettii hedduminaan uumamu. Wayta kana agaamaan nyaata gahaa waan argatuuf, haqaaquunis ni qophoofti. Yeroo kana wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatama. Haadhoon takka eega wal qunnamtii raawwatteen booda boolla seentimeetira 5 gad fagaatu qotti. Kana booda hanqaaquu haga 20 boolla san keessatti buustee awwaalti. Yeroon ilmoon hanqaaquu keessaa itti baatu sanyii irraa sanyitti garaagarummaa qaba, agaamaan gariin ji’a tokkoo fi cinatti hanqaaquu keessaa ilmoo baasti. Gariin ammoo ji’a afurii fi cinaaf eega tureen booda ilmoon keessaa baha. Agaamaan sanyiiwwan Qarcoo/Lootuu umrii dheeraa jiraatan keessaallee isa tokko. Avreejiidhaan haga waggaa 28tii jiraachuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button