header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Isra’eel baqattoota lammii Afrikaa gara Ruwaandaatti darbuudhaaf sochii eeggalte

Isra’eel baqattoota lammii Afrikaa 40,000 ta’an  guyyoota 60 keessatti gara Ruwaandaatti akka imalan yookaan ammoo hidhaan akka isaan eeggatu akeekkachiisa baafte.Baqattoonni kunniin biyyoota Afrikaa gara garaa irraa yoo tahan, hedduun isaanii Suudaanii fi Ertiraa irraa waggoota heddu dura gara Isra’eelitti baqachuun kan jiraataa turan tahuu Rooyters gabaase.

Isra’eel akka jettutti Ruwaandaan biyya amansiisaa diinagdeen isii guddataa jiru tahuu eega qorattee boodaa baqattoota kana garasitti erguuf kan murteessite tahuu ibsite. Haata’u malee Ruwaandaan baqattoota kana simachuuf Isra’eel waliin waliigaltee hin raawwanne jechuun waakkatte.

Baqattoonni gama isaaniitiin biyya isaan hin feenetti isaan darbuun gocha gantummaati akka jedhaniifi, gara Ruwwandaatti imaluu fedhii kan hinqabne tahuu ibsuu isaanii gabaasni kun ni addeessa. Qondaaltonni Isra’eel biyyattiin kan uumamte Yahuudotaaf malee baqattoota hiyyeeyyii Afrikaatiif miti yaada jedhu akka qaban, akkasumas lammiiwwan Afrikaa lootee seentota hiyyummaa dheefa gara biyya isaanii godaanuun yakkaa fi daandiiwwan Tel Aviv irratti rakkoo uumaa jiran jechuun kan yakkan tahuu VOAn gabaase.

 

Mormitoonni mirga namoomaa gama isaaniitiin Isra’eel mataan isiituu kan uumamte baqattoota irraa tahee osoo jiru, jibbiinsa lammiilee Afrikaatii qabdu irratti hundaayuun gocha akkanaa raawwaachuu irraa akka ofqusattu akeekkachisaa kan jiran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button