header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Keemikaala Daqiiqaa 30 keessatti namticha ajjeese

Gurraandhala/February 13,2017 buufata xayyaara Maaleeyshiyaa keessatti wanti addaa tokko mudatee ture. Namni Kim Jong-nam jedhamu balaa akka tasaa isa mudateen, osoo gara Mana yaalaa deemaa jiru du’e. Haga yeroo du’eetti eenyummaan isaa heddus waan hin beekamneef namni xiyyeeffannaa itti kenne hin jiru. Yeroo Paasporta isaa laalan garuu Obboleessa Preezidaantii Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un tahuun isaa beekame. Yeroo kanatti aangawoonni Maaleeyshiyaa qorannoo geggeessuu jalqaban. Eega qorannoo godhanii booda, Kim Jong-nam gaasii Narvii VX jedhamuun akka ajjeefame mirkaneeffannee jirra jedhan.

Kana booda qorannoon gad fageenyaan godhamuu jalqabe. Kaameeraawwan CCTV buufata xayyaarichaa keessa jiran hunda isaanii takka takkaan qorachutti seenan. Kim Jong-nam dhimma takkaaf osoo buufata xayyaarichaa keessa deddeemu, dubartiin takka dubaan dhuftee fuula isaa irratti waa dibuun saffisaan dheessitee deemte. Kim-Jong nam namni wahii fuulatti waa natti dibee jira, tajaajila wal’aansaa barbaada jedhee, keessummeessitoota buufata xayyaaraa gaafate. Isaanillee gara buufata fayyaa balaan akka tasaa itti wal aanamu geessanii barcuma irra teessisan. Rakkoon Kim Jong-nam waan salphaa hin turre. Qaamni isaa laafuu jalqabe, Yeroo daqiiqaa 30 hin guunne keessatti ni du’aan addunyaarraa gale.

Gaasiin Narvii VX maal?

VX gaasii narvii akkaan hamaa fi summaawaa ta’e, kan ilmi namaa dachii tanarratti oomishe keessaa sadarkaa duraa irratti argama. Kaayyoon jalqaba hojjatameef waan biroo tahus, ammaan tana garuu Keemikaala waraanaa namni ilma namaa ittiin galaafatuuf oomishaa jiru keessaa jalqaba irratti argama. Mootummoonni gamtooman hammeenya isaa hubachuudhaan, akka hin oomishamnee fi dalagaa irra hin oolfamne murteessee jira. Biyyoonni hedduun dhimma kana irratti walii galanii mallatteessanis, biyyoonni haga ammaa hin mallatteesines ni jiru. Keemikaalli kun bifa dhangala’aa, gaasii ykn Kireemaatiin qophaahuu danda’a. cophni gaasii kanaa nama tokkorra yoo bu’e daqiiqaa 15 keessatti nama san ajjeesuu danda’a.

Keemikaalli kun Sirna narvii ilma namaa bira eega gaheen booda, sochiin Narvii guutumaan guututti akka dhaabbatu godha. Battaluma keemikaalli sun gogaa ilma namaa keessa darbee gara narvii deemuu jalqeen, lafti namaan maruu jalqaba. Martoon kun garuu waan yeroo dheeraaf turuu miti. Gaasiin kun Daqiiqaa muraasa keessatti eega Narvii namaatiin wal tuqeen booda, akka namni sun hafuura hin baafanne godha.

Gaasii VX kana oomishuun akkaan salphaadha. Biyyoonni teeknolojii keemikaala walitti makuu qaban hundi summii kana oomishuu ni danda’an. Kooriyaan Kaabaatis Keemikaala kana hedduminaan qabaachuu akka dandeettu himama. Sababni isaa ammoo waligaltee Keemikaala kana dhoorku, kan mootummoota gamtoomaniin qophaahe mallateessuu dhabuu isiiti. Keemikaalli VX kun, elamantoota Kaarban, Haydroojiin, Naaytroojiin, Oksijiin, foosfarasii fi Salfar wal nyaachisuudhaan hojjatama.

Bara 1950tti Saayintistoonni biyya England farra raammoo hojjachuuf osoo carraaqaa jiran gaasii summaawaa kana argatan. Hammeenya isaa irraa kan ka’e Gamtaan Mootummoota gamtoomanii Keemikaalli kun akka hin oomishamne dhoorkus, Biyyoonni walii galtee kana hin mallatteesine ammoo keemikaala kana hojjachutti jiran. Kanaaf jecha Ameerikaan farra Keemikaala kanaa hojjatte. Loltoonni isiitis dawaa kana qabatanii akka deeman gooti. Yeroo rakkoon mudatetti saffisaan akka dawaa Kanaan of waraanan ajajjee jirti. Farri keemikaalaa kun saffisaan kennamuu qaba. Yoo hin taane garuu, VX daqiiqaa muraasa keessatti nama san ajjeesuu danda’a

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button