header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Haadhaa fi Abbaatti Tola Ooluu

Abbaan keenya Aadam (AS) biyyee irraa uumame. Haati teenya Hawwaanis lafee cinaacha isaa irraa argamte. Kana booda ilmaan jidduu isaaniitii argamanii dachii tana guutan. Walumaa galatti argamuu aadamiitiif biyyeen ka’uumsa. Haati teenya hawwaanis Aadam irraa argamte. Ilmi namaa ammoo Hawwaa fi Aadam irraa daraaree wal hore. Haala Kanaan dhaloonni dhaloota bakka buusaa arra geenye. Biyyee Aadam irraa argamee fi wantoota achi dura jiran hunda ammoo Rabbii dandeettiin isaa daangaa hin qabneetu uume. Wanti Rabbiin ala jiru hundi bakka irraa dhufee fi sababaa dhufeef qaba.

Nutiin amma bareennee totollee karaa irra yayyaanu kunis bakka irraa dhufne qabna. Akka tasaa lafaa hin argamne. Namni abbaa fi haadha malee dhalate ammaan tana dachii tanarra hin jiru. Abbaa fi haati teenya ammoo cinqaa fi dararaa guddaa arganii nu guddisan. Haati teenya garaatti nu baadhattee cinqaa guddaan nu deesse. Abbaan keenyas sababaa rizqii keenyaa tahee ifaajee nu guddise. Isaan lameen hirriiba nu waliin dhabanii, gaafa dhibamnes nu waliin dhibamanii, osoo ofii hin nyaatin nu nyaachisanii, isaan daaranii nu uwwisanii bakkaan nu gahan. Walumaa galatti tolli isaan nuuf oolan waan salphaa miti. Kanaaf Rabbi akka isaanitti tola oollu nu ajaje.

Islaamummaan amantii wal dandayuu, rahmataa walii ooluu fi wal kabajuuti. Kanaaf Rabbiin guddaan nama hundaan wal dandeenyee, rahmataa fi kabajaan akka waliin jiraannu nu ajaje. haadhaa fi abbaaf ammoo xiyyeeffannaa addaa kenne. Abbaa fi haadhatti hamtuu dalaguun badii guddaa tahuu nuu himuun nu akeekkachiise. Tola isaanitti ooluu ibaadaa isaatti irkisee nuu hime. Qur’aana keessatti Suuraa Israa’ Suuraa 17ffaa aayaa23 irratti akkana jedhe;

????????? ??????? ?????? ???????????? ??????? ???????? ?????????????????? ??????????? ?????? ??????????? ??????? ????????? ???????????? ???? ?????????? ????? ????? ????????? ????? ????? ????????????? ????? ???????? ??????? ???????? ??

“Rabbiin kee gabroottan isaa ISA malee waan biraa gabbaruu dhabutti ajaje jiraa. Ammallee Haadhaa abbaatti tola oolutti ajajeera. Osoo ati lubbuun jirtu tokkoon isaanii ykn lameen isaanii yoo dullooman, uff jettee qalbii isaanii hin cabsin, isaaniin hin lolin (yoo isaaniin waa jechuu barbaadde) jecha bareedaa laafaa ji’iin” Jedhe.

Jechuma laaftuu xiqqoollee taatu tan kabajaa haadhaa abbaa gad buustu isaanitti dubbachuun, fuula isaanitti baduun dhoorkaadha. Islaamummaa keessatti ammoo wanti dhoorkaa qabu faallaa isaatiin toltuu ajrii guddoo namaa argamsiisu qaba. Ibaadaan Rabbiitii fi haadhaa abbaatti tola ooluun aayaa kana keessatti walitti hidhamanii dubbataman. Kanaafuu haadhaa abbaatti tola ooluun qaama ibaadaa keessaa tokko jechuudha. Rabbi ajaja isaa itti fufuudhaan gaaf dulloomanii kunuunsa keenyatti haajaman, akkuma gaafa isaan ijoollummaan nu guddisan sanitti, gaafa dullooman akka isaan kunuunsinu nu ajaje. Akka du’aa’ii isaanii goonus nuu dhaameera.

Jechi Afaan araba kan Rasuulli ? tola haadhaa fi Abbaa ibsuuf fayyadaman birr jedhama. Jechi birr jechu tola qofa osoo hin taane, hiika bal’aa fi hiikaa garagaraa qaba. Wanti gaarominaan wal qabatu hundi jecha birr jedhamu keessatti ibsama. Birr jechuun, tola ooluu, rahmata qabaachuu, kabajuu fi obsuu wantoota jedhaman of keessatti qabata. Walumaa galatti tolinni nuti haadhaa abbaa keenyaa oollu waan heddu of keessatti qabata. Mallaqa qofa isaanii kennanii, mana jireenyaa jaaraniifii biraa deemuun qofti tola ooluu hin jedhamu. Rahmata isaanii godhuu, yoo gaafii nutti heddummeessan ammoo gaafii isaanii obsaan isaanii deebisutu islaamummaa keessatti tola ooluu jedhama. Hogguma isaanii tola oollu kana, isaan kabajuu, nama biratti wayta isaan waamnus maqaa gaggaariin isaan faarsutu tola ooluudha.

Haadhaa abbaan umrii isaanii guutuu ilmaan isaanii guddisuu irratti fixan. Haa tahu malee adaduma manguddoomaa deemaniin humni isaanii waan laafuuf, gaafa san isaanis deeggarsatti haajamu.  Kana ammoo qaama biraa irraa osoo hin taane, ilmaanuma waggoota heddu itti ifaajanii guddisan irraa barbaadan. Mallaqni namni biraa isaanii kennu gammachuu guutuu isaanii hin kennu. Garuu nuti fuula itti tollee isaan waliin qooqa ooluun gammachuu bara hedduu isaaniif taha. kanaaf itti dhihaannee, rahmataan, kabajaan, obsaan tola isaanitti oolutti ajajamne.

Islaamummaan haadhaa fi abbaadhaaf kabajaa guddaa kenne. Ulaagaan tola isaanitti ooluudhaa amantiidhaan waan daangeeffamuu miti. Osoo isaan hordoftoota amantii biraatillee tahanillee, tola isaanitti ooluun dirqama. Rabbi qur’aana Suuraa Luqmaan aayaa 15ffaa irratti akkana jedha;

“Yoo haadhaa abbaan kee waan beekomsa itti hin qabneen Natti qindeessutti si dirqan, dubbii isaanii hin dhagahin. Waan addunyaa keessatti tolaan waliin jiraadhu. Ati jiruu kee keessatti karaa nama qajeelee gara kiyya deebi’ee irra deemi” Jedha

Yoo isaan shirkitti nama waaman, waan isaan itti nama waaman san diduun dirqama. Hamtuu isaan itti nama affeeran san didanii karaa qajeelaa irra deemutu barbaachisa. Haa tahu malee wayta didan kanas dubbii bareedduu itti dubbachuun dirqama. Waan duniyaan wal qabateen, akka gaaritti isaan waliin jiraachuun ajaja Rabbii ol aaneeti. Haadhaa fi abbaa gammachiisuuf jecha karaa Rabbii irraa maquun hin tahu.

Aayaalee qur’aanaa garagaraa keessatti, haadhaa abbatti tola ooluu fi galata galchuun akkaan barbaachisaa akka tahe Rabbi nu hubachiiseera. Gama biraatiin,  Islaamummaa keessatti dubartiin, keessattuu haati iddoo addaatu isii kenname. Rabbi (SW) qur’aana keessatti Suuraa Luqmaan suuraa 31ffaa aayaa 14ffaa irratti akkana jedha.

“Ilma namaatii haadhaa Abbaatti tola ooluu dhaamnee jirra. Haati isaa, laafina laafina irratti isa ba’attee jirti”

Rabbi dhimma haadhaa addatti baasee ibsuun isaa ergaa addaa qaba. Tola haati namaa oolte himanii fixuun ulfaataadha. Kanaaf Rabbiin xiyyeeffannaa guddaa akka itti kenninuuf waa’ee haadhaa kophatti baasee nuu hime. Ergamaan Rabbiitiis ? waa’ee haadhaa irratti xiyyeeffannaa addaa kennanii jiru. Gaafa tokko sahaabtichi tokko rasuula ? wajji duula godhuuf gara isaanii dhufe. Ergamaan Rabbiitis ?, “haati tee jirtii?” jedhanii gaafatan. Sahaabtichis “eeyyan” jedhee deebise. Ergamaan Rabbii ?, “deemii gali jannatni faana haadha teetii jala siif jira” jedhanii deebisan.

Guddina daa’ima tokkoo keessatti gaheen haadhaa haalaan guddaadha. Haati gaafa ilmoon garaatti uumame irraa kaastee ilmoo isiitiin adda hin baatu. Eega ciniinsifattee deesseen boodas, dhidhiyxee, bareechitee guddisuun qooda haadhaati. Guyyaa guutuu ilmoo ofii wajji kan ooltus isiidha. Ilmi namaa hundi waan hedduu fi waan jalqabaa haadhumarraa bara. Dubbii haadharraa bara. Akkaataa waa itti nyaatu haadharraa bara. Dalagaas haadhumarraa bara. Kanaafuu ilmoo islaamummaarratti qajeelchuurrattis gaheen guddaan kan haadhaati. Walumaa galatti ilmoo ofii kara amantiitiin, karaa xiinsammuutiin, jabeenya qaamaa fi kan biraatiinis gabbisuu irratti qoodni isii haalaan guddaadha. Kanaafuu isii kunuunsuu fi tola itti ooluun haaluma saniin jabaa tahuu qaba. Kun ammoo jannata faana isii jalatti argamu akka argannu nu taasisa.

Hadiisa biraatiinis sahaabaan tokko gara Ergamaa Rabbii ? dhufee, “Namni ana irraa gargaarsa argatuurratti haqa guddaa qabu eenyu?” jechuun gaafate. Ergamaan Rabbiitis ? “Haadha teeti” jechuun deebisan. Sahaabtichis yeroo lama itti fufee gaafannaan, Rasuulli yeroo lachuu “Haadha teeti” jechuun deebisan. Xumura irratti yeroo afraffaaf “achii booda hoo” jechuun wayta gaafatu, “Abbaa kee” jechuudhaan deebisan. Hadiisa lamaan kanarratti hundoofnee, sadarkaan haati qabdu hagam akka tahe hubatuu dandeenya. addunyaa ammaan tana qabeenya cululuqaan guutamte keessatti guyyaa haadhaa jechuun guyyaa tokko qofa kabajan kun islaamummaa keessatti bakka tokkollee hin qabu. Haati tan guyyaa tokko bira dhaqanii footoo waliin ka’anii biraa deebi’anii miti. Haati teenya sagalee keenya guyyaa hunda dhagahuutti haajamti. Osoo tolee yeroo hunda isii bira turree itti tola. Haala jireenyaa amma jiruun kana raawwachuun rakkisaa tahuu mala. Tahus mala biraa fayyadamuun haadhatti dhihaachuun isii gammachiisuun barbaachisaadha. Irra deddeebiidhaan bilbiluu, akkasumas sagantaa baafannee dhaqnee ziyaaruudhaan isaan gammachiisuun haalaa amala muslimaa tahuu qaba.

Nabiyyallaah Iisaan (AS) wayta daa’imummaa isaatiin dubbatu sanittis haadhatti tola ooluun ajaja Rabbi isaaf kenne tahuu ifatti ibseera. Rabbi seenaa kana Suuraa Maryam suuraa 19ffaa aayaa 30 hanga 32 irratti akkanatti nuu ibse

????? ?????? ?????? ??????? ??????????? ?????????? ??????????? ???????? ?? ??????????? ?????????? ?????? ??? ????? ???????????? ????????????? ????????????? ??? ?????? ?????? ?? ????????? ???????????? ?????? ??????????? ????????? ???????? ??

 

“Ani Gabricha Rabbiiti. Kitaaba Naa kennee Nabiyyiillee na godhe. Bakka jiru hundatti akka nama fayyadu na taasise. Haga Jiruun salaataa fi zakaatti na ajaje. Nama haadha tiyyaa tola oolu na godhe. Nama if tuuluu fi Nama roorrisaa na hin goone”  Jedhe.

Haadhaa abbatti tola ooluun waan filannoof dhihaatuu miti. Ibaadaa Rabbiif goonuun cinatti waan walitti hidhamuudha. Haadhaa abbaatti tola ooluu diduun ajaja Rabbii diduudha. Kun ammoo isa gabbaruu diduun wal fakkaata. Haadhaa abbatti tola ooluun ammoo ajaja isaa fudhachuudha. Kun ammoo ajrii heddu namaaf argamsiisa. Kanaafuu haga dandeenyeen haadhaa abbatti tola ooluu, ibaadaa guyya guyyaan raawwannuun walitti hidhuun itti jabaachuu qabna.

Sahaabtichi beekkamaan, Abdallaah ibn Umar (Rabbi isarraa haa jaalatuu), guyyaa tokko nama haadha isaa duydatti baadhatee ka’baa xawaafu arge. Namni kun haadha isaa baadhatee wayta xawaafu sanitti komii takkallee hin dubbanne. Useetuma haadha isaa baatee naannawa. Tanuma keessa namni kun Abdallaatti naannawee, “Haadha tiyya haala Kanaan baadhee xawaafuu kiyya Kanaan tola isiin naa oolte kafalee fixee jiraamii?” jechuun gaafate. Abdallaah ibn Umaris (Rabbi irraa haa jaalatuu), “dhukkubbii wayta ciniinsuu san itti dhagahame takkittii qofayyuu hin kafalle” jedhee deebiseef.

Haadhaa Abbaatti tola ooluun waan jiruu qofa irratti rarra’ee hafuu miti. Yoo qadara Rabbii tahee isaan nu dura godaanan du’aa’ii isaanii godhuun barbaachisaadha. Ergamaan Rabbii ? akkana jedhan.“ ilmi namaa yoo du’u, dalagaan isaa hundi addaan citti, waa sadih malee; sadaqaa walitti dhaabattuu taate, beekumsa faaydaa qabuu fi ilma saaliha kan du’aa’ii namaa godhu” Jedhan. Akkuma ergamaan Rabbii ? jedhan kanatti dalagaa itti fufaa haadhaa abbaa keenyaa tahuutu nurraa eeggama. Maqaa isaaniitiin waa sadaqatuu, hajjii godhuu fi dalagaawwan keeyrii kan biraatis raawwatuun barbaachisaadha. Isaan du’an jennee bakka isaan jibban dhaquu hin qabu. Haga daangaa Rabbii hin tuqunitti, Waan isaan jibban jibbinee, waan isaan jaalatan jaalatuu qabna. Kanaafuu tolaa fi galanni isaanii oollu, du’aan boodas itti fufuu qaba.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button