header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Ilbiisa Mana Namarratti Diigu

Rirmi lubbu qabeeyyii dachii tanarratti hedduminaan beekaman keessaa isa tokko. Sanyiin isaatis haga 2600 ni caala jedhamee tilmaamama. Rirmi lafa cabbiin uwwifameefi qilleensa qabbanni daangaa dabre keessa malee, haala qilleensaa kamuu keessa jiraachuu ni danda’a. Akka saayintistoonni himanitti, Rirmi qulqullina naannootiif faaydaa guddaa qaba. Waan lafarratti shamee qulqullina naannoo balleessu heddu, hoomaa rirmaatu sooratee dhabama godha. Garuu hoomaan rirmaa naannawa qubsuma ilma namaa jiraatu, miidhaa guddaa qabeenya irraan gahuu danda’a. Rirmi sanyii mukaa argannaan bira taruu hin beeku, sababaa kanaaf nama heddurratti mana diigee jira.

Bocni qaama rirmaa boca mixiitiin wal fakkata. Haa ta’u malee garaagarummaa heddu qabu. Gabaabumatti adda baafachuudhaaf; Qaamni mixii bakka sadihitti qoodama. Kan rirmaa ammoo lama. Mixiin mataa, mudhii fi garaa kan qabdu yoo taatu, rirmi garuu mataa fi garaa qofa qaba.

 

Rirmi qubsuma guddaa keessa hoomaan jiraata. Hoomaan tokko ilmoolee xixiqqoo, hojjattoota, loltootaa, akkasumas kormaa fi dhaltuu wal hormaata raawwachuu danda’an of keessaa qaba. Qubsuma tokko keessa hojjattootatu baay’ata. Lakkoofsi isaanii akkaan guddaa yoo ta’u, waa barbadeessuu keessattillee wanti isaanitti qixxaahu hin jiru. Miseensota qubsuma san keessa jiran keessaa, bifti isaanii gara adii dhihaata. Bakkarraa bakkatti socho’uudhaaf akkasumas waan barbaadan adda baafachuudhaaf, ija osoo hin taane anteenaa isaaniitti fayyadamu. Rirmi Hojjattuun akkuma maqaa isaa, dalagaan isaa soorata geejjibuufi boollaa fi karaa miseensonni biroo keessa deeman hojjachuudha.

Rirma Mootii

Rirmi avreejiidhaan seentimeetira walakkaa hanga seentimeetira tokkoo dheerata. Miseensota qubsuma san keessa jiraatan keessaa, warri wal hormaata raawwachuu danda’an gama dheerinaatiin sanyiiwwan kaawwan ni caalu. Haga seentimeetira sadihiitis dheeratuu danda’u.

Loltootni akkuma maqaa isaanii qubsuma san lolanii eeguun dalagaa isaaniiti. Bifti isaanii gara booraa dhihaata. Mataan isaanii guddaa yoo ta’u, afaanirraa irga jabaa diina ittiin ajjeesan qabu. Haa ta’u malee, Sababa irga kanaatiin hedduu rakkatu. Yeroo hunda rirma hojjatutu isaan soora. Hojjattoonni jala deemanii kidmaa isaanii godhu. Isaan ammoo diina hojjattootaa fi miseensota biroo irraa ittisun dalagaa isaaniiti. kormaa fi dhaltuun wal hormaata raawwachuu danda’an ammoo bifti isaanii gara gurraachaa dhihaata. Akkasumas koola ni qabu. Guddina qaamaatiin miseensota hunda ni caalu.

Rirma Loltuu

 

Hojjattootaa fi loltoonni hundi ijaan waa arguu hin danda’an. Anteenaa isaanii fayyadamuudhaan dalagaa isaanirra eeggamu hunda dalagu. Garuu warri wal hormaata raawwachuu danda’an ijaan ni argu. Hoomaa keessa wal barbaadanii akkuma wal argataniin, wal qabatanii qubsuma san keessaa bahu. Bakka sanitti eega wal qunnamtii wal hormaataa raawwatanii booda, dhaltuun hanqaaquu buusuu jalqabdi. Guyyaa tokkotti hanqaaquu haga kuma 30 hanqaaqxi. Sababa kanaafis baay’inni miseensota qubsuma tokkoo, haga miiliyoona sadihii ta’uu danda’a.

Rirmi biqiltoota du’an ykn ammoo muka goggogaa fi wantoota shaman soorata. Rirmi tokko kophaa isaa guyyaa guutuu keessatti muka seentimeetira tokko caalu hin barbadeessu. Garuu yoo hoomaa miiliyoonaan lakkaawamuun muka tokkotti yaa’an, muka san yeroo gabaabduu keessatti barbadeessuu danda’u. Tokkummaan ilma namaa biratti qofa osoo hin taane, ilbiisota birattis tokkummaan humna.

Hanqaaquun Rirmaa sadarkaa heddu keessa dabra. Jalqaba gara jiisaatti jijjiirama. Kana booda wayta sadarkaa kana bira gahu carraa lamatu jira. Inni tokko jiisaan sun achi biratti cabee, Rirma dalagduu fi Rirma loltuu ta’uudha. Haala kanaan jiisaan lakkoofsi isaa heddu ta’e, sadarkaa kanarratti gara rirmaatti jijjiirama. Inni biraa ammoo, hanqaaquun eega gara jiisaa jijjiiramee booda, jiisaan sun osoo gara rirma dalagduu ykn loltuutti hin jijjiiramin, sadarkama jiisaa san irra tura. Turtii yeroo murtaahee booda gara jiisaa hormaataa jijjiirama. Itti aansuunis rirma mootii tahee jiisaa keessaa baha. Achi booda waahila isaa fudhatee qubsuma san gad dhiisee baha. Qubsuma biroo barbaaddatee hoomaa haaraya horatee jiruu haaraya eegala jechuudha.

Rirmi bineensota hedduun nyaattama, awwaaldiigessa, Anteater, aardwolf, pangolin, echidna, shimbirrootaa fi raammooleen gurguddoon heddu uumama kana adamsanii sooratu. Guddinni rirmaa xiqqaa waan ta’eef yeroo takkaan rirma hedduu soorachuun dirqama. Haa ta’u malee dhatuun hanqaaquu buustu guyyatti hanqaaquu kuma 30 waan buustuuf, wayta gariin jalaa nyaatamu kuun itti dhalataa jiruun itti fufa.

Rirmi dalagduun ykn loltuun waggaa lama caala jiraachuu hin danda’an. Warri wal hormaata raawwatan garuu haala qilleensa gaarii yoo argatan, akkasumas diina jalaa miliquu yoo danda’an hayyama Rabbiitiin haga waggaa kudhanii jiraachuu ni danda’u.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button