Chiitah (Cheetah)

Akka ramaddii saayinsiitti bineensonni adurreen wal fakkaatan hundi Cat family jedhamu. Sanyii adurree jechuudha. Sanyiin adurree kun hundi isaanii amala wal fakkaataa qabu. Hundi isaanii cifaa akkaan qara qabu qubbiin harkaafi lukaa irraa qabu. Hundi isaanii wayta lolan sagalee wal fakkaataa ykn walitti dhihaataa qabu. Haalli uumama isaanii hundi hedduu walitti dhihaata.  Gosuma kana keessaa Chiitaah haa ilaalluu.

Bineensi kun hedduminaan ardiilee Afriikaa fi Eeshiyaa keessatti argama. Haa ta’u malee sababa manca’iinsa bosonaatiin  lakkoofsi isaa xiqqaataa akka jiru qorannoon ni addeessa. Sanyiin chiitah 5 akka jiru dubbatama. Sanyiilee kanniin garuu bifa isaanii ilaaluudhaan adda baasuun heddu rakkisaa dha. Bifni isaanii heddu walitti dhihaataa waan ta’eef adda baasuun nama dhiba. Sanyiilee kanniin adda baasuudhaaf kan fayyadamnu naannoo isaan jiraatan irratti hundoofneeti. Isaan gammoojjii keessa jiraatan tuqatuqaan gogaa isaaniirra jiru xixiqqaa yoo ta’u, kanneen naannoo qabbanaawaa jiraatan ammoo gurraachinni isaa ni gurguddata. Kanniin lamaan adda baasuuf dirqamatti walbira fiduun barbaachisaadha. Chiitaah yeroo heddu leopard wajji walitti dhiheenya bifaa qaba.

Akka leencaa waan hin baroodneef ykn ammoo akka qeerransaa waan hin harqineef, sagalee isaaniirratti bu’uura godhamee gosa adurree gurguddaa keessatti hin ramadamu. Garuu bineensota daggala Afriikaa keessa jiraatanii fi waa adamsaa nyaatuun beekaman keessaa Chiitah toora jalqabaa irratti argama. Keessattu saffisni isaa kan ajaa’ibaati. Hoosiftoota dachii tanarra jiran keessaa uumamni saffisaan Chiitaattii dhihaatu hin jiru. Bineensi kun sa’aa takka keessatti haga km 96 fiiguu danda’a.

Qaamni Chiitah gosoota adurree keessaa dheeraa fi qal’aadha. Gogaan isaatis bifa booratti dhihaatu kan qabu yoo ta’u. boora kana irraa bifa gurraacha tuttuqaa qaba. Eegee isaatis hedduu dheeraadha. Eegeen isaa kunis wayta fiigu balance (madaala) ofii akka eeggatu isa tajaajila. Yeroo waa adamsu saffisaan caafamu yoo barbaade eegee isaa kanatti fayyadama.

Chiitah buqqee mataa xiqqaa qaba. Ijji isaa garuu ka ajaa’ibaati. Waan adamsuu barbaade fageenna irraa ilaalee adda baasuu danda’a. wanti biraa kan ajaa’ibaa sarara gurraacha ija isaa keessaa  akka imimmaan yaa’uutti gad dheeratu fula irraa qaba. Rabbiin keenna waan kana faaydaa malee hin uumne. Wayta aduudhaa ifni ija isaa akka hin miine tajaajila. Caarallaan aduurraa dhufu sarara gurraacha kana keessatti liqimsamee hafa. Ajaa’ibni bineensa kanaa hedduudha. Saffisa jabaa kana akka qabaatu kan isa taasisan waan heddutu jira. Sana keessaa inni tokko miila isaa kan duubati. Miilli isaanii kun akkaan jabaa waan ta’eef qaama chiitah san akka spriingitti ofiirraa darba. Dabalataan ceekuun isaa haala ajaa’ibaatiin walitti caba (flexible) jechuudha. haala kanaan lukaa fi harka isaa saffisa ajaa’ibaatiin wal jala dabarsaa waan barbaade san adamsa. Qeensi isaaniitis kan ajaa’ibaati. Qeensi kun Yeroo inni saffisa guddaan fiigu sanitti lafa ciniinee qabuun akka hin mucucaanne isa godha.

Chiitah guyya guyyaa qofa waan socho’uuf nyaata haala salphaan argata. Halkan halkan garuu bineensonni akka waraabessaa fi Leencaa waan sosocho’aniif isaaniin wal dorgomee nyaata argachuuf ni rakkata. Warri dhiiraa garee uumanii waliin jiraachuu ni danda’u. warri dhalaa garuu yeroo heddu kopha kophaa jiraatu. Yeroon isaan chiitah biraa waliin jiraatan ilmoolee isaanii kunuunsuu qofaaf. Kunis ji’a 18f tura. Ji’a 18n booda yoo ilmooleen isaanii jabaatan, adda bahuudhaan kophaa jiraatuu jalqabu. Bineensota akka waraabessaa fi leencaa waan sodaataniif sa’aatiin isaan waa itti adamsanis guyyaa dha. Guyyaa adii wayta aduun akkaan nama gubuufi waa arguuf nama dhibutti isaan badhaasa Rabbiin ija isaaniirratti dabaleef fayyadamuudhaan yeroo bineensonni hedduun gaaddisa jala dahatanitti waa adamsan.

Rimeeyni chiitah ji’a 3f tura. Kana booda dhalaan takka haga ilmoolee 5 dhaluu dandeessi. Garuu yeroo heddu ilmoolee 3tu dhalata. Yeroo dhalatanis ijaan arguu hin danda’an. Haga of danda’anittis haadha isaaniitiin kunuunsi godhamaaf. Haga foon nyaachuu jalqabanittis muchuma haadhaa hodhan. Gaafa foon nyaatuu jalqaban kana haadha isaanii wajji olii gad deemuudhaan akkaataa waa adamsuu danda’an baratan. Haatis haga umriin isaanii 2 guututti kunuunsaa leenjisti. Haa ta’u malee rakkoo jabaa tokkotu jira. Ilmoolee chiitaah keessaa %75 kan ta’an ji’a sadi caala jiraachuu hin danda’an. Haati isaanii nyaata barbaacha adamoo waan baatuuf bineensonni biraa ilmoolee gargaarsa hin qabne kanniin jalaa miidhu, ykn jalaa nyaatu. Sababa kanaafis lakkoofsi chiitah yeroo irraa gara yerootti xiqqaachaa jira.

Chiitaah waan adamse battaluma ajjeese sanitti hin sooratu. isaafii bineensi inni adamsaa tures akka malee waan fiigaa turanif, akkasumas yeroon inni adamsus yeroo aduun akkaan nama gubu waan ta’eef, haga qaamni isaan lachiituu qabbanaawutti eeguun dirqama itti ta’a. dabalataan bineensota biraa jalaa dhokfachuufis jecha fuudhee bakka biraa geessa. Yeroo heddu wanti inni adamsu bineensota akka arroolee fi harree diidaa fa’a.

Akka gabaasni IUCN ibsutti ammaan tana Chiitaah bineensota dachii tanarraa badaa jiran keessatti ramadamee jira. Sababa manca’iinsa bosonaatiin rakkoo hamaatu irra gahutti jira. Lakkoofsi isaanis akkaan gad bu’aa jira. Yeroo ammaa tana chiitah 10,000 hin caalletu bosona keessatti hafee jira .

 

Comments
Loading...