header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Koree Furmaata barbaadduu Hawaasa Muslimaa Mana murtii oliyyanaatti dhihaatan

Ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalaatee miseensonni koree furmaata barbaaduu hawasa muslimaa mana hidhaatti hafan afran ganama hardhaa mana murtii Federaalaatti dhihaachuun adabbii hidhaa isaan irratti murteefamee ture mormuun abbaa alangaa waliin falmii geggeessan.

Manni murtichaas falmii gama lamaanii eega dhaggeefatee booda murtii kennuuf Bittoteessa13 /2010tti bellamee jira.

Miseensonni Koree furmaata barbaadduu hawassa muslimaa Afran mana hidhaatti hafan :

  1. Ustaaz Ahmaddiin Jabal
  2. Ustaaz Ahmad Musxafaa
  3. Ustaaz Muhammad Abaataa fi
  4. Khaliid Ibraahiim tahuun beekamaadha.

Dhaddacha Mana murtii guyyaa hardhaatti miseensoonni koree furmaata barbaadduu hawaasa musliimaa Ustaaz Abubakar Ahmad Ustaaz Kaamil Shamsuu, Ustaaz Injinar Badruu Huseen fi Sheekh Makkataa Muhee dabalatee hawaasni musliimaa lakkoosan heddu tahe mana murtiitti argamuun kan hordofe tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.

Back to top button