header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Kongirasiin Ameerikaa dubbii prezdaant Traamp “haasaya jibbiinsa sanyiiti”jechuun balaaleffate

Prezdaant Traamp dubartoota miseensota Kongirasii  Ameerikaa afur ilaalchisee “jarri kun bakka irraa dhufanitti deebi’anii maaliif biyyoota isaanii hin gargaarre”jechuun Twitterii irratti eega barreessee booda mormii fi balaaleffannaa cimaa kaase.

 

Haaluma kanaan dubbiin Traamp “haasaya jibbiinsa sanyiiti”wixineen jedhu kaleessa kongirasii Ameerikaatiif kan dhihaate yoo tahu, miseensota kongirasii paartii Rippaablikaanotaa 4 dabalatee  deeggarsa sagalee 240 argachuun ragga’e.  Miseensonni Paartii Rippaablikaanota 187 ammoo wixinee kana mormanii jiru. Wixineen Kongirasiin Raggaasise kun “haasawni Jibbiinsaa Traamp sun, lammiiwwan Ameerikaa warra adii  hin ta’inii fi  kanneen dhiheenya gara biyyattii baqatan irratti sodaa fi jibbinsi akka dabalu godhee  jira”jechuun baleeleffate.

 

Dubartoonni haasawni jibbiinsa sanyii Prezidaantichaa isaan irratti aggaamame afran Aleksaandariyaa Okaasiyo-Korteez, Ilhaan Umar, Ayanaa Pireeslii fi Rashiidaa Taalib yoo tahan, Ilhaan Umariin alatti dubartoonni sadeen Ameerikaa keessatti dhalatan.

 

Dubartoonni afran ibsa waloon kennaniin, kaayyoon haasawa jibbiinsa sanyii Traamp kun,  yaada ummataa  bulchiinsa isaa malaamaltummaan laaqamee badaa jiru irraa dabsuu waan taheef,

xiyyeeffannaan nama hundaa jechoota preezdantichaa irratti osoo hin taane imaammata irratti ta’uu qaba jedhan.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button