Jaldeessa akkaan qaanfatu

Tafakkur: Mandrill

Maandiriil Sanyiiwwan Jaldeessa keessaa isa guddaadha. Namoonni hedduun Sanyii Maandiriil kana sanyii Jaldeessa kan Baboon jedhamuun tokkuma seehu. Haa ta’u malee lameen isaaniituu garaagarummaa qabu. Sanyiin Maandiriil sanyiiwwan Jaldeessa keessaa isa akkaan qaanfatu jedhamuudhaan beekkama. Uumamni kun naannawa bosona jiidhaa Afriikaa keessatti argama. Keessumattuu biyyoota akka Koongoo, Gaaboon, Kaameruunii fi Ikuwaatoriyaal Giinii keessatti baay’inaan argama.

Maandiriil sanyii Jaldeessa bifa garagaraa qaama irraa qabu keessaa isa tokko. Rifeensi isaa daalchaa fi Magaala qaba. Fuula irraa garuu rifeensa takkallee hin qabu. Haa ta’u malee, hanfarroo dheeraa qaba. Fuulli isaa halluu gara garaatiin kan faayameedha. Konkonni funyaan isaa nyaara ijaa irraa jalqabee haga qoffee isaatti halluu diimaa qaba. Akkasumas bifa diimaa kanaan cinatti, qaamni addiin tokko kallattii lamaanitti bal’atee argama. Dabalataan fuula isaarraa bifa cuquliisas ni qaba. Akkasuma eegee isaarraa bifa diimaa, purple, pink, adii fi cuquliisaan hallamee jira. Halluun eegee isaarratti argamu kun yoo akkaan ife, hormaataaf gahee jira jechuudha. Afaanii fi funyaan isaatis diimaa yoo ta’u, areeda irraa ammoo rifeensa boora qaba. Garaa jalaa rifeensa adii qaba. Walumaa galatti uumamni kun uumama bifa garagaraa qabu ta’uudhaan sanyiiwwan Jaldeessaa heddurra adda ta’ee argama.

Sanyiin kormaaa ilkaan qarriffaa akkaan dheeraa ta’e qaba. Qarriffaan sanyii kormaaa kun haga seentimeetira 7 dheerata. Qariffaa kana dhaltuunis ni qabdi. Garuu haga kan kormaaa kana hin dheeratu. Ulfaatina qaamaatiinis kormaatu dhaltuu caala. Kormaan Maandiriil inni xiqqaan kilograama 20 wayta ulfaatu, guddaan ammoo haga kilograama 36 ta’a. Dhaltuun garuu kilograama 10-15 taati. Warri kormaaa haga meetira tokkoo dheeratu. Dhaltuun ammoo seentimeetira 66 qofa dheeratti.

Ilkaan Qarriiffaan jaldeessa kanaa kana fakkaata.

 

Maandiriil uumama gamtaa uumee qubsuma ijaaree waliin jiraatuu danda’u yoo ta’u, qubsumni tokko miseensota haga 200 of keessatti hammata. Qubsuma kana kormaa humna jabaa qabutu moohee bulcha. Warri hafe achuma keessatti garee garagaraa uumuun jiraatu. Garee isaanii sanis hoogganuu ni danda’u. Haa ta’u malee, aangoo guddaa kan qabuu fi ajajuu kan danda’u kormaa mootii ta’ee garee san bulchu qofa. Akkasumas gareen kun bakka gurguddaa lamatti qoodama. Inni duraa miseensota muraasa kan qabu yoo ta’u, kormaa mootii ta’ee garee sana bulchuu fi dhaltuuwwan gurguddoo of keessaa qaba. Gareen lammataa ammoo kormaa fi dhaltuuwwan umrii dargaggummaa irra jiran hedduminaan of keessaa qaba. Warra garee lammataa kana keessa jirantu, qubsuma guddaa san keessatti qubsuma xixiqqaa kan biraa uumuun jiraata.

Maandiriil uumama sanyii lachuu sooratu keessatti ramadama. Ilkaan isaa kan qaarriffaa sunis bineensota xixiqqoo akka adamsu isa gargaara. Hedduminaan firii mukaa, jirma biqiltootaa, baala, reeptaaylootaa fi Amfiibiyaanota soorata. Soorata isaa kanas yeroo lafti bariitu olii gad sosocho’ee barbaaddata. Diinni hamaan uumama kanaa ammoo ilma namaati. Naannawa Afrikaa uumamni kun hedduminaan keessa jiraatu keessatti, foon isaa akkaan barbaadama. Sababa kanaaf namoonni heddu Jaldeessa kana adamsanii sooratu. Kanaan ala diinni hedduun kan uumama kana rakkisu hin jiru.

Yeroo wal hormaataa miseensoonni hundi dhaltuu waliin walqunnamtii hormaataa raawwachuu ni danda’u. Haa ta’u malee, dhaltuuwwan haarawa reef hormaataaf qophaayan waliin wal qunnamtii raawwachuu kan danda’u mootii qofa. Mootichi Jaldeessa kichuu reef hormaataaf qophoofte ofii fudhatee, haawwan ammoo kormaa taawwaniif dhiisa. Korommiin hafte ammoo haawwan irratti wal aansoo gootee, abbaan moohate tan ofii fudhatee deema. Haala wal hormaataa irratti uumamni kun sanyiiwwan Jaldeessa kanneen biroo irraa wanta adda ittiin tahu tokko qaba. Innis; akka sanyiiwwan Jaldeessa kaawwanii wagga waggaan osoo hin taane, waggaa lama lamaan ilmoo dhalu. Rimeeyni Maandiriil ji’a 7f tura. Yeroo tokkoonis ilmoo takka qofatu dhalata. Ilmoolee haarawa dhalatan guddisuun dalagaa haadhati. Yeroo tokko tokko dhaltuuwwan birootis guddisa ilmaanii irratti deeggarsa haadhaaf ni godhu. Warri kormaaa garuu abbummaan ala, gargaarsi isaan godhan hin jiru. Ilmoon haarawa dhalatte tunis akkuma dhalatteen garaa haadhaatti maxxantee mucha hodhuu eegalti. Gaafa xiqqoo jabaattee ulfaatinni qaama isii dabalu ammoo, garaa jalaa baatee duydatti ol baati. Haga of dandeettutti haadharraa hin buutu. Hayyama Rabbiitiin Sanyiin Jaldeessa kanaa avreejjiidhaan haga wagga 20 ni jiraata.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x