Ameerikaan waajjira Dhaabbata Bilisummaa Falasxiin kan magaalaa Waashingtan keessa jiru kan hin cufne tahuu beeksifte

Mootummaan Ameerikaa torbee dabre keessa waajjira Dhaabbata Bilisummaa Falasxiin(PLO) kan magaalaa Washingitan keessatti argamu cufuuf akka tahe beeksisee kan ture yoo tahu, bulchiinsi Falasxiin gama isaatiin waajjirri isaanii yoo kan cufamu tahe, hariiroo fi walqunnamtii Mootummaa Ameerikaa waliin qabu hunda kan addaan kutu tahuu akeekkachiise. Kanuma hordofuun Jum’aa kaleessaa waajjirri haajaa alaa Ameerikaa ibsa baaseen yaada waajjiricha cufuu guyyoota 90 kan tursiisu tahuu beeksise.
Bulchiinsi Traamp yaada waajjira PLO cufuu jedhu kan murteessee ture, mana murtii yakka addunyaa (ICC)n, yakkoota Israa’eel raawwatte akka qoratuu fi mootummaa yahuudotaa irratti himanaan akka banamu, Bulchiinsi Falasxiin gaafachuu isaa hordofuun akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa.