header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

“‹”‹Gamtaan Biyyoota Islaamaa haleellaa Muslimoota Indiyaa irratti raawwatamaa jiru balaaleeffate

Haleellaa shoorarkeessitoonni amantaa Hinduu, humnoota nageenya Indiyaa waliin tahuun magaalaa guddoo Indiyaa New Delhiitti guyyoota shaniif, Muslimoota irratti raawwataniin lakkoofsi namoota ajjeeffamanii 37 gahee jira. Isaan madaawan ammoo 200 ol tahuu Ministeerri Fayyaa Indiyaa beysise.

Kanuma hordofuun Gamtaan Biyyoota Islaamaa miseensa biyyoota 57 qabu, haleellaa Muslimoota fi Masjidoota irratti xiyyeeffatuun raawwatamaa jiru balaaleeffate.

Gamtichi barreyfama toora Twitaar isaa irratti yeroo lama baaseen “Ajjeechaa fi haleellaa yeroo dhiyoo as magaalaa Delhiitti Muslimoota, Masjidoota fi qabeenya Muslimootaa irratti raawwatamte ni balaalefanna. Gaddi nutti dhagahame guddaadha. Maatii miidhamtootaafis jajjabina hawwina”jedhe.
Itti dabaluunis, qondaaltoonni mootummaa Indiyaa shoorarkeessitoota haleellaa raawwatan kanniin akka dhaabsisuu fi seeraaf akka dhiheessu gaafatan. Muslimoota Indiyaa fi Masjidootaafis eeggumsi jabaan akka taasifamu murteessan.
Bara 2014 kaasee eega Paartiin finxaaleeyyii Hinduu tan Nareendiraa Moodiin durfamtu taaytaa Indiyaa tohatteen booda dararaan Muslimoota irratti raawwatamu hammaachuun beekkamaadha.

6 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button