Addunyaa tanarra kitaabni meeqa akka jiru beeytuu? Namni waan kana tilmaamuu dandahu jiraa? Deebisaan nama hedduu Wallaahu A’lam jechuu tahuu dandaha. Dhugaadha, addunyaa tanarra kitaabni meeqa akka jiru tilmaamuun hedduu ulfaataadha. Addunyaa tanarra Afaanota heddutu jira. Afaan hunduu kophaa kophatti kitaabota heddu qaba. Kanaaf baay’ina kitaabaa tilmaamuun ulfaataa tahe. Afaan hunda keessaa Afaan Ingiliffaa qofa osoo fudhannee laallee, Akka qorannoon mul’isutti kitaabni hanga ammaa Afaan ingiiliffaatiin barreeffame Miiliyoona 130tti ni dhihaata. Kitaabota Afaan biroo yoo itti daballe lakkofsi kun meeqa tahuu dandaha laata? Deebii gaafii kanaa Rabbumatu beeka jennee biraa haa deebinu.
Kaayyoon barruu tahaa waahee baay’ina kitaabaa haasawuu miti. Kitaabota dachii tanarra jiran hunda keessaa kitaaba addaa tokko waliin tafakkurra. Innis Qur’aana Rabbiiti. Qur’aanni Rabbii Kitaabota dachii tanarra jiran hunda keessaa kitaaba Addaati. Qur’aanni Yeroo hundaa haarawuma. Qur’aanni Mu’jizaa bara hundaati. Furtuu Rakkina ilmaan namaati. Seeraafi heera jireenyaati. Foormulaa jiruu Addunyaati. Qur’aanni Badhaasa Rabbiin ilma namaa badhaase keessaa isa tokko. Wanti hunda caalaa adda isa taasisu ammoo, Kalaama Rahmaanii tahuu isaati.
Qur’aanni Akka kitaabota biroo Maxxansa haarawa (Version) hin qabu. Wanti ilma namaatiin fooyyeffamu, wanti itti dabalamuufi wanti irraa hir’ifamus hin jiru. Rabbiin guddaan Guutee Rasuula jaalatamaa (SAW) irratti buuse. Ammas guutuu santu nu harka jira. Of duras isumatu jiraata. Kunummaanuu kophaa isaatti mu’jizaa Ajaa’ibaati. Ilmi namaa bara kana keessa kitaaba bareedaa tokko osoo qopheessee maxxansee, bara itti aanuf ammoo kitaaba barreesse kana fooyyessuu yaaduu eegala. Yaadaafii komii dubbiftoota kitaabaa irratti hundaawuun, waan qalbiin isaa yaadde itti dabalee waan isa gammachiisuu dide ammoo keessaa baasa. Achi booda maxxansa haarawa ykn new version jedhee kitaabuma kana bifa haarayaan maxxansa jechuudha. Qur’aanni durumaa akka yeroo hunda Version ykn Edition haarawa tahutti buufame. Qur’aanuma beeynu kana yoo irra deddeebinee dubbisnu, waan haaraya amma dura xiyyeeffannaa itti hin kennin hedduu argachuu dandeenya. Mee har’aafis Mu’jizaa Qur’aanaa keessaa qabxiilee muraasa laalla.
Rabbiin Guddaan Kalaama isaa qulqulluu hin faalamne kan hin jijjiiramne kanaan akkana jedhee dubbate.
“Haalli warra kafaree, akka dambalii Dukkana Bahara Qilee keessatti haguugamte, kan isii gubbaan dambaliin biraa jirtu, Kan isii gubbaan dukkanti duumessaa jirtuuti. Harka isaanii achi keessatti yoo diriirsan arguu hin danda’an….” Jedhee itti fufa. Suuratul Nuur Aayaata 40ffaa.
Mee hiikaa aayaata tanaa ba’inaan booda itti deebina. Garuu san dura waan muraasa dubbanna. Yeroo Rasuulli (SAW) ergamanitti, guddinni saayinsiifi teknoolojjii zeeroo irra jira jechuu ni dandeenya. Sanirraan Rasuulli (SAW) barreessuufi dubbisuus hin danda’an. Meeshaan bahara ittiin qoratanis hin jiru. Miidiyaan Odeeffannoo saayinsii namaa kennus hin jiru.
Mee amma gara hiikaa aayaata tanaatti achi haa deebinu. Aayaanni kun dukkana bahara keessaa dubbachuun, yoo namni achi keessatti harka isaa diriirse harkuma isaatuu akka arguu hin dandeenye hima. Dukkanti bahara keessaa qilee meetira 200fii san caala fagaatu keessatti argamti. Baharri haguma fedhes qilee yoo tahe, yoo gubbaa irraa gad laalan dukkanaayaa miti. Yoo keessas seenanii ol laalanis dukkanni mul’atu hin jiru. Dukkana bahara keessaa arguuf meetira 200 caalaa gadi fagaatanii daakuun dirqama taha jechu. Ilmi namaa yeroo ammaa kanattuu meeshaa teknoolojii adda addaa gargaarsifatu malee, meetira 40 caalaa bahara keessa gadi fagaatee deemuu hin danda’u. daaytuun fedhes yoo meeshaa teknolojii malee bishaan baharaa keessa daakuu eegale, meetira 200 osoo gadi hin fagaatin karatti du’a.
Aayaa Qur’aanaa kanarratti akkuma ibsametti, “Dambalii haguugamte, tan isii gubbaan dambaliin biraa jirtu, kan isii gubbaan dukkanti duumessaa jirtu” jedhamee ibsame kanarratti, keessi baharaa dambalii fi dukkanaan akka haguugameefi, dambaliin biraatis gubbaan akka jiru agarsiisa. Dambaliin 2ffaa kanuma nuti ijaan arginu, kan isii ol duumessi jiru kana. Dambaliin biraa hoo kami ka dukkanaan haguugame?
Saayintistoonni dhiheenya kana waan kana mirkaneessuu danda’aniiru. Dambaliin bishaanii kan nuti galaana gubbatti arginu kun, gubbaa galaanaa qofa osoo hin taane keessa galaanaatis akka jiru mirkaneessaniiru. Dabaliin kun akkuma huccuu walirratti tuulamee wal gubbaan bishaan keessa raafama. Haala kanaan wal darbaa kan gubbaan nuti arginu kunis ol darbama jechuudha. Garuu dambalii bishaan keessaa tana ijaan arguun hin danda’amu. Saayintistoonnis Qorannoo tempireecharaafii mala adda addaatiin beekuu danda’an malee, kaameraan isaan ittiin qoratanii waan kana argan hin jiru. Duuba
duuba dubbiin tun akkamitti qur’aana keessaa argamte? Deebisaan laaftuudha. Abbaan Dambalii kana uume waan bahara keessatti deemutti jiru hunda quba qaba. Dambalii dukkana bahara keessaa kan saayintistoonni har’a irra gahan kana; inni jaarraa 14 dura ergamaa isaa beeksise. Galmeen ajaa’ibaa kun kunoo harka keenya jira. Jaarraawwan hedduuf harka marannee irra ciisaa baanee, har’a yoo saayintistoonni wanuma nuti harkaa qabnu deebisanii nutti himan Ajaa’ibsiifachutti jirra. Nuti madda qaroomina hundaa harkaa qabna. Garuu doofummaa daangaa hin qabne jala dibamnee, warra qaanqee qaroominaa argaterraa qabsiifachuuf dhamaasatti jirra. Rabbiin ifa nuuf banee gara qur’aana isaa nu haa deebisu jenna.
Qophii: Abuu Ibtisaam