header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Dwarf Crocodile

Maqaan uumama kana Dwarf Crocodile ykn Naacha Gabaabaa jedhama. Naachi kun Naacha nuti beeknurraa waan adda isa godhu hedduu qaba. Gosti Naacha kanaa lafaa fi bishan keessa jiraata. Uumama ajaa’ibaa haala qilleensa garagaraa keessatti argamuudha.

Dwarf Crocodile sanyiiwwan naachaa dachii kanarra jiran keessaa isa irra xiqqaati. Qoffee gabaabatee bal’atu, akkasumas gogaa gurraacha jabaataa guutuu qaama isaa uffise qabaachuun beekkama. Sanyiiwwan naachaa kanneen hafan garaa jalaa gogaa jabaataa akka gubbaa san hin qaban. Dwarf Crocodile garuu gogaa jabaataa Kanaan kanneen hafan irraa adda ta’e. Sababa kanaafis maqoota biroo kanneen akka “naacha qoffeen isaa bal’aa, kan gogaan isaa lafee fi naacha gurraacha”jedhamuunis ni waamama. Dwarf Crocodile sanyiilee garagaraa lama qaba. Naacha gabaabaa Afriikaa Lixaatii fi Naacha gabaabaa Koongoo jedhamuudhaan beekkamu.

Naachi Gabaabaan, guddaan isaa meetira 1.6 dheerata. Hanga ammaatti naachi sanyii kanaa tokko qofti kan meetira 1.9 gahe argameera. Wal biratti madaaluudhaaf sanyiiwwan Naachaa kanneen biroo avereejiidhaan meetira 4 ni caalu. Gogaan jabaataan Naacha gabaabaa gama gubbaan jiru gurraacha yoo ta’u, jalaan ammoo bifa gara keelloo dabu qaba. Gogaan isaa kun uumama kana diinarraa qofa osoo hin taane aduu haalaan nama gubdurraayis tiksuu danda’a. Eegeen Naacha Gabaabaa akka karaa salphaan bishaan keessa daaku kan isa gargaaru yoo ta’u, gogaan haphiin qubbeen kotteewwan isaa jidduutti argamu ammoo qarqara bishaaniirra akka deemu isa taasisa. Ijaa fi funyaan isaa gama gubbaatiin argama. Kun ammoo bishaan keessa gad seenee waan ala jiru akka argu akkasumas qilleensa alaa akka harganu isa gargaara. Diinas eeggataa, sooratas akka barbaadee argatu haala isaaf mijjeesa.

Naachi gabaabaan Afriikaa gama Lixaa biyyoota jiran hedduu keessatti argama. Angoolaa, Koongoo, Gaambiyaa, Naayjeeriyaa, Senegaalii fi biyyoota haga Seeraa Liyoon jiran keessatti argama. Haa ta’u malee lakkoofsi uumama kanaa haalaan xiqqaachuurratti argama. Naachi kun bishaan suuta yaa’uu fi ciisu keessa jiraata. Uumamni kun jireenya bishaan keessaatiin beekkamus lafa irratti sa’aa dheeraa dabarsa. Inumaa qarqara bishaanii cinatti boolla qotuudhaan yeroo tokko tokko achi keessa ciisee boqonnaa fudhata. Bosonni Afrikaa sababaa garagaraatiif ciramaa jiru naacha kana qubsuma dhabsiisuudhaan lakkoofsa isaa xiqqqeessaa akka jiru beekkameera.

Naachi Gabaabaan uumama yeroo halkanii socho’uudha. Akkasumas uumama kophaa isaa jiraatuudha. Soorata isaatis bishaan keessaa fi lafarraa adamsee soorata. Guyya Guyyaa boolla laga cinaatti qote keessa ciisee dabarsa. Boolli isaa kun hulluuqqoo dheeraa fi karaa ittiin seenanii fi bahan hedduu qaba. Akka carraa ta’ee nannoon jiraatu boolla qotuudhaaf hin mijjaahu taanaan, margaa fi mukkeen laga cinaatti argaman jalatti dhokata. Dhiigni Naacha kanaa qabbanaawaadha. Kanaafuu yeroo hedduu anniisaa argachuudhaaf jecha dhiiga kana hoo’isuun dirqama. Kanaafis naachi kun yeroo dheeraaf aduu keessa ciisuudhaan qaama isaa hoo’isa. Gogaan jabaan sun eega hoo’een booda akka dhiigni naacha sanii danfu taasisa. Kun ammoo anniisaa argatee saffisaa fi dallansuu guddaan bineensa biraa akka adamsu isa gargaara. Haala Kanaan eega nafa of hoo’iseen booda, bishaan keessa seenuudhaan gogaa alaan jiru qabbaneessa. Yeroo bishaan keessa seenu kana qaama isaa hunda dhoksee ijaa fi funyaan isaa qofti gara alaa akka bahu taasisa. Kun diinaa fi soorata adamsatu jalaallee akka dhokatu isa gargaara.

Naachi Gabaabaan wanti inni sooratu guutumaan guututti fooni. Qurxummii, simbirroota, raachaa fi hoosiftoota xixxiqqoo naannawa bishaaniitti argaman adamsee soorata. Waan argate ilkaan isaa jabaa fi qara ta’e saniin cicciree soorata. Bineensi kun waan argate hin alanchu. Akkuma jiruun ilkaaniin cicciree qofa liqimsa. Sababa kanaaf ilkaan isaa yeroo heddu caccabee irraa bu’a. Bakka san Rabbiin kan biraa biqilchaaf. Uumamni kun haala qilleensaarratti hundaa’ee soorata isaa jijijjiiraa beela baha.

Xiqeenyi qaama isaa akka bineensota hedduun adamsamu isa taasise. Naachi guddaan diina jabaa uumama kanaati. Ilmoolee fi hanqaaquun isaa ammoo bineensota hedduun nyaataman. Allaattiiwwan, hoosiftoonnii fi reepitaayiloonni gargaaraa ilmoolee fi hanqaaquu naacha gababaa kanaa sooratu. Ta’us diinni guddaan uumama kanaa ilma namaati. Ilmi namaa qubsuma isaa mancaasuun eddoo itti dhiphisuurratti argama. Faalamni bishaaniitis waantoota uumama kana miidhaa jiran keessa isa ijoodha.

Kormaan Naacha gabaabaa, dhaltuuwwan qubsuma isaa keessatti argaman hedduu waliin wal qunnamtii wal hormaataa raawwata. San booda dhaltuuwwan eddoo hanqaaquu itti hanqaaqan qopheessu. Dhaltuun takkas avreejiidhaan hanqaaquu haga 20 hanqaaqxee biyyee jala dibdi. Dhaltuun Naacha Gabaabaa haga dandeetteen hanqaaquu kana diina irraa eegdee ji’a sadihiif kunuunsiti. Ilmooleen gaafa hanqaaquu keessaa bahuuf ta’an sagalee dhageeysisu. Yeroo kana haati biyyee irraa hartee akka hanqaaquu keessaa bilisa bahan gargaarti. San booda haati ilmoolee isii afaanitti qabattee gara bishaanii geessiti. Torbaan muraasaafis ilmooleen haadhumatti irkatanii jiraatan. San booda jireenya kophaa isaanii jalqabu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button