header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Uumama Hogganaa hin qabne

Tafakkur: Barasingha

Barasinghan sanyii bosonuuti. Sanyiin bosonuu kun maqaa biraa kan swamp deer jedhamuunis ni waamama. Kunis uumamni kun hedduminaan lafa caffaatti dhihaatee waan jiraatuuf maqaa kana argate. Maqaan isaa kan barasingha jedhamu ammoo Afaan Hindiitiin moggaafame. Barasingha jechuun ‘Bosonuu gaafa kudha lamaa’ jechuudha. Gaafni uumama kanaa guddaadha. Akkuma beekamu uumamni hedduun gaafa lama qaba. Uumamni kunis akkasuma gaafa lamaan san ni qaba. Gaafni lameen kunniinis akka damee mukaa gaafa heddu ofirraa qabu. ummanni Indiyaa gaafa bineensa kanaa laalanii bosonuu gaafa kudha lamaa ykn ammoo akka Afaan isaaniiti Barasingha jedhanii moggaasan.

 

Qaama Barasingha

Barasinghan sanyiilee bosonuu keessaa warra gurguddaa jedhaman keessaa isa tokko. Dheerinni bineensa kanaa qeensaa haga ceekuu meetira tokko ni caala. qoffee irraa kaasee haga eegee ammoo meetira 1.6 hanga 1.8 ta’a. Ulfaatinni isaatis sanyii fi saalarratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan kilograama 130 kan ulfaatu yoo ta’u, guddaan ammoo haga kilograama 280 ulfaata. Barasinghaan  uumama saffisa qabu keessaa tokko yoo ta’u, saa’aa tokko keessatti haga kilomeetira 50 fiiguu danda’a. Bifti uumama kanaa walumaa galatti magaala yoo ta’u, sanyiin gariin magaala ifaa ykn light brown ta’e qabu. Garaa jalaan ammoo bifa adii ykn  keelloo gara adii dhihaatu qabu. Kormaa fi warri dulloome bifti gogaa isaanii magaala gara gurraachaa dhihaatu  yoo tahu, Kan dhalaa fi dargaggeeyyii ammoo magaala keessa addaatu fakkaata. Ilmooleen gaafa dhalatan barrina akka cheeetah qaban. Adaduma guddataa demaniin barrinni sun irraa bada. Dhaltuun barasingha gaafa hin qabdu.

 

Qubsuma Barasingha

Arraan tana barasinghaan biyyoota lama keessatti qofa argama. Indiyaa gama kaabaa fi jiddu galeessaa, akkasumas Neeppaal gama kibba dhihaa keessa jiraata. Uumamni kun sanyii garagaraa sadih qaba. Tokko Wetland Barasingha jedhama. Inni kun biyyoota lachuu keessatti argama. Kanneen hafan lamaan  hard ground Barasingha fi Easter barasingha kanneen jedhaman ammoo Indiyaa keessatti qofa argamu. Akkuma durarratti isinii himne uumamni kun lafa jiidhaatti dhihaatee waan jiraatuuf Swamp deer jedhamees ni waamama. Warri lafa goggogaa irra jiraatus bishaanitti hiiqee jiraata. Dabalataanis lafa marga dhedheeraa qabu filatu. Kana jechuun dachii goggogaa keessatti hin argaman jechuu miti. Yeroo tokko tokko lafa mukkeeniin guuttame keessas ni jiraatu. Ta’ullee hedduminaan lafa jiidhaa irraa hin fagaatan.

 

Amala Barasingha

Barasinghan uumama gamtaan jiraatuudha. Hedduminaan Hoomaan tokko miseensota saala tokkoo qofa of keessatti qabata. Avreejiidhaan hoomaan tokko miseensota 10 hanga 20 of keessatti hammata. Haa ta’u malee yeroon saalli lachuu wal keessa makamus ni jira. Yeroo kanatti dhaltuun takka qajeelchituu hoomaa sanii taati. Dalagaan isii hoomaa san hoogganuu miti. Gara bakka soorataa fi eddoo garagaraa wayta deeman dhalaa takkatu dura deemuun miseensota hafan qajeelcha. Isitti aanee ilmoolee isiitu deema. Akkaataan hiriira isaanii sanyii irratti hundaa’a. Warri maatii tokkoo walitti aanee hiriira. Akkasitti dhaltuun hundi horteewwan isaanii of duubaan hiriirsaa deemu. Kormaan ammoo yeroo hunda duubaan deema. Kormaaleen garee kanaaf amanamoo miti. Yeroo barbaadanitti garee san dhiisanii gara garee biraa deemu. Garee tokko keessa yeroo dheeraaf hin turan. Osoma garee tokko keessaa bahaa kaan seenan, garee dhiisanii keessaa bahanittis deebi’uu danda’u.

Barasinghan uumama yeroo hundaa socho’uu danda’uudha. Halkanii fi guyyallee olii gad deemee rizqii argate barbaaddata. Hedduminaan yeroo lafti qilleensa tasgabbaayaa qabdu, gara ganamaa fi gara galgalaa oliifi gad deddeemee soorata barbaadata. Yeroo aduun haalaan hammaattutti ammoo gaaddisa jalatti boqonnaa fudhata. Barasinghan akkuma sanyiilee bosonuu kaawwanii uumama biqiltoota sooratu keessatti ramadama. Sooratni isaatis margaa fi baala biqiltootaati. Barasinghaan bishaan guyyatti yeroo lama dhuga. Ganama yeroo lafti bariituufi galgala wayta marga dheeduuf lafaa ka’u bishaan dhuga. Barasinghaan naannawa caffaa keessa jiraatu ammoo biqiltoota bishaan keessaatis ni soorata.

 

Wal Hormaata

Uumamni hoogganaa hin qabne hundi gaafa dhimmi lubbuu gahu wal fixuu jalqaba. Barasinghaanis akkasuma. Kormaan silaa garee takka keessa tasgabbaayee waan hin jiraanneef aangoo hin qabu. Dhaltuunis karaa qajeelchuun ala humna garee ittiin hooggantu hin qabdu. Kanaafuu gaafa wal hormaataa, kormaawwan wal aansoo jajjabaa godhuuf dirqamu. Abbaa moohatetu mirga wal hormaata raawwachuu argata. Ammoo kormaan barasingha tokko dhaltuu takkaa ol dhuunfatee qabatuu danda’a. Kana gochuuf ammoo kormaawwan isaan morkan hunda moohatee ofirraa deebisuu qaba. Wayta yeroon wal hormaataa gahu kana hoomaan barasinghaa adda bittannaaya. Warri Kormaa dhoqqee fi dikee garagaraa keessa gangalatuun foolii qaama isaanii jijjiiru. Kana booda yeroo dheeraaf irra deddeebi’anii baroodu. Yeroo kana kormaawwan jiddutti lolli jalqaba. Gaafaan waan walitti bu’aniif gaafni kormaa hedduu ni caccaba. Wal’aansoo kana hunda booda abbaan moohe, mirga qunnamtii wal hormaata raawwachuu goonfata.

Rimayni barasinghaa ji’a saddeetiif tura. Akka tasaa yoo taate malee yeroo hunda ilmoo takka qofatu dhalata. Ilmooleen haarawa dhalatanis, haga ji’a saddeetii qofa mucha haadhaa hodhu. Ji’a saddeet booda hunduu mucha gu’anii haadhaa waliin biqiltoota soorataa jiraatu. Dhaltuuwwan haarawa dhalatan hormaata raawwachuuf waggaa lama caaluu qabu. Fedha Rabbiitiin Barasinghan waggaa 20 hanga 23 jiraatuu danda’a.

 

Barasinghan uumama lakkoofsi isaa xiqqaachaa jiru keessaa isa tokko. Xiqqaachuu lakkoofsaatiif ammoo sababaalee garagaraatu jira. Inni duraa manca’iinsa qubsumaati. Ciramuun bosonaa, akkasumas lafti bishaanii xiqqaachaa dhufuun isaa soorata uumamni kun argachuu qabu irratti dhiibbaa godhanii jiran. Dabalataanis ilmi namaa gaafa isaatiif jecha isa adamsutti jira. Dhukkubni beeyladoota manaa irraa isaan qabaa jirus lakkoofsi isaanii akka xiqqaatu godhee jira. Walumaa galattii Yeroo ammaa barasinghan dachii tanarra jiru kuma shan hin caalu. Sababa kanaafis uumama rakkoof saaxilame Ykn vulnerable keessatti galmaayee jira.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button