header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
FayyaaOg-Barruu

Lilmeen nama dhukkubsitu seenaa tahuuf deemti

Dawaaleen hammayyaa dhukkuba namarraa akka ittisaniif bifa talaalliitiin kennamanis tahee, kanneen dhukkuba namarra jiru fayyisuu dandahan jedhamanii yaadamanis harki caalu karaa lamaan kennaman. Karaan tokko lilmeedhaan qaama namaa irree, tafa yookaan iddoo biroo waraanuudhaan yoo tahu, kan lammataa ammoo dawaa bifa dhangala’aatiin yookaan ammoo bifa kiniinaatiin qophaahe dhuguu yookaan liqimsuudha. Haakimoonnii fi hayyoonni ogummaa fayyaa adeemsa kanaan dur irraa jalqabee hanga har’aatti, ilma namaa dhibeewwan gara garaa irraa waldhaananii jiru, akkasumas dhukkuboota bifa weeraratiin addunyaa cinqan hedduu karaa kanaan yaalanii irra aananii jiru. Yeroo dhihoo asitti ammoo beekumsaa fi teeknoolojii hammayyaa guddataa dhufetti gargaaramuun malli kanarra wayyaawaa tahe argamuu saayintistoonni ibsaa jiran.

Gareen Saayintistoota UK, qorattoota Queen’s University Belfast jedhamuun durfamu waggaa tokko dura, projektii mata duree “lilmoo nama dhukkubsituu fi dawaalee akka malee hadhaawan liqimsuu seenaa dabre goona” jedhu jalqabuu beeksisanii turan. Yaalii fi qorannoowwan walfakkaataan biyyoota akka USA, Awustraaliyaa fi Awrooppaa keessattis godhamaa turee jira. Dhiheenya kana ammoo qorannoon  kun bu’aa guddaa akka argamsiiseefi, adeemsa waldhaansa fayyaa irratti warraaqsa guddaa fiduu dandaha jedhamaa  jira.

Malli haaroyni dawaan namaaf ittiin kennamuuf jiru kun “Microarray Patch” jedhama. Microarray Patch haala salphaa taheen ibsuudhaaf, meesha xiqqoo hanga saantimaa gahu keessatti dawaan barbaachisaa tahe kan guutamu yoo tahu, meeshaan tun gara tokkoon qaawwa xixiqqoo ijaan hin mullanee hedduu qaba. Sana booda meeshaan kun sakandii xiqqoof qaama namaatti maxxanfama. Dhukkubbii takkaan malee, dawaan gogaa namaa keessa seenuun hojii isaa jalqaba jechuudha.

Saayintistoonni akka jedhanitti, dhukkubbii yeroo lilmee waraanaman namatti dhagayamuu hambisuun bu’aa irra xiqqaa mala kanaati malee kaayyoo  ijoo miti.  Kaayyoon guddaan dawaan kennamu haala yaadameen dhibee nama irraa akka ittisu, yookaan akka nama fayyisuu dandahuuf, Target cell ykn qaama barbaadame bira saffisaa fi humna guutuun akka gahu godhuudha. Dabalataanis dhukkubsattoonni dawaa  fudhachuudhaaf dirqama lilmee waraanachuuf gara mana yaalaatti osoo hin deddeebi’in, haala salphaa taheen manuma isaanii taa’anii akka if yaalan gargaara. Kun ammoo hanqina siree mana yaalaa fi hanqina ogeeyyota yaalaa furuu keessatti shoora guddaa taphata jedhamee eeggama.

Dhaabbilee filataman keessatti talaalliin Covid-19 mala kanaan kenname bu’aa ol’aanaa argamsiisuu isaatiin qorannoon kun faarfamaa jira. Kanuma hordofuun yeroo woggaa sadihii keessatti malli kun guututti hojii irra ni oola jedhamee eeggama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button