header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Bineensa Hin Dulloomne

Tana Quba Qabduu?

Bineensi kun Naked mole rat jedhama. Naked mole rat jechuun, Afaan Oromootiin Hantuuta moluu qaama qullaa jiru jechuudha. Qaamni isaa guutuun rifeensa tuuchaa akka qaama hantuutaa hin qabu. Garuu rifeensa xixiqqaa ijaan hin mul’anne muraasa ni qaba. Rifeensi xixiqqaan kunis faaydaa ajaa’ibaa qaba. Bineensi kun dukkana jimii keessa jiraata. Agartuun isaa akkaan laaftuudha. Garuu uumamni kun agartuu ijaa irraa haajaa takkallee hin qabu. Bakka ifni tokkollee hin jirre keessatti ijji faaydaa hin qabdu. Bakka ifaan tokko hin jirre dukkana jimii keessa akka fedhetti fiiguu danda’a. kanaaf ammoo rifeensi xixiqqaan qaama isaa irratti argamu gahee ol aanaa qaba. Rifeensi kun waan naannawa isaatti argamu hunda adda baasee dhaamsa gara sammuu dabarsa. Haala Kanaan dukkana jimii keessa akka waan ijaan arguutti deema.

 

Bineensi kun osoma fuulduratti deemu of duuba deebi’uu yoo barbaade dhaabbatee hin naannayu. Akkuma makiinaan Reverse godhee of duuba deemutti, fuula ofii osoo hin naannessiin of duuba deema. of duuba deemuu Kanaan xiqqoollee hin cinqamu. Wanti isa dhibus hin jiru. Gabaabinaan bineensa kanaaf if duuba deemuufi fuulduratti deemuun tokkuma.

 

Ajaa’ibni uumama kanaa kan birootis heddu. Sanyiiwwan hantuutaa hedduun sakandii 20f yoo oksijiinii dhaban ni du’u. Uumamni hedduunis oksjiinii malee daqiiqaa hedduuf turuun itti ulfaata. Qorattoonni uumama kana haalaan qorachuuf, fuudhanii Vacuum keessa kaayan. Vacuum jechuun bakka qilleensi tokkollee hin jirre jechuudha. Ilmi namaa osoo vacuum keessa kaayanii daqiiqaa 4 keessatti du’uu danda’a. Bineensi ajaa’ibaa kun garuu bakka qilleensi tokkollee hin jirre keessa daqiiqaa 18 guutuuf lubbuun turuu danda’a.

 

Uumamni kun haga fedhe osoo umriin turellee wanti dullummaa jedhamu qaama isaarraa hin mul’atu. Osoo qaamni isaa dargaggummaa irraa hin jijjiiramin dulloomee du’a. Dabalataan dhibeen uumama kanarratti humna hin qabu. Tasa yoo dhibames hoggasuma fayya.  Kaansariin haga fedhe osoo lilmoon itti naqameellee uumamni kun dhibee kaansarii jedhamu tokkoonillee hin qabamu. Sababuma kanaaf qorattoonni bineensa Kanaan Cancer free (Bineensa kaansariin hin qabamne) jedhaniin.

 

Qorattoonni guyyaa guyyaan uumama kana qorachutti jiru. Iccitiin bineensa kana uumama addaa godhe isaaniif galuu dide. Wanti dhukkuba hunda isa dandamachiisee dullummaa malee isa jiraachise kun maali jedhanii wajji dhama’utti jiran.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button