Uumamni kun sanyiiwwan squirrel keessaa isa irra xiqqaadha. Maqaan isaa chipmunk jedhama. Chipmunk sanyiiwwan 25 kan qabu yoo ta’u, 24 kan ta’an Ameerikaa keessatti argamu. Tokkichi hafe ammoo Ardii Eeshiyaa keessatti argama. Chipmunk uumama hantuuta fakkaatu yoo ta’u, qonnaan bultoonni uumama kana akka diina hamaatti ilaalu. Sababni isaa ooyruu namaa qotuun midhaan akka manca’u taasisuu isaati.
Dheerinnaa fi guddinni qaama isaatis sanyiirratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Inni irra xiqqaan seentimeetira 18 kan dheeratu yoo ta’u, ulfaatinni isaa ammoo giraama 51 hin caalu. Inni guddaan ammoo dheerinni isaa seentimeetra 27 ni ta’a. Ulfaatinni isaa ammoo haga giraama 124 ta’a.
Eegeen Chipmunk seentmeetira 8 hanga seentimeeria 13 dheeratuu danda’a. Gogaan isaa rifeensa diimaa ykn ammoo daalacha gara magaalaa dabuun uwwifamaadha. Mataa ykn qoffee isaarraa kaasee haga eegee isaatti ammoo sarara gurraacha qaba. Sararri kun haga shanii kan gahu yoo ta’u, jiddu jidduurraa sarara adii ykn magaalatu jira.
Sanyiilee Chipmunk keessaa isa Siberian chipmunk jedhamu malee, kanneen hafan hundi Ameerikaa keessatti argamu. Inni Siberian chipmunk jedhamu ammoo ardii Eeeshiyaa fi ardii Awrooppaa bakka muraasatti argama. Uumamni kun bosona tuucha’aa keessa jiraata. Jireenya isaatiif boolli eddoo guddaa qaba. Kanaafuu lafa qotuun ykn ammoo mukkeen gurguddaa uree holqa hojjachuun keessa jiraata. Boolla isaa kana akka hulluuqqootti kan qotu yoo ta’u, hullooqqoon (tunnel) kun haga meetira 10 dheeratuu danda’a. Hulluuqqoon kun dagaletti meetira tokko bal’ata. Akkasumas kutaalee garagaraa of keessaa kan qabu yoo ta’u, kutaa soorata itti kuufatu, kutaa ilmooleen keessatti kunuunfamanii fi kutaa warri gurguddaan keessatti boqatu qaba.
Chipmunk uumama kopha kophaa jiraatuudha. Wayta wal hormaataa yoo taate malee walitti hin dhufan. Uumama diina heddu qabu waan ta’eefis guyyaa guutuu boolla isaa keessatti dhokatuun dabarsa. Soorata barbaacha ganama yeroo aduun baatuu fi galgala wayta aduun dhiitu qofa baha. Chipmunk uumama soorata gosa lachuu sooratu ta’us, sooranni isaa hedduminaan firiiwwan mukaati. Ilbiisota xixiqqoo, raachaa fi hanqaaquus ni soorata. Haa ta’u malee firiiwwan mukaa isa biratti soorata akkaan barbaadamaoodha.
Chipmunk soorata argatu boolla isaa keessatti kuufata. Guyyaa tokkoonis firiiwwan garagaraa 160 ol guuree boolla isaatti naqatuu danda’a. Kanaaf ammoo Rabbi qaama dabalataa tokko isa badhaaseera. Sunis korojoodha. Uumamaaleen akka Kangaroo Korojoo isaanii ilmoolee keessatti kunuunfatu. Chipmunk garuu soorata keessatti kuusuun gara boollaa geeffata. Korojoon chipmunk kun wayta sooranni keessatti naqamu haalaan adda dhifama. Wayta adda harkifamus, mataa chipmunk dacha sadihiin caaluu danda’a. Soorata kana dhimma lamaaf kuufata. Inni tokko guyya guyyaa wayta boolla keessa ciisaa oolu sooratuuf yoo ta’u, inni tokko ammoo yeroo qabbanti haalaan hammaatuuf tajaajila. Yeroo qabbanaa gad bahee cabbii keessa deemuu hin danda’u. Yeroo sanittis mukkeen hedduun firii waan hin harcaafanneef soorata argachuun rakkisaadha. Kanaafuu Chipmunk yeroon qabbanaa dhufuu isaatiin dura soorata kuufata.
Amala uumamni kun qabu keessaa inni tokko Hibernate godhuudha. Haa ta’u malee akkaataan hibernate itti godhu kan uumama biraa irraa garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf uumamaaleen akka Biir Foon waan soorataniif qaamni isaanii cooma heddu kuufatuu danda’a. Yeroo hibernate godhan sanittis qaamani isaanii cooma san baqsuun yeroo qabbanaa san dabarsa. Chipmunk garuu uumama firiiwwan garagaraa sooratu waan ta’eef soorata bifa coomaatiin kuufatu hin qabu. Kana booda semi hibernation mala jedhamu fayyadama. Akka uumama biraa guutumaan guututti qaamni isaa dalagaa hin dhaabu. Haa ta’u malee haala duraan jiru irraa garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf onneen isaa kan duraan daqiiqaa tokko keessatti yeroo 350 dhahattu, yeroo hibernation kanatti daqiiqaa tokko keessatti yeroo afur qofa dhahatti. Oowwi qaamaa Avreejiidhaan digrii Faaranaayita 94 ykn digrii seelshiyeesii 34.4 ture, gara faaransaayitii 40 ykn ammoo Seelshiyasii 4.44tti gad bu’a. Kana booda adaduma qaamni isaa soorata fixatuun hibernation san keessaa dammaqaa soorata eega quufee soorateen booda hibernationatti deebi’a. haga qabbanti dabree oowwi dhufutti akkasumatti dabarsa.
Yeroo wal hormaataatti dhaltuun sagalee addaa dhageessisuun kormaa ofitti waamti. Rimaya ji’a tokkoof eega qabatteen booda ilmoo lama haga jahaa dhalti. Ilmooleen kunniin rifeensa kan hin qabneefi ijaanis kan hin argine ta’anii dhalatan. Haa ta’u malee yeroo muraasa keessatti rifeensa biqilchuun socho’u. Ji’a lamaa ol haadha bira hin turan. Osoo jiini qabbanaa hin dhufne, haadharraa fagaatanii boolla qotachuu qabu. Boolla qotan san keesattis soorata kuufatuu qabu. Yoo akkas hin goonee, yeroo qabbanaa san keessa dabruu hin danda’an. waggaa tokko booda isaanillee ilmoo godhachuu kan danda’an yoo ta’u, fedha Rabbiitiin haga waggaa sadihii qofa jiraatu.