header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga liitira 7200 ta’u geejjibdi

Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa. Qaama ilma namaa keessaa kan daqiiqaa tokkoofis dalagaa hin dhaabne onnee ta’uu ilaaluun keenya ni yaadatama. Barruu tana keessattis, waa’ee sirna onnee fi hidda dhiigaa waliin ilaalla. Barruu Sirna hargansuu keessatti, sonbi ilma namaa kan gama bitaa jiru isa gama mirgaa jiru irra xiqqaa tahuu isiniif himnee ture. Sababni isaa ammoo Onneen teenya gama bitaatti waan argamtuuf, isiidhaaf bakka bal’isuuf Rabbiin keenya haala hunda mijjeessee uume. Barruu tana keessattis waa’ee onnee qofa osoo hin taane, waa’ee Dhiigaatis waan ilaalluuf haga xumuraatti obsaan dubbisaa.

Yeroo heddu Afaan Ingiliffaatiin sirna kana cardiovascular system jedhanii waaman. Jechi Cardiovascular jedhu jechoota lamarraa ijaarame. Cardiac fi Vascular yoo ta’u, cardiac jechuun Onneedha. Vascular jechuun ammoo hidda dhiigaati. Kanaafuu Cardiovascular jechuun, hidhata onnee fi hiddi dhiigaa qaban jechuudha. Sirni CardioVascular kun qaamman gurguddoo sadi of keessaa qaba. Isaanis, Onnee, Hidda dhiigaafi Dhiiga. Onneen qaama xiqqoo qoma keenya gara bitaatti cinaacha jalaan argamtu yoo taatu, qaamni isii foon osoo hin taane irreerraa ijaarame. Hiddi dhiigaa ammoo ujummoo dhiigni keessa yaa’u yoo tahu, inni ammoo qaamman xixiqqaa biraa sadih of keessaa qaba. Isaanis, Artarii, Kan dhiiga gara qaamoota keenya kanneen biraa geessu. Kaappilarii eddoo albuudonni qaama keenya keessa jiran dhiiga keessatti walitti makaman. Akkasumas Veen, ujummoo dhiiga gara onnee deebisuudha. Qaamni sadaffaan sirna kana keessatti argamu ammoo Dhiiga. Dhiigni seeliiwwan garagaraa sadih of keessaa qaba. Isaanis Seelii dhiiga adii, Seelii dhiiga diimaa fi Platelets jedhamu.

Onneen ganaa harka keenyaa hin caaltu. Qaama xiqqoo tanatu dalagaa guddaa jireenya keenyaaf barbaachisu dalagaa oolee bula. Ilmi namaa jiraachuudhaaf dhiiga isa barbaachisa. Dhiiga kana ammoo qaamman keenya hundatu itti haajama. Miila keenyarraa kaasee haga mataa keenyaa qaamni jiru hundi lubbuun turuudhaaf dhiiga onnee irraa argatuu qaba. Haala kanaan onneen teenya dhiiga qaama hundaaf barbaachisu guyyuu gumaachaa oolti.

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga liitira 7200 ta’u geejjibdi. Dalagaan onneedhaa dhiiga gara qaama biraa dhiibuudha. Onneen teenya irree irraa waan ijaaramteef, dhiiga qaamaaf barbaachisu hunda  humnaan gara qaama keenyaa dhiibdi. Dhiiga dhiibdee bakkaan gahuudhaaf ammoo qaama biraa kan sirna Cardiovascular keessa jirutti haajamti. Innis hidda dhiigaati. Akkuma jalqaba irratti ilaalletti hiddi dhiigaa bakka sadihitti qoodama. Inni duraa Artariidha. Artariin qaama hidda dhiigaa keessaa jabaataa fi harkifamaadha. Nutti beeksisuu dhabus, onneen teenya dhiiga humnaan gara qaama biraa dhiibdi. Kanaafuu hiddi dhiigaa dhiiga onnee irraa fuudhu jabaataa ta’uu qaba. Sababa kanaaf Rabbiin keenyallee hidda dhiigaa jabaa nuuf kenne. Qaamni biraa ammoo isa dhiiga gara onnee deebisu yoo ta’u, maqaan isaatis Veens jedhama. Veeniin akka Artarii jabaa miti. Qaamota keenya biroo  irraa dhiiga gara onnee suuta waan deebisuuf, haala san irratti uumame. Qaamni sadaffaan Kaappilariidha. Dhiigni kophaa isaa faaydaa nuuf hin qabu. Albuudonni garagaraa dhiiga keenyatti makamaa gara qaama keenyaa deemuu qabu. Dalagaan kaappilariitis kanuma. Dhiiga onnee irraa bahetti albuuda makuun dalagaa isaati. Haala kanaan fayyaa guutuu qabaannee, rakkoo takkaan maletti dhaabbannee deemuu dandeenye.

Onneenis yoo dhiigni jiraate qofa dhiiga gara qaama biraa dhiibdi, hiddi dhiigaatis akkasuma yoo dhiigni jiraate dhiiga deddeebisa. Kanaafuu sirna cardiovascular keessaa inni sadaffaa fi barbaachisaan Dhiiga. Dhiigni albuudota gurguddaa lama of keessaa qaba. Isaanis Seelii dhiigaafi Plaazmaadha. Plaazmaan dhangala’aa dhiiga keessatti argamu yoo tahu, walakkaan dhiiga keenyaatis Plaazmaadha. Parsantiin 90 Plaazmaa ammoo Bishaani. Seeliin dhiigaatis seeliiwwan xixiqqoo kan biraa sadih qaba. Inni duraa seelii dhiiga adiiti. Seeliin dhiiga adii hammi isaa akkaan xiqqaadha. Haa ta’u malee qaama keenyaaf faaydaa guddaa kenna. Innis dhukkuba qaama keenyarraa tiksuudha. Inni lammataa ammoo seelii dhiiga diimaati. Qaama dhiigaa keessaallee inni guddaan isa kana. Dalagaan isaatis soorataa fi wantoota barbaachisoo ta’an gara qaamman keenyaa geessuudha. Inni xumuraa Platelets jedhama. Inni kun ammoo dhiiga keessaa wantootni barbaachisaa hin taane akka ititan godha. Kana booda qaama keenya keessaa akka bahan haala mijeessa. In shaa Allaah waa’ee dhiigaa fi faaydaa isaa yeroo biraa bal’inaan itti deebina.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button