Og-BarruuTana Quba Qabduu

Sakandii Takka Takkaan Daa’imman Afurtu Dhalata

Tana Quba Qabduu?

Addunyaan teenya ummata biiliyana 7.5 ol qabdi. Lakkoofsi kun haalaan guddaa fakkaata. Waan dachiin dhiphattee namni bakka qubatu hin arganne namatti fakkaata. Haa tahu malee ummata kana cufa walitti qabnee osoo dirree tokko keessa dhaabnee, magaalaan biyya Ameerikaa tan Los Anjalas jedhamtu ummata kana cufa of keessatti hammatuu ni dandeessi. Walumaa galatti ummanni hundi ceekuu isaa walitti maxxansee yoo dhaabbate, Magaalaan Iskuweer Maayila 500 qabdu tan Los Anjalas jedhamtu tun nama hundaaf ni geessi.  Iskuweer Maayila 500 jechuun, bal’ina lafa Itiyoophiyaafi Eertiraa yoo walitti ida’an jechuudha.

 

Biyyoota 200 ol addunyaa tana keessa jiran keessaa Ameerikaa fi Miyaanmaar qofatu seera safartuu metric jedhamu hin fayyadamne. Biyyoonni biroo hundi dheerina yoo shallagan, seentimeetira, Meetiraa fii kiiloo meetira jedhanii ibsu. Garuu ameerikaafi Miyaanmaar Meetira osoo hin taane Maayila fayyadamu.  Haga bara 2018titti biyyiti Afriikaa Laaybeeriyaanis safartuu metric jedhamu kana fayyadamaa hin turre. Haa tahu malee bara 2018irraa eegaltee sirna kana fudhattee itti fayyadamutti jirti.

 

Addunyaa tanarratti Sakandii takka keessatti daa’ima Afurtu dhalata.

Adada sakandiin takka dabartuun daa’imman afur gara addunyaa tanaatti simatamaa jiran. Kana jechuun daqiiqaa tokko keessatti daa’imman 250tu dhalata. Sa’aa tokko keessatti ammoo da’immaan 15,000 gara dachii tana ni makamu. Daa’imman 360,000 tahan ammoo guyyaa tokkotti addunyaa haarawaan wal baru. Walumaa galatti wagga waggaan daa’imman miiliyana 134.1 tu dhalata jechuudha.

 

Yeroo saayinsiif teknoolojiin haalaan dagaagee guddate kana keessatti ummanni addunyaa tanaa kan dhibbeentaa 90 tahu baadiyaa keessa kan jiraatu tahuu quba qabduu? Addunyaan guddataa jirti. Magaalonnis babal’ataa jiru. Haa tahu malee ammas namoonni dhibbeentaa 90 tahan baadiyaa keessa jiraatu. Keessattu ummanni Afriikaa fi Eeshiyaa hedduminaan baadiyyuma keessa jiraata. Biyya teenya keessa magaalota heddu qabna. Haa tahu malee ummanni magaalota hedduu sanniin keessa jiraatu Avreejiidhaan parsantii 10 hin caalu. Namoota baadiyyaa jiraatan qabaachuudhaan indiyaan tokkoffaarratti argamti. Ummanni isii kan miiliyana 800 fi miiliyana 93 tahu baadiyaa keessa jiraata. Chaaynaanis ummanni isii irra heddun baadiyaa jiraata. Chaayinaa keessatti Namni miiliyana 578 tahu ammas baadiyaa keessa qubata.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Related Articles

Back to top button