header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Allaattii akka jaarsaafi jaartiitti waliin jiraatu

Uumamni kun Oospireey jedhama. Oospireey Sanyii Allaattii yoo tahu, maqaa biraa kan ‘culullee Qurxummii’ jedhamuunis ni waamama. Maqaan kunis, heddumminaan qurxummiilee waan sooratuuf itti moggaafame. Sanyiin uumama kanaa afurtu jira. Ardii Antaarkatikaa malee ardiilee biroo hunda keessatti ni argama. Sooratni isaa bishaan keessaa waan argamuuf, yeroo hunda laggeen qurxummii qabanitti dhihaatee qubata. Uumamni kun bara 1950moota keessa sababa ilmi namaa DDT farra ilbiisotaa hedduminaan fayyadamuuf jecha laakkofsi isaa xiqqaatee ture. Ilmi namaa bara sanitti naannoo isaa qulqulleessuuf jecha farra ilbiisotaa kana afuufaa ture. DDTin afuufamu kun ammoo hanqaaquuwwan allaattii kanaa kan naannoo sanitti argaman akka gara ilmooleetti hin jijjiiramne godhe. Yeroo sanittis lakkoofsi allaattii kanaa haalaan xiqqaatee sadarkaa yaaddeessaa irra gahee ture. Garuu eega DDT naannoo sanitti afuufuun seeraan dhoorkamerraa kaasee, lakkoofsi allaattii kanaa dabalee jira. Inumaa amma haalaan heddummaate.

 

Dheerinni allaattii kanaa seentimeetira 50 hanga 60 ta’a. Ulfaatinni isaatis haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan kilograama 1.5 kan ulfaatu yoo ta’u, inni guddaan ammoo haga Kilograama 2 ulfaata. Qaamni Oospireey baalliin uwwifamaadha. Gama gubbaatii bifa magaala qaba. Garaa jalaan baallii bifa adii gara daalachaa dhihaatu qaba. Mataan isaatis bifa adii kan qabu yoo ta’u, akka lugaama fardaa sarara gurraacha qoffee isaa irraa kaasee gara duyda isaa deemu qaba. Bocni allaattii kanaa, halluu baallii isaa malee culullema naannoo keenyatti beeynuun wal fakkaata. Oospireey koola qal’aa akkaan dheeraa ta’e qaba. Koolli isaa kunis dheerinna qaama isaa dacha sadihiin caala. Walumaa galatti koolli isaa meetira tokkoofi seentimeetira 80 dheerata. Kunis hojjaa nama jiddu galeessaa ni caala jechuudha.

Oospireey guyya guyyaa sosocho’uudhaan soorata barbaaddata. Sooranni isaa dhibbentaan 99 Qurxummiidha. Yeroo tokko tokko tuqaa, hilleensaa, reepitaayilootaa fi sanyiiwwan allaattii tokko tokkos ni soorata. Miilli allaattii kanaa qubbeen 4 ofirraa qaba. Akkaataan cifaan isaa itti tarraayes Qubee ‘X’ fakkaata. Akkuma qubeen X gubbaafi jalaan sarara lama qabdu, qubbeen allaattii kanaatis duraafi duubaan cifaa 2 lama qabu. Wayta qurxummii adamsu cifaa isaa kanaan tolchee qaba. Garuu yeroo heddu qurxummiin inni qabatu mucucaatee harkaa bu’a. Sababaa kanaaf yeroo heddu wal’aansoo jabduu godhee qurxummii adamsa. Gama birootiin qurxummiin inni adamsu kan ulfaatina qaamaatiin isaa gadii tahuu qaba. Yoo qurxummii isa caalaa ulfaatu qabate, qilleensa gubbatti madaala isaa eeguu dadhabee kufuu danda’a.

 

Sanyiin allaattii Raakuun jedhamu diina hamaa allaattii kanaati. Raakuun qajeela uggee Oospireey hin adamsu. Hanqaaquu allaattii kanaa hatee sooratuudhaan ilmooleen haarofni akka hin dhalanne gufuu ta’a. Bishaan keessaa ammoo naachi diina isaati. Naachi wayta allaattii kana adamsu bishaan gubbatti ol dhihaatee eega. Yeroo allaattiin kun qurxummii adamsuuf bishaaniitti gad dhihaatu utaalee qabata. Kanaan ala Oospireey allaattii sodaa malee naannoo isaa keessa jiraatuu danda’uudha. Haa ta’u malee haala qilleensaarratti hundaa’ee bakka tokko gara bakka biraa godaanuun dirqama isaati. Qilleensa akkaan diilallaawu keessa jiraatuu hin danda’u. Wayta qabbanti akkaan hammaatutti gara naannoo oo’aa imala. Guyyaa tokkottis Kilomeetira 300 qilleensarra barrisuu ni danda’a.

Cifaa Oospireey

 

Oospireey kopha kopha jiraata. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa walitti dhufuun isaanii hin oolamu. Garuu akkaataan jireenya isaanii akkuma ilma namaati. Allaattiin kormaan tokkoofi dhaltuun takka yeroo tokko yoo wal qunnamtii wal hormaataa raawwatan, haga isaan keessaa tokko du’utti jarri lachuu allaattii biroo wajji wal qunnamtii wal hormaataa hin raawwatan. Innis isii malee gara biraa hin deemu. Isiinis isa malee allaattii biraa wajji wal qunnamtii wal hormaataa hin raawwattu. Eega wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatamee booda, haadhoon takka muka gubbaa ykn maneen ilmi namaa ijaarrate gubbatti goojjoo jaarrattee, achi keessatti killee haga 4 buufti. Eega torbaan shaniif hammatteen booda cabsitee ilmoolee keessaa yaafti. Ilmooleen afran guyyaa tokkotti hanqaaquu keessaa hin bahan. Haga torbaan tokkoo walirraa turuu danda’u. Ilmooleen dura hanqaaquu keessaa bahan isa boodarra hanqaaquu keessaa bahe caalaa waan humna qabaniif, soorata haati fidduuf humnaan saamanii ilmoo boodarra killee keessaa bahe kana agabuun miidhu. Sababaa kanaaf ilmoon boodarra hanqaaquu keessaa bahu yeroo heddu beelaan miidhamee du’a.

Cuuciiwwan Oospireey ji’a lama keessatti barrisuu baratu. Kana booda ilbiisota xiixqqoo lafarraa adamsaa leenjii adamoo fudhatu. gaafa haala gaariin waan barbaadan qabatuu danda’anii fi qaamni saanii guddatee ulfaatinni isaatis dabalu, qurxummiilee adamsaa sooratu. Ilmoolee haarawa dhalatan haadhaa fi abbaan wal gargaaranii haala gaariin leenjisaa guddisu. Allaattiin kun hayyama Rabbii guddaatiin haga waggaa 25 jiraatuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button