OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majliisni Federaalaa Yaa’ii Walii Galaa Gaggeesse

November 10, 2022

Manni Maree Dhimmoota Islaamaa, Guyyaa har’aa November 10, 2022 Yaa’ii addaa Hoteela Grand Eliyaanaatti gaggeessaa kano ole tahuun beekame. Walgahii waliigalaa isa jalqabaa kanarratti ajandaawwan shan kan dhihaatan yoo tahu, Ajandaawwan dhihaatanirratti miseensonni mana marichaa bal’inaan mari’atuu kan eegalan tahuun gabaafame.

 

Marii ganama har’aa gaggeeffame irratti, gabaasni hojii majliisni federaalaa guyyoota 100’n dabran keessatti hojjate eega dhihaatee booda, labsiin bajata bara 2015’nii qophaahee hirmaattotaaf dhihaatee bal’inaan irratti mari’atamee jira. marii kanaanis miseensonni mana marichaa bajata bara 2015, birrii Biliyoona 4.7 akka tahu sagalee guutuun mirkaneessanii jiru.

 

Dabalataan Seerri ittiin bulmaata majliisa federaalaa kan ogeeyyii seeraa gurguddoon qophaahee yeroo dheeraaf irratti mari’atamaa ture, walgahii guyyaa har’aa irratti miseensota mana marichaatiif dhihaatee bal’inaan irratti mari’atamaa oolee jira. miseensonni mana marichaatis seera ittiin bulmaataa qophaahe kanarratti yaada kennatanii, wantoonni muraasni eega fooyyeffamanii booda sagalee guutuun mirkanaayee jira.

Comment

Related Articles

Back to top button