Uumamni kun Emperor Tamarin jedhama. Emperor Tamarin Sanyii qamaleeti. Sanyiilee qamalee xixiqqaa jedhaman keessaalle isa tokko. Uumamni kun biyyoota Ardii Ameerikaa Kibbaa kanneen akka Braazil, Peeruu fi Boliviyaa keessatti argama. Emperor Tamarin sanyiilee garagaraa lama qaba. Lameenuu achuma naannoo Ameerikaa kibbaa keessatti argamu. Jireenya isaaniitiif lafa bosonaattu mijaaha. Bosonni sunis bosona jiidhaa-oowwaa ta’uu qaba. Akkasumas eddoo bishaan hedduminaan jiru filata. Bosonni biyyoota Ameerikaa Kibbaa keessatti argamu, kan Amaazon jedhamus, uumamama kana heddimnaan of keessaa qaba. Lakkoofsi uumama kanaatis haalaan hedduudha. Haa ta’u malee manca’iinsi bosonaa dhiheenya kana naannawa biyyoota kanaatti mudataa jiru jireenya Emperor Tamarin kan if duraatif haalaan yaaddeessaa akka ta’e qorattoonni ni dubbatu. Ta’us ammatti lakkoofsi isaa sadarkaa gaarii irra jira.
Maqaa: Emperor Tamarin
Dheerinna: Seentimeetira 22 hanga 25
Dheerinna egee: seentimeetira 35 hanga 41
Ulfaatina: Giraama 220 hanga giraama 900
Umri: Waggaa 20
Qaama Emperor Tamarin
Emperor Tamarin uumama xiqqaadha. Dheerinni isaatis seentimeetira 22 hanga 25 ta’a. Eegeen uumama kanaa dheerinna qaama isaa ni caala. Avreejiidhaanis eegeen isaa seentimeetira 35 hanga hanga 41 dheerata. Ulfaatinni isaatis akkuma dheerinna qaama isaa xiqqaadha. Sanyiin irra xiqqaan graama 220 kan ulfaatu yoo ta’u, inni guddaa jedhamu ammoo haga graama 900 ulfaata. Kana jechuun Emperor Tamarin kiloo 1 hin guutu. Uumamni kun rifeensaa haalaan lallaafaa ta’e qaba. Bifti rifeensa isaa irra jireessatti daalacha yoo ta’u, kan garii ammoo daalacha keessa gurraachatuudha. Lapheerraa ammoo rifeensa gara keelloo dhihaatu qaba. Kotteewwan isaa bifaan gurraacha. Eegeen isaa dheeraan, bifa keelloo gara burtukaanaa dabu qaba. Wanti addaa uumamni kun qabu hanfarroo isaati. Hanfarroon isaa haalaan dheeraadha. Halluun isaatis adiidha. Maqaa isaa Emperor jedhus hanfarroma kana irraa argate. Hanfarroon isaa kun dheeraa qofa osoo hin taane tuucha’aadha. Mootiileen durii tokko tokko hanfarroo akkasii qabu. Kanumarraa ka’uun Emperor jedhanii itti moggaasan. Walumaa galatti Emperor Tamarin, qaama xiqqaa, hanfarroo fi eegee akkasumas qubbeen dhedheeraa qaba.
Soorata Emperor Tamarin
Emperor Tamarin jireenya isaa hunda muka gubbatti dabarsa. Hedduminaan gara lafaa hin bu’u. Muka irra jiraachuun isaatis diina heddu jalaa akka dhokatu isa gargaareera. Akkasumas sooranni isaa hundi mukuma irraa argama. Bineensota gosa lachuu sooratan keessatti kan ramadamu Emperor Tamarin firiiwwan fi baala biqiltootaa mukuma irra jiraaturraa argata. Uumamaalee xixiqqoo kanneen akka ciilalluu fi ilbiisota gargaaraatis achuma mukumarraa qabatee soorata. Haa ta’u malee yeroo wantoonni kunniin dhabamanii muka gubbaa argachuun ulfaataa ta’etti, gara naannawa bishaan jiraatutti gad bu’uun sanyiiwwan raachaa tokko tokkos ni soorata.
Haalaa fi Amala Emperor Tamarin
Emperor Tamarin guyya guyyaa sosocho’a. Qubsuma tokko keessattis miseensota haga 15 waliin gurmuu uumee jiraata. Qubsumni tokkos miseensota maatii tokkoo of keessatti qabata. Emperor Tamarin qubsuma isaa daangaa itti tolfatee jiraata. Diinni biraa akka gara qubsuma isaa seenu hin hayyamu. Haa ta’u malee Emperor Tamarin biraa fageenyarraa godaanee yoo dhufe ofitti simatuudhaan keessummeessa. Uumamni kun sagalee garagaraa baasuudhaan walii gala.
Walhormaata
Wal hormaata Emperor Tamarin keessatti ol aantummaan kan dhaltuuti. Akka uumamaalee hedduu Kormaan wal hin lolu. Dhaltuun kan hormaata waliin raawwattu ofumaa filatti. Tibba wal hormaataa tokko keessattis dhaltuun kormaa tokkoo ol (yeroo heddu kormaa lama) waliin wal qunnamtii raawwatti. Kanaafuu Abbaan ilmoolee isii Kormaa lama ta’uu danda’a jechuudha. Rimayni isiitis ji’a Afurii fi walakkaaf tura. Yeroo takkaanis ilmoolee lama dhalti. Ilmoolee kunuunsanii guddisuun dirqama miseensota qubsuma saniiti. Haa ta’u malee Kormaan lamaan, wal hormaata raawwatan sunniin dirqama guddaa qaban. dhaltuun kormaa tokkoo ol waliin wal qunnamtii waan raawwattuuf, guddisa irrattis kormaawwan sunniin dirqama ol aanaa qaban.
Guddisa Daa’immanii
Haati yeroo heddu ilmoolee duydatti baadhattee olii gad deemti. Yoo soorata barbaacha gara biraa deemuu barbaadde ammoo kormaawwan lamaan sanniin waamti. Waamichaaf ammoo mallattoo addaa fayyadamti. Arraba isii haalaan dheeressitee gad baasuun kormaalee sanniinitti akeekti. Akkuma nuti qubaan akeeknutti jechuudha. Arraba isii kana dheeressitee eega gad baafteen booda roga digrii 90 fakkaatu akka uumuuf ammoo dagalitti caafti. Kunis koottaa ilmoolee eegaa jechuudha. Kormaaawwan lamaan sunis fiigichaan gara dhaltuu sanii dhaqu.
Ilmooleen olii gad deemaa, akkasumas mukarraa mukatti utaalaa soorata barbaaddatuu waan hin dandeenyeef, haga haati bira jirtu haadharraa gad hin buutu. Kanaafuu waan itti dhiifattu qabaachuu qabdi. Sababuma kanaaf gaafa duraa Kormaa lama filattee waliin wal qunnamtii wal hormaataa raawwatte. Lama ta’uun isaaniitis sababaa ajaa’ibaa qaba. Sunis Yeroo hunda dhaltuun Emperor Tamarin lakkuu dhaluu isiiti. Akkuma hundi keenya beeknu ilmooleen haadharraa tole jettee hin buutu. Sababa kanaaf humna fayyadamuun dirqama ta’a. Kormaaleen lamaan sunniinis haadhatti dhaqanii, ilmoolee lamaan harkisanii irraa buusuun hammatu. Osoo silaa kormaan tokko qofa ta’ee, ilmoolee lamaan harkisee gad buusuun haalaan itti ulfaata ture. Haati ilmoolee ofii abbootii warraa lamaanitti dhiistee biraa deemtee, soorata isii barbaachisu funaannatti. Subhaanallaah! Mala kana eenyutu isaan barsiise?
Emperor Tamarin diina heddu qaba. Bofni, Allaattiiwwan gurguddoon, Sardiidaa fi Sanyiilen adurree daggala keessaa (Goofadanni) uumama kana adamsuudhaan sooratu. Kanaafuu Emperor Tamarinis muka gubbaa bahuun dhokatee jiraatuu yaala. Ilmooleen xixiqqoon gaafa ji’a tokko caalan soorata dabalataa sooratuu jalqaban. Ji’a sadih booda ammoo mucha gu’uun jireenya mataa isaanii jalqabu. Waggaa lama booda ammoo wal hormaata raawwachuu danda’u. Fedha Rabbiitiin Emperor Tamarin haga waggaa 20 jiraatuu danda’a.
Qophii: Abuu Ibtisaam