header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Pademelon: Kaangaaroo Xiqqaa

Tafakkur: Pademelon

Uumama ardiin Awustiraaliyaa qofti ittiin beekamtu kana maqaan isaa Pademelon jedhama. Sanyiiwwan marsupial ykn ammoo warra garaa jalaa korojoo qaban keessatti ramadama. Sanyiin uumama kanaatis 7 yoo ta’u, biyyoota akka Awustiraaliyaa, Paappuwaa Niw Giinii fi Taasmaaniyaa keessatti argama. Uumamni kun sanyiiwwan Marsupial keessaa bosonaa fi lafa jiidhaa filata. Haa ta’u malee sababa manca’iinsa bosonaa haalaan hammaataa jiruuf jecha, iddoo jireenyaa dhabee rakkachaa jira. Dabalataan ammoo foonii fi rifeensi isaa soorataa fi faaya garagaraatiif barbaadamuun, adamoof akka saaxilamu isa taasise. Sababuma kanaaf Pademelon uumama dachiirraa dhabamuuf dhihaatan keessatti ramadamee jira.

 

Pademelon sanyiiwwan Marsupial kan macro pod jedhaman keessaa warra xixiqqaa jedhaman keessatti ramadama. Dheerinni uumama kanaa seentimeetira 41 hanga 52 ta’a. Ulfaatinni isaatis sanyii isaarratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Sanyiin irra xiqqaan kilograama 3.5 kan ulfaatu yoo ta’u, inni guddaan ammoo hanga kilograama 12 ulfaata. Kormaan guddinaa fi dheerinnaanis dhaltuu ni caala. Rifeensi Pademelon laafaa dha. Halluun rifeensa isaa gama duydaatiin bifa magaalaa fi daalacha gurraachaan makaa qaba. Garaa jalaa ammoo magaala ykn ammoo daalacha adiitti dhihaatu qaba. Qoffeen isaa qal’aadha. Ija haalaan gurraacha, gurra dheeraa gara samii ol dhaabbate, qaama gabaabaa furdaa, kottee gaggabaabaa fi eegee gabaabaa furdaa qaba.

 

Pademelon umrii isaa bosona jiidhaa haalaan tuuchaa ta’e keessatti dabarsa. Akkasumas lafa marga dhedheeraa qabus ni filata. Marga dhedheeraa san akka hulluuqqoo (tunel)tti tolfata. Kunis wayta diinni dhufe isa keessa seenuun gara bakka jireenya isaa deebi’uuf isa gargaara. Yoo waa nyaatuu barbaades, hulluuqqoma tolfate san keessa deemuun gara bakka sorataa ceha. Sanyiiwwan macro pods jedhaman hedduun isaanii eegee isaanii akka miila sadaffaatti fayyadamu. Haa ta’u malee eegeen Pademelon haalaan gabaabaa waan ta’eef akka miila sadaffaatti isa hin fayyadu. Warri akka miila sadaffaatti itti fayyadaman, yeroo diina jalaa dheessan saffisaan utaaluuf isaan gargaara.

 

Pademelon uumama haalaan qaanfataadha. Hedduminaan bosona keessaa bahuu hin jaalatu. Qubsuma jiraaturraa haga meetira dhibbaatuu hin fagaatu. Shokossaa ilma namaatii fi bineensaa dhageenyaan, saffisaan gara qubsuma isaa deebi’a. Sababa kanaafis guyya guyyaa hirribaa fi boqonnaan dabarsa. Wayta namni karaa irraa gale, wayta uumamni hedduun gara qubsuma isaa deebi’etti, inni ammoo gad bahee rizqii isaa barbaaddata. Pademelon warra biqiltoota sooratan keessatti ramadama. Margi, baalli kichuun, arriin dhagaa, ilillii fi daraaraawwan mukaa soorata uumama kanaati.

 

Pademelon uumama kopha kophaa jiraatuudha. Akkasumas uumama qubsuma tolfatee qubsuma isaa haalaan eeggatuudha. Pademelon tokko lafa heektaara shanii hanga soddomaa kophatti dhuunfatee jiraata. Wayta uumamni biraa gara qubsuma isaa seenes haga humna isaatiin ofirraa deebisuu yaala. Pademelon wayta diina argu kottee isaa kan duubaatiin lafa dhiita. Malli kun diina itti dhufaa jiru jalaa miliquudhaaf heddu isa gargaara. Kunis wayta sodaa guddaan lafa dhiitu san, biqiltoonniiifi mukkeen naannoo isaatti argaman hundi ni socho’u. Yeroo kanatti diinni isa adamsuuf dhufe sun, bineensi guddaan biraa dhufaa jira jedhee dheessee deebi’a. Keessattu sanyiileen bofaa waan sosocho’u haalaan sodaatu. Haala kanaan Pademelon diina isaa jalaa miliquuf yaala. Diinni hamaan uumama kanaa; Saree, Jeedala, Jawwee, Culullee, Tasmanian devil fi Dingoes bineensa  jedhamuudha.

Pademelon kopha kophaa jiraatus yeroo wal qunnamtii wal hormaataa waliti ni dhufa. Akkuma barruulee biroo keessatti ibsaa ture, uumamni Marsupial jedhamu yeroo lama ilmoo dhala. Inni duraa eega gaafa walqunnamtiin wal hormaataa raawwatamee guyyaa soddoma booda, ilmoon quba namaa hin geenne dhalattee korojoo haadhaa keessa seenti. Achi booda mucha korojoo keessa jirutti afaan ofii maxxansitee, ji’oota itti aanan jahaaf turti. Kana booda lammata dhalattee addunyatti makamti. Itti aansuun ji’oota torbaa haga saddeetiif mucha haadhaa osoo hootu jireenya ofii itti fuufti. Gaafa mucha haadhaa guute ammoo, jireenya isii kan kophaa jalqabdi. Pademelon fedha Rabbiitiin haga waggaa saddeetii jiraachuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button