header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Qamalee

Waa’ee Qamalee yoo dhageenyu wantoota heddutu sammuu keessa nu yaa’a. Uumama dachii tanarra jiran keessaa bineensa qaruutummaan hunda caalu akka ta’es ni dubbatama. Haadholiin qamalee ilmoolee isaaniitiif kunuunsi isaan godhan kan ajaa’ibaati. Inumaahuu amaloota ilma namaatiin wal isaan fakkeessu heddu akka qaban ni beekama. Qamaleen sagalee garagaraa baasuudhaan uumama beekamuu dha. Yeroo rakkoon uumame, walqunnamtii wal hormaataatiif, ilmoo ofii waammachuuf, akkasumas ilmoonis haadha ofii waamuufis ta’ee dhaamsa biroo dabarfachuuf sagalee garagaraa baasuudhaan waliigaltee uumuu danda’u. Dachii tanarra sanyiin uumama kanaa kan hanga amma bira gahame 264 akka jiru qorannoon gama kanaan godhame ni addeessa. Nutis In shaa Allaah barruu tanaan waa’ee uumama kanaa qabxii muraasaa isiniif dhiheessina.

Ijaarsi qaama Qamalee kan ajaa’ibaati. Qaamni isaanii saffisaa fi jabina ajaa’ibaa qaba. Diina isaanitti dhufe jalaa daddafanii miliquu danda’u. Sanyiin Qamalee hundi isaatuu ashaaraa qubaa kan qaban yoo ta’u, akkuma ilma namaa kan hundaatuu garaagarummaa qaba. Sanyiin hunduu harkaa fi miila dheeraa qabu. Harkaafii miilli isaanii Muka koruufis ta’e wantoota biraatiif akkaan mijaawaa dha. Akkuma ilma namaa quba abguddaa kan qaban yoo ta’u, quba kanatti gargaaramuun wantoota barbaadan lafaa guuruu danda’u. akkasumas soorata argatanis isuma kanaan quuncifatu. Ilmooleen xixiqqootis quba kana fayyadamanii mucha haadha isaanii ittiin mirgisiifatu.

Ijji isaaniitiis akkuma ilma namaa wantoota jiran haala gaariin adda baafatee ilaaluu danda’a. haa ta’u malee sanyiin hedduun, halluu gurraachaafii adii qofa argu, Yookaan ammoo halluun ija isaaniitti mul’atu hundi gurraachaa fi adii qofa ta’ee itti mul’ata. Kana jechuun akka viidiyoo bara durii waraabbame ka black and white jennuun sanitti wanti argan hundi adii fi gurraacha qofa itti fakkaata  jechuudha. Kanaaf fira ofii adda baafatuu yoo fedhan funyaaniin fuunfatanii adda baafatu. Funyaan isaanii kun fira qofa osoo hin taane diina isaanitti dhufes adda baafatuuf isaan gargaara. Sanyiin qamalee hundi isaaniituu dhaggeettii irratti ciccimoodha. Sammuun isaaniitis kan ajaa’ibaati. Bineensota keessaa sammuu jabaa akka qaban dubbatama. Ilkaan isaaniitis kan ilma namaatiin walfakkaataadha.

Hoomaan Qamalee bakka hunda jiraachuu danda’u. Mukaa fi biqiltuun haa jiraatu malee naannoon jireenya isaaniitiif rakkisaa ta’e hin jiru. Sanyiin cabbii diilallaawaa keessa jiraachuu danda’u kan jiru yoo ta’u, akkasumas dachii gammoojjii Afriikaa keessattis jiraachuun itti hin ulfaatu. Amala ilma namaatiin wal isaan fakkeessu keessaa inni tokko isa kana. Naannoo jiru wajjiin wal simataa (adapt) godhaa jiraachuu danda’an. Qamaleen gariin muka irra kan galantu jira. Gariin ammoo lafarraafii mukarras jiraachuu ni danda’an. Sannyiin gaara irra qofa jiraatanis ni jiru. Walumaa galatti haala qilleensaa jiru wajjiin walsimataa jiraachuu danda’u.

Hoomaan Qamalee yeroo heddu olii gad deemaa soorata barbaaddatu. Yeroo soorata barbaaddachuuf olii gad deeman waan boru nyaataniifis ni yaadu. Muka irraa sanyii garagaraa harcaasuudhaan mukni biraa akka biqilu godhu. Haa ta’u malee sababa addunyaa irratti manca’iinsi bosonaa hammaataa deemaa jiruuf, sanyiin muka qofa irra galan rakkoo hamaa keessaa  jiru. Kan kanarraa hafe qamaleen hedduun isaanii namatti madaqanii jiraachuu waan danda’aniif, akkasumas ilmi namaas uumama kanaaf jaalala guddaa waan qabuuf, dabalataan warri Paarkiitis namoota  daaw’achiisuuf waan walitti qabaa jiraniif, rakkoo isaan mudachuu malu jalaa miliquu danda’anii jiru.

Sooratni isaanii sanyii isaanii irratti hundaa’a. Sanyiin hunduu waan isaaniif maluu fi waan naannoo isaanii jiru sooratu. Garuu sanyiin hunduu muduraalee sooratu. Bosona isaan keessa jiraatan keessatti Muduraan heddu jiraachuu qaba. Akkasumas Muduraan kun yeroon bilchaatee soorataaf gahu garaagarummaa qaba. Qamaleenis hundaa waan adda baasanii beekaniif,  yeroo isaa eeganii muratan. Yeroo kanas akkuma dura isinitti himne, sanyii yookaan firii Muduraa sanii facaasaa  deemu. Yoo firii mukaa argachuu dadhaban, warri baala muka sanii nyaatanis ni jiru. Sooratni uumama kanaaf akkaan barbaachisaa dha. Akkuma ilmi namaa soorataaf cinqamutti, qamaleenis yeroo sooratni dhabame ni cinqaman. Kanaaf waan argatan hunda qusataa sooratan. Bakka rakkatanitti, Sanyiin ilbiisota sooratanis ni jiru. Yeroo argametti garuu gareen ta’anii akka garaa isaaniititti sooratu.

Sanyiin qamalee hedduun isaanii gama soorataatiin ilma namaatiin walfakkaatu. Fakkeenyaaf muuza yoo nyaatan seeraan quuncisanii sooratan. Akkuma ilma namaa harkaan qabatanii sooratu. Akkasumas kanneen dhakaa fi muka akkuma nuti fal’aana fayyadamnutti fayyadamins ni jiru. Sanyiileen qamalee hedduun isaanii bishaan hin dhugan. Bishaan isaaniif barbaachisu, Muduraalee fi baala garagaraa sooratan keessaa argatu. Garuu warri dhuguu barbaadus ni jiru. Ammas yeroo dhugan kana akka uumama biraa afaaniin ykn ammoo arraba isaaniitiin gad jedhanii laga irraa hin dhugan. Akkuma ilma namaa harka isaanii ykn ammoo waanuma bishaaniif isaaniif toluun woraabanii dhugu.

Bineensota gamtaan jiraatan keessaa, ijaarsi hawaasummaa Qamalee kan nama dinqisiisu. Uumamni kun gamtaa ijaaruun waliin jiraachuudhaan beekama. Haalli ijaarsa hawaasummaa isaaniitis bineensota dachii tanarra jiran keessaa kan ajaa’ibaati. haalli isaanii kan ilma namaatiin walitti dhihaata. Garee uumanii waliin taphatu. Wantoota isaan bineensota biraa irraa adda ittiin tahan keessaa inni tokko sagalee isaaniiti. Sagaleen isaan dhageeysisan sun jireenya hawaasummaa isaaniitiif faaydaa guddaa qaba. Akkuma jalqabarratti ibsametti, qamaleen sagalee gara garaa uumuudhaan walii galu. Akka ilma namaa haasawuu dadhaban malee waliigaltee garagaraa uumuudhaaf sagalee garagaraa baasu. Sagaleen cinatti, walii galteedhaaf mallattoos ni fayyadamu.

Wanta ilma namaatiin wal isaan fakkeessu keessaa inni biraa ammoo jaalala jidduu isaanii jiruudha. Akkuma ilma namaa haadhoon ilmoo isii akkaan jaalatti, jaalala isii sanis akkuma ilma namaa hammachuudhaan ibsiti. Yeroo diina jalaa dheesitus, takkaa hammattee ykn ammoo duyda gubbatti baadhattee fiigdi. Warri gurguddaanis jaalala waliif qaban haala garagaraatiin ibsatu. Walbira taa’anii fuula waltuttuqu, akkasumas wayta gaddaa fuula gaddaatiin, yeroo gammachuus fuula gammachuu, dabalataanis dallansuu isaanii fuula isaanii walitti guuruudhaan walii ibsu. Gama biraatiin garee san keessa walitti bu’iinsi mudachuu danda’a. Walitti bu’iinsi sababa garagaraatiin uumamuu danda’a. Warri Dhiiraa garee san moohachuuf akkasumas dhaltuu garee san keessa jirtu dhuunfachuuf jecha wal lolu. Dabalataan yeroo hanqinni soorataa jirus akkaan walitti bu’u. Nyaatni gahaan jiraannaan garuu, wanti akka isaanii wal jaalatu hin jiru.

Qamaleen hoosiftoota keessatti ramadama. Kanaaf fakkaataa isaa dhaluudhaan bakka buufata. Qamaleen walqunnamtii hormaataaf kan qophaahan gaafa waggaa 4 caalan akka ta’e qorannoon ni mul’isa. Yeroo heddu walitti bu’iinsi qamalee keessaa dhimma wal hormaataa irraa jalqaba. Warri dhiiraa haga wal dadhabsiisanii inni tokko moohatutti wal tumu. Kana booda dhiira moohate qofatu, wal qunnamtii wal hormaataa raawwata. Sababa kanaaf jecha yeroo heddu dhiirri akka mootiitti garee san hoogganu, ilmoolee dhiiraa akkaan cunqursa. Sanyiin ilmoolee dhiiraa dhoksee ajjeesu akka jirus qorannoon ni mul’isa. Kanaaf jecha yeroo heddu warri dhiiraa akkuma haadha irraa gu’aniin garee san dhiisanii deemuun qubsuma mataa isaanii hundeeffatu. Gama wal hormaataatiin, haadhoon qamalee waggaa lama lamaan ilmoo takka qofa dhalti. Rimeeyni isiitis baattii 6 tura. Ilmoo dhalatte tanas akkuma ilma namaa hammataa ykn duydatti baadhataa kunuunsitee guddisti. Ilmoolee haarawa dhalataniif, warri garee keessaa kunuunsa garagraa godha.

Wanti dachii kanarraa diina hin qabne hin jiru. Wanti lubbuu qabus ta’e kan lubbuu hin qabne, adawwii isatti haajamu qaba. Haaluma kanaan Qamaleenis diina heddu bakka hedduu qaba. Diinni isaa kan duraa, bineensota daggala keessaati. Daggala keessaa Sanyiin adurree hedduun isaanii ilmooleen Qamalee haadhaa fi qubsuma isaanii irraa fagaatanii yoo deeman adamsanii sooratan. Qamalee adamsuun akkaan rakkisaa dha. Qaruutummaa qabaniin bineensota heddu jalaa miliqanii bahuu danda’u. Haa ta’u malee yeroo tokko tokko, Waraabessi gareen ta’ee Qamalee kophaa jiru marsuun adamsuu danda’a. Diinni biraa kan qilleensa gubbaati. Ammas gosti allaattii samii gubbaa ilmoolee xixiqqoo butee fudhatu ni jira. Adawwiin biraa ammoo kan bishaan keessaati. Qamaleen hedduminaan bishaan hin dhugu. Haa ta’u malee sanyiin gariin bishaaniif gara lagaa kan dhaqu hin dhabamu. Yeroo kanas Naachi bishaan keessatti riphee eeguudhaan yeroo qamaleen dhuguuf gara bishaanii dhihaatu qabee soorata. Walumaa galatti akkaataan uumama qamalee akkasumas gamtaan jiraachuun isaanii rakkoo bineensota biraatiin adamsamuu irraa isaan baasuu ni danda’a. haa ta’u malee ilmooleen xixiqqoon ykn ammoo garema Keessaayyuu warri fagaatee kophaa deemu yeroo heddu diinaaf ni saaxilamu.

Waa’ee Qamalee waan heddu kaasuun ni danda’ama. Qabxiileen ijoon waa’ee uumama kanaa kanneen armaan gadiiti.

  • Qamaleen yeroo isaanii irra jireessatti, rifeensa walii filaa, raammolee garagaraa wal irraa guuraa dabarsu. Inni kunis gam tokkoon qulqullina qaama saanii eeguuf kan isaan tajaajilu yoo ta’u, dabalataan jaalala hawaasummaa isaanii jajjabeeffachuudhaaf isaan gargaara
  • Addunyaa kanarra sanyiin qamalee 264tu argama
  • Qamaleen eegee dheeraa humna jabaa qabu qaban, kunis madaala qaama isaanii eeguuf tajaajila
  • Sanyiin qamalee gariin bifa gurraachaa fi adii qofa ilaaluu danda’u, gariin ammoo bifa hunda ni argu.
  • Biyyoota tokko tokkotti ooyruu namaa waan balleessaniif jecha ni ajjeefamu, biyya garitti ammoo akka faayaatti kunuunfamu

 Qophii Abu Ibtisam

 

Back to top button