header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Gama Hawaa Yoo Imaluu Feete Afaan Raashiyaa Baruu Qabda

Tana Quba Qabduu?

Addunyaan tun buburreedha. Wanti heddu faallaa ilmi namaa yaaduun argamu danda’a. Fakkeenyaaf Atomikiin jalqaba gaafa oomishamu akka ilmi namaa ifaa ittiin ibsatuuf hojjatame. Har’a garuu meeshaa jireenya walii ittiin dhaamsan ta’eera. Meeshaan jalqaba tajaajila ilma naatiif oomishame kun, ammaan tana jiruu ilma namaa rakkoo guddaaf saaxilee jira. kana qofaa miti. Wanti heddu waan karoorfamee hojjatameef irraa jijjiiramee tajaajila birootiif oolutti jira.

Websaayitii Pornograafii irra Websaayitii amantii fi ilaalchota garagaraatiin wal qabatutu Vaayrasa heddu qaba.

Namni komputara fayyadamu waa’ee Vaayrasii ni beeka. Akkuma dhibeen lubbu qabeeyyii miidhutti, Vaayrasiinis Komputara dhukkubsuudhaan akka seeraan hin dalagne godha. Vaayrasoonni gariin faayila nama jalaa dhoysuu danda’u. Gariin ammoo guutumaan guututti faayila nama jalaa balleessuu malu. Walumaa galatti vaayrasiin kompiitara irraan namatti gad dhiifamu hedduudha. namni heddu vaayrasiin iddoo filmiiwwan zinaa ykn Pornograafii qofa jira itti fakkaata. Haa ta’u malee qorannoon godhame akka mul’isutti; websaayitii Ponrograafii fi amantii yoo wal bira qaban, isa warra amantiitu vaayrasa hedduun faalama.

 

Warri Pornograafii maamila heddu horachuudhaaf jecha vaayrasoonni hedduminaan akka gad dhiifaman hin hayyaman. Hordoftoota isaaniitiif haga danda’aniin of eeggannoo jabaa godhu. Websaayitiiwwan amantii ammoo itti yaadanii osoo hin taane, dadhabinaa fii laafina beekumsaatiif vaayirasii hedduuf saaxilamutti jiru. Websaayitiin amantii ykn dhaabbata dhuunfaa tokko vaayrasiiwwan ykn malware 115 kan qabu yoo ta’u kan pornograafii garuu inni tokkichi Vaayrasa haga 25 qabaachuu danda’a. Walumaa galatti wantootni kunniin bifa beeksisaatiin kan namatti gad dhiifaman yoo ta’u, namnis osoo hin beekin vaayrasa san ofitti banuu danda’a. kanaafuu websaayitiiwwan amantiitis yeroo bannee fayyadamu, waan beeynu malee waan hin beeyne tuquu hin qabnu.

 

Manzaraan ykn eyeglass jalqabarratti akka Abbootiin Murtii itti fayyadamaniif jecha kalaqaman

Har’aan tana manzaraan waan namni gariin ittiin boonu gariin ammoo fayyaa ija isaatiif jecha kan itti fayyadamu ta’eera. Manzaraan sunglass jedhamuun beekkamuufi hedduminaan aduu ofirraa dhoorkuudhaaf yeroo ammaa bakka heddutti tajaajilaa jiru kun, jaarraa 12ffaa keessa chaaynaa keessatti hojjatame. yeroo sanitti warri manzaraa ijaa oomishe ija Abbaa Murtii dhooksuudhaaf jecha hojjate. Ijji ilma namaa qaama fuulaa irraa adda dureedha. Yoo ija keessa nama laalan dallansuufi gammachuus namarraa beekuu danda’an. Kanaaf jecha miira abbaa murtii yeroo sanii dhoysuuf jecha manzaraa gurraacha ija hin mul’isne hojjatanii abbaa murtiitti kennan. Innis manzaraa kana godhatee qorannoo gaggeessa. Himataa fi himatamaanis ija abbaa murtii waan hin argineef, sodaa tokko malee waan qalbii isaanii keessa jiru dubbatan. Meeshaan ogeeyyonni Chaayinaa jaarraa 12ffaa keessa tajaajila kana qofaaf hojjatan, har’aan tana guutuu addunyaa wal gahee jira.

 

Avreejiidhaan namni tokko umrii isaa keessaa ji’a jahaa osoo ifaa tiraafikaa bira dhaabbatu fixa

Gama Afriikaa kana, keessattuu biyya teenya keessatti yeroo ajjeesuu ykn yeroo dabarsuu wanti jedhamu baramaadha. Namuu guyyaa hunda yeroo gubna jedhee walitti dhufee waliin taphataa dabarsa. Tarii aadaa dalagaatu ummata keessa hin jirre ta’a. haa ta’u malee ummata biraa biratti Yeroon har’aan tana qaalii taateerti. Keessattuu biyyoota guddatan keessatti namuu hojiin qabamee, yeroon isatti dhiphatee, osoo danda’ee liqeeffatuu barbaada.

Biyyoota guddatan keessa olii gad deemanii hojjachuudhaaf makiinaan haalaan barbaachisa. Namuu bakka haajaa isaa dhaquudhaaf makiinatti fayyadama. Haa ta’u malee namni makiinaa yaabbatus salphumatti bakka barbaade hin dhaqu. Karaa irratti ifaan tiraafikaa isa qabee sakandii fi daqiiqaa muraasaaf dhaabsisuu danda’a. bakka kanatti namni tarii waan daqiiqaa 3 hin caalle dabarsuu danda’a. haa ta’u malee lakkoofsi kun yoo walitti eda’amu, avreejiidhaan namni tokko umrii isaa keessaa ji’a 6 osoo ifaa traafiikaa irra dhaabbatee haga magriisni ifutti eegu fixa.

 

Astironootni gara International Space Station imaluu barbaadan hundi dirqama Afaan Raashiyaa baratuu qabu

Gama Hawaa ykn space imaluurratti Raashiyaan gahee guddaa qabdi. Biyyoota jalqaba gara hawaa deemuuf yaalii taasisanii fi milkaayan keessaa takka Raashiyaadha. Sababa kanaaf buufataaleen hedduun kan Afaan Raashiyaa qofaan tajaajilan hawaa kana gubbaa jiru. Kitaabonni hedduunis Afaan Raashiyaatiin barreeffamaniiru. Astiroonootni hedduun kan gara International Space Station imalan geejjiba Soyuz jedhamu fayyadamuu qaban. Geejjibni kun ammoo omisha Raashiyaati. Wanti hundi Afaan Raashiyaatiin kan dalagu yoo ta’u, yoo rakkoon isaan mudates nama Afaan Raashiyaa dubbatu dubbisanii rakkoo furatuu qabu. Waan kana ta’eef osoo Afaan Raashiyaa hin baratin akka gara hawaa imalan hin hayyamamu. Kanaafuu namni gara hawaa geejjiba Raashiyaa kan soyuz jedhamu fayyadamee imaluu barbaadu, Afaan Raashiyaa sirritti baratee waraqaa ragaa argatuu qaba jechuudha.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button