header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Biqiltoota summaawaa lubbuu ilma namaa galaafatuu danda’an

Rabbiin keenya waan heddu dachii tanarratti uumee jira. uumamni kun cufti isaaniituu faayidaa mataa isaanii qabu. Wanti sababaan malee uumame tokkollee hin jiru. Qalbii teenya xiqqoo tanatu bira gahuu dadhabe malee wanti cufti isaatuu faayidaa qaba. Qorattoonnis haga humna isaaniitiin waan danda’an qorannoon argataa jiru. Akka fakkeenyaatti summii bofaa fi qaajjibbuu irraa dawaan fayyaa namaatiif tajaajilu oomishamutti jira. Barruu kana keessatti ammoo biqiltoota summaawaa lubbuu namaa galaafatuu danda’an keessaa lama waliin ilaalla.

Water Hemlock

Biqiltuun summaawaan jalqabarratti ilaallu Water Hemlock jedhama. Biqiltuun kun gosa baalaa keessatti kan ramadamu yoo ta’u, baay’inaan Ameerikaa kaabaa keessatti argama. Qaamni biqiltuu kanaa , hiddi, jirmii fi baalli isaa guutumaan guututti summii qaba. Lubbu qabeeyyiin baala kana sooratan, daqiiqaa 15 keessatti du’uu danda’u. Biqiltuun kun ededa lagaa irratti kan biqilu yoo ta’u, daraaraa dibaabee fakkaatu ofirraa qaba.

Water Hemlock

Biqiltuun summaawaan kun lubbuu namaa irraan miidhaa hamaa dhaqqabsiisuu danda’a. Yoo of eeggannoo cimaan fayyadamne, dhibee gogaa namaa irra jiru haala salphaan fayyisuuf tajaajila. Wanti kun garuu yeroo heddu hin jajjabeeffamu. Akka tasaa ta’ee gara qaamaa seennaan ykn ammoo madaa takka argatee dhiiga namaatiin wal tuqnaan, bu’aan isaa hamaa ta’a. Daa’immanii fi ijoollee of eegganoo kamiinuu gogaa isaaniitiin tuquu hin qabnu. Gogaan isaanii akkaan haphii waan ta’eef miidhaa hamaa irraan gahuu danda’a. Walumaa galatti biqiltuu kana fayyadamuun bu’aa isaa irra miidhaan waan hammaatuuf irraa fagaatutu dansaadha.

Deadly nightshade

Biqiltuun summaawaan kan biroo deadly nightshade jedhama. Baalli biqiltuu kanaa biqiltoota akka dinnicha, timaatimaa fi mixmixxaatiin walitti dhiheenya qaba. Hedduminaan Awrooppaa, Kibba Eeshiyaa fi Kaabaa Afriikaatti argama. Yeroo heddu lafa goggogaa irratti biqila. Biqiltuun kun gosa baalaa keessatti ramadama. Firiin biqiltuu kanaa akkaan mi’aawaadha. Kanaaf ijoolleen yeroo heddu osoo hin beekin mi’aa isaatiin sobamanii lubbuu ofii dhaban ni jiru.

deadly nightshade

Akkuma Water Hemlock biqiltuun kunis guutumaan guututti summii alkaalooyids jedhamuun guutamee jira. Namni biqiltuu kana soorate osoo akka carraatuu lubbuun hafee, halkan hunda hirriba nagahaa rafee hin bulu. Jiruu isaa guutuu hirriba cinqiitiin dabarsa, ijji isaatis guuttattee hin argitu. Yeroo dheeraaf qajeelee madaala ofii eegee dhaabbatuu hin danda’u. Nmni hidda isaa nyaate garuu carraan lubbuun hafuuf qabu akkaan xiqqaadha.

Warri Awrooppaa biqiltuu kana ‘belladonna‘ jedhee waama. Afaan Xaaliyaaniitiin belladonna jechuun dubartii bareedduu jechuudha. Maaliif akkas jedhanii akka moggaasan isaanumatu beeka.  Dabalataanis maqaa biqiltuu sheeyxanaa jedhamuunis ni beekkama. Bineensonni akka hoolaa, hilleensaa fi kan biroos biqiltuu kana yoo sooratan miidhaan jabaan isaanirraa hin gahu. Ilmi namaa garuu biqiltuu kanarraa fagaatutu  isaaf wayya.

Ogeessonni fayyaa biqiltuu kanarraa dawaa garagaraa oomishutti jiru. Dawaan of eeggannoo jabaan oomishamaa jiru kun dhiibbaa dhiigaa fayyisuudhaaf gargaara. Haa ta’u malee dawama karaa saayinsiin oomishame kana fudhachuunuu hordoffii doktoraa barbaachisa. Bara durii ummanni Roomaa fi kanneen biroos xiyya summaawaa ittiin hojjatuudhaaf tajaajilamu. Xiyyaa fi eboo waraanaaf fayyadaman, fiixee isaa summii biqiltuu kanarraa oomishame dibuudhaan gara diina isaanii darbatu. Namni eboo fi xiyya saniin waraaname, waraansi isaa osoo salphaayyuu ta’ee summiin sun isa ajjeesuu danda’a.

Kanaaf baala kana yeroo fayyadamnu of eeggannoo gochuun dirqama. Namoonni rakkoo kalee fi garaachaa qaban ammo, baalli kun alarjiika waan itti ta’uuf guutumaan guututti irraa fagaatuu qaban. Dubartoonni ulfaatis dawaa baala kanaa akka fudhatan hin eeyyamamu.

Back to top button