header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Horii Gaafaa Keessaa Guddicha

Tafakkur: Gaur

Uumamni kun Ardii Eeshiyaa keessatti kan argamu yoo ta’u maqaan isaatis Gaur jedhama. Gaur sanyiiwwan bovine (BOOVAAYIN) ykn Horii gaafaa keessaa isa tokko. Ardiin eeshiyaa sanyiiwwan horii gaafaa garagaraa heddu qabaachuun beekkamti.. Sanyiin Gaur sadih akka jiru beekkameera. Sanyiiwwan kunniin sadanuu biyyoota akka Indiyaa, Neeppaal, Maaleeyshiyaa, Taaylaand, Myaanmaarii fi Chaaynaa keessatti argamu. Gaur lafa haalaan magariisa ta’e filata. Akkasumas lafa bosonaan uwwifame keessa jiraata. Dabalataan lafa haalaan ol ka’aa ta’ee fi gaarreen irras ni jiraata. Haa ta’u malee sababa manca’iinsa bosonaa fi babal’achuu gammoojjummaatiif, lakkoofsi uumama kanaa xiqqaachutti jira. Sababaa kanaaf lakkoofsi uumama kanaa parsantii 70 kan ta’u dachii tanarraa dhabameera.

 

Maqaa: Gaur

Dheerinna: Lafaa ol Meetira 1.7 hang meetira 2.2/ Dagaletti Meetira 2.5 hanga meetira 3.3

Ulfaatinna: Kilograama 700 hanga 1000

Qubsuma: Ardii Eeshiyaa

 

Qaama Gaur

Gaur akkuma gafarsaa uumama akkaan guddaadha. Dheerinni isaa miilaa haga dalluu meetira 1.7 hanga meetira 2.2 ta’a. eegeerraa kaasee hanga qoffee isaa kan jiru ammoo meetira 2.5 hanga meetira 3.3 ta’a. halluun rifeensa kormaa Gaur gurraacha yoo ta’u, ilmoolee fi haawwotiin garuu gogaa bifa magaalaa qabu. Kanaafuu ilmoolee kanniin keessaa warri kormaa, gaafa guddatan bifti isaanii gara gurraachaatti jijjiirama jechuudha. Gaafni bineensa kanaa gaafa looniitiin kan walitti dhihaatu tahus, garuu gaafa loonii caalaa cinaa lamaanitti bal’atee gara samii ol qajeela. Halluun gaafa bineensa kanaa daalcha ykn boora yoo ta’u, fiixeerraan bifa gurraacha qaba. Gaafni uumama kanaa haga seentimeetira 80 dheerachuu danda’a. ulfaatinni Gaur Kilograama 700 hanga 1000 ta’a. miilli isaa haalaan jabaadha. Qeensarraa kaasee haga jilbaatti halluu adii qaba.

 

Soorata Gaur

Gaur akkuma sanyii loonii kaawwanii marga dheeduudhaan jiraata. Dabalataan Baalaa fi firiiwwan garagaraatis ni soorata.  Bineensi kun akkaan waa sodaata. Sababaa kanaaf ganamaafi galgala qofa gara dirree bahee dheeda. Guyyaa guyyaa ammoo dhokatee bosona keessa oola. Uumamni kun bineensota guyya guyyaa socho’an keessatti kan ramadamu tahus, naannawa ilmi namaa heddumaatutti, ilma namaa jalaa dhokachuudhaaf jecha sochii isaa gara halkaniitti deebisee jira.

Diina Gaur

Qaamni uumama kanaa haalaan guddaa waan ta’eef, bineensi hedduminaan uggee uumama kana adamsu hedduus miti. Ta’ullee osoma qaama guddaa kana qabu akkaan waa sodaata. Diinni isaa guddaan Naachaafi Qeerraansa. Naachi yeroo bineensi kun bishaan dhugu, bishaan keessatti riphee utaalee morma qabata. Qeerransis tooftaa uumamaan badhaafametti fayyadamee irra aana. Diina lubbu qabeeyyii hundaa kan tahe ilmi namaatis uumama kana sababaa adda addaatiif adamsee ajjeesa.

 

Haalaa fi Amala Gaur

Gaur gamtaan qubsuma tolfatee jiraata. Qubsumni tokko miseensota haga 20 qabaachuu danda’a. Hoomaan tokko Kormaan kan hoogganamu yoo ta’u, dhaltuuwwanii fi ilmoolee xixiqqoo of keessatti qabata. Ilmooleen kormaa gaafa harma gu’an, garee san gad dhiisuun gara biraa deemanii garee mataa isaanii tolfatu. Hoogganaa garee ta’uudhaaf wal loluun hin jiru. Inni qaamaan guddaa ta’ee fi kan hangafaa hoogganaa garee ta’a. Warri dulloome garuu jireenya kophaa jiraatu. Haa ta’u malee, kormaan biraa garee biraa keessaa dhufee homaa sanitti yoo makame, kormaan garee san hoogganu, diina alaa dhufe kana gaafaan waraanaa garee sanirraa ari’a. Miseensonni qubsuma tokkoo yoo haalli qilleensaa goggogaa ta’e gara lafa diriiraatti gad bu’uun, yeroo jiidhaatti ammoo gara gaaraa ol bahuun jireenya isaanii geggeeffatu. Gaur sanyiiwwan horii gaafaa dachii tanarra jiran keessaa, ilma namaatti madaqee jiraachuu warra dadhaban keessaallee isa tokko.

 

Wal hormaata Gaur

Akkuma bineensota biroo Gaur sagalee garagaraa fayyadamuun miseensota isaatiin walii gala. Wayta diinni dhufe, akkasumas wayta wal qunnamtii wal hormaataa godhuu fedhutti sagalee garagaraa dhageeysisa. Gaur gaafa umriin isaa waggaa 2 ykn 3 guute wal hormaata raawwachuu danda’a. kormaan garee san hoogganus, dhaltuuwwan garee san keesa jiran, kan wal hormaataaf qophii ta’an waliin wal qunnamtii raawwata. Kana booda haadhoon takka ji’a sagaliif eega rimaya garatti qabatteen booda ilmoo takka dhalti.  Ilmoon dhalattu tunis gaafa dhalattu haga kilograama 20 ulfaatti. Dimshaashatti Gaur haga waggaa 30 jiraachuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button