Og-BarruuTana Quba Qabduu

Namni gama dachii tanaa imale lubbuun hin deebi’u

Dachiin irra jiraannu tun uumamaalee mimmiidhagoo hedduun faayamtee jirti. Ilmi namaatis faaya uumamaa kana daawwachaa ittiin if gammachiisa. Namni fooqii dheddheeraafii manneen galaanarraa daawwachuu barbaadu Dubaay dhaqa. Namni bineensota bosonaa daawwachuu fedhu ammoo gama ardii Afrikaa imala. Namni kudraaleefi Muduraalee gosa adda addaa daawwachuu barbaadu gama biyyoota Eeshiyaa imala. Kan bosona jaalatu ammoo gama Amerikaa Kibbaa qajeelee bosona amaazoon daawwata. Faallaa kanaatiin iddoowwan ilma namaatiif hin hayyamamne jiraachuu hoo quba qabduu? Barruu tanaan iddoowwan daawwannaaf dhoorkaa tahan muraasa isinii dhiheessina.

 

Heard Island, Australia (Hiird Aayilaand)

Eddoolli tun xumura kibba dachii teenyaa, ollaa maadagaaskaritti argamti. Garuu toohannaa Awustraaliyaa jala jirti. Iddoolli tun ibidda voolkaanoo halkaniifi guyyaa akka bishaanii danfu lama ofirraa qabdi. Lubbu qabeeyyii keessaa Allaattiiwwan muraasa, Penguin fi bineensa Seal jedhamu qofatu iddoola tanarra jiraata. Voolkaanoon iddoola tanarra jiru haalaan sodaachisaa waan taheef, ilma namaatiif gamasitti imaluun haala kamiinuu hin hayyamamu. Qorattoonni muraasni hayyama addaa fudhatanii yeroo tokko tokko gamasitti ni imalu.


Zone Rouge (Zoon Ruuj)

Biyyi faransaay dachii magariisaan beekamti. Qonnaan bultoota midhaan adda addaa oomishan heddu qabdi. Tahus garuu naannoon ‘Zoon Ruuj’ jedhamu kun ilma namaa tokkoofis hin hayyamamu. Namni naannoo san jiraatus hin jiru. Jaarmayni achitti jaaramus hin jiru. waraana addunyaa 1ffaa dura, naannoon kun naannoo qonnaan bultootaa ture. Yeroo waraanni addunyaa kan jalqabaa gaggeeffamu, boombiiwwan gurguddaatu naannoo kanatti darbame. Bosonnii fi gandi naannoo kanatti argamu ibiddaan barbadaawe. Ilmi namaa hedduutu iddoo kanatti dhume. Bara 1918 yeroo waraanni goolabamutti, magaalaan naannoo kana turte dhabama taatee jirti. Meeshaan waraanaa iddoo kanatti darbamaa ture gariin osoo hin dhoohin lafa bu’ee biyyee jalatti awwaalame. Walumaa galattii naannoon kun lubbuu ilma namaatiif hedduu sodaachiisaa tahee hafe. Achi booda mootummaan faransaay namoota lubbuudhaan ganda kana keessatti hafan hunda achirraa baasee iddoo biroo qubsiise. Naannoo kanas ‘zoon ruuj’ ykn zoonii ibiddaa jedhee moggaasee guututti cufe. Yeroo ammaa ogeeyyoonni muraasni of eeggannoo cimaadhaan meeshaalee waraanaa dachii jalatti awwaalame baasutti jiru. akka ogeeyyoonni himanitti meeshaa waraanaa naannoo kanatti awwaalame hunda qulqulleessanii baasuudhaaf waggaa 300 ““ 700 fudhachuu dandaya. Inumaa tarii nannoo kana qulqulleessuun waan hin dandayamne tahuu mala jedhan.


North Sentinel Island. (North Sentenaal Aayilaand)

Iddoolli tun garba guddaa hindii keessatti argamti. Namoonni muraasni ilma namaa irraa adda bahanii iddoola san irra qubatanii jiru. Namoonni iddoola kanarra qubatan sanyii kam akka tahan, ummata akkamii akka tahan wanti beekamu hin jiru. Ilmi namaa tokkollee gama iddoola kanaa imaluu hin dandayu. Namni gama iddoola tanaa imale hundi ni ajjeefama. Mootummaan indiyaa yeroo heddu iddoola tana toohannaa isaa jala oolchuuf carraaqaa turus hin milkooyne. Akka seenaan himutti ummanni kun waggaa 6000 ol iddoola tanarra jiraatee jira. Garuu eenyummaan ummata kanaa wanti tokkollee hin beekamu. Ummanni kun nama iddoola isaaniitti dhihaate hunda xiyyaan darbatanii ajjeesan. Yoo xayyaarri iddoola isaanii gubbaan balali’es xiyyaan darbatan. Uumamni tokkollee akka isaanitti dhihaatu hin hayyaman. Boodarra mootummaan indiyaa namni tokkollee akka iddoola tanatti hin dhihaanne jedhee labse. Namoonni qurxummii adamsuuf gamas imaluu barbaadanis, yoo xiqqaate Kilomeetira 5 iddoola sanirraa fagaachuu akka qaban ajaja dabarse. Eega mootummaan indiyaa labsii kana labsee booda bara 2006 tti, namoonni 2 osoo qurxummii adamsuuf deeman tasa iddoola tanatti dhihaatanii ajjeefaman. Baruma dhihoo bara 2019 mishinariin Ameerikaa kan amantii kiristaanaa barsiisuuf addunyaarra imalu tokko gama iddoola tanaa imalee ture. Maqaan isaa John chow jedhama. Dardara umrii 26ti. Innis Bidiruu isaatiin iddoola sanitti dhihaatee ajjeefame.


Snake Island (Iddoola Bofaa)

Iddoolli tun biyya Biraaziil keessatti argamti. Magaalaa Sao Paulo irraa kilomeetira 150 fagaattee argamti. Iddoolli tun il haa daa kuwii maalaa grandee jedhamuun beekamti. Maqaa biroo kan iddoola bofaa jedhamuunis ni beekamti. ilmi namaa tokkollee iddoola tanarra hin jiraatu. Daawwannaafis gamas imaluun dhoorkaadha. Dachiin tun guututti bofaan uwwifamte jechuun ni dandayama. Lafa kaaree meetira tokkorra, yoo xiqqaate bofa summaawaaa hamaa 3tu jira. Gabaabinaan yoo miilaan lafa ijjatan bofumarra dhaabbatan jechuudha. Namni iddoola tana daawwachuu fedhu fageenyarraa teleskooppiin laaluu mirga qaba, Yookaan ammoo hilikooftara kireeffatee itti dhihaatee daawwachuu dandaya. Garuu namni tokkollee miila isaatiin iddoola tanarra ijjachuu hin dandayu.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Comment

Related Articles

Back to top button