header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Ulfa garaa baasuu!

Ilmi namaa dachii tanarra jiru hundi, waahila jireenyaa isaa wajji bultii jaaree, ilmaan horee gammachuun jiraachuu hawwa. Kaayyoo bultii jaaraniif keessaa inni tokko sanyii ofii bakka buusuudha. Akkasuma badhaasa Rabbiin dubartii takka badhaase keessaa tokko, ilmoo isii garatti baattee dahuudha. Kanaaf hawaasa addunyaa hunda biratti dubartii ulfooyteef kabajaan guddaan kennama. Faallaa kanaatiin dubartiin gaa’elaan ala ulfooyte ni tuffatamti. Nama hundatu isii abaara. Sababaa kanaaf yeroo ammaa kana dubartoonni heddu yoo gaa’elaan ala ulfaayan, ulfa ofirraa baasuudhaaf tattaaffii godhu. Haaluma Kanaan dubartoonni heddu lubbuu isaanii dhabutti jiru. Dhimma ulfa garaa baasuu waliin wal qabatee qabxiilee ajaa’ibaa hedduutu jira. Barruu tanaan dhimma kanarratti xiyyeeffachuun qabxiilee muraasa isiniif dhiheessina.

 

Chaaynaa keessatti dubartoonni heddu daa’imni garaa qaban dubra tahuu yoo beekan ofirraa baasan

 

Mootummaan chaaynaa seera fokkotaa tokko baasee qaba. Sunis ilmoo takka qofa qabaachuu ykn ammoo “one child policy” waan jedhamuudha. Sababa kanaaf maatiin tokko ilmoo takka qofa dhala jechuudha. Kanaafuu yoo maatiin sun intala argate irra deebi’ee ilma yoo barbaade dhaluu hin danda’u. Jalqabuma carraan kun seera kominstii Chaaynaatiin cufameera. Ilmoon dhiiraa ammoo waan hedduuf barbaadama. Kabajaa maatii eega, sanyiin maatii saniitis karaa dhiiraatiin bal’ataa deema. Kanaafuu dubartoonni hedduun wanti garaa isaanii keessa jiru intala ta’uu yoo beekan battaluma sanitti garaa of baasan. Akka carraa ta’ee yoo dhalanis osoo mootummaa biratti hin galmeessin fuudhanii balfatti gatan. Sababni isaa yoo mootummaan galmeesse achi booda ilmoo biraa godhachuu hin danda’an. Sababa kanaaf jecha daa’imman intalaa miiliyanaan lakkaawaman wagga waggaan dhiiraaf jecha lubbuu isaanii dhaban. Haala amma jiruun Chaaynaa keessatti lakkoofsa dhiiraatu kan dubartootaa caala. Yeroo ammaa kana dhiirri miiliyana 20 ol ta’u, sababuma ijoolleen dubraa yeroo dhalatan balfa keessatti gatamaa du’aaniif  jecha waahela jireenyaa dhabuuf dirqamaniiru.

 

Ameerikaa Keessatti dubartoonni warra African American jedhamanii, irra hedduun isaanii sababa ulfa garaa baasuutiin du’an

Qorannoo Isteetota Ameerikaa 36 fi Magaalota lama keessatti godhameen, gurraaleen Ameerikaa kan 203,991 ta’an sababa ulfa garaa baasuutiin lubbuu isaanii wagga tokko keessatti dhabaniiru. Dhibeewwan lubbuu gurraachota hedduu galaafatuudhaan beekkaman; dhibeen onnee, Kaansarii, gaggabdoo, balaa tasaa, sukkaarri, wal ajjeesuu fi rakkoon hargansuu walumaa galatti namoota 198,385 ajjeesa. Gabaabumatti ummanni gurraachi Ameerikaa sanyiin isaanii gabrummaadhaan Afrikaa irraa dhaqe warri African American jedhaman sababoota dhibee torban asii olitti dubbannee daran, sababa ulfa garaa baasuutiin lubbuu isaanii hedduminaan dhabaa jiran.

 

Beeljiyam seera ulfa garaa baasuu heeyyamuuf jecha mootii isii guyyaa tokkoof aangoorraa fonqolchite

 

Aangoo maatiirraa dhaalaa isa dhaqqabeen mootiin Baadwiin jedhamu Beeljiyamiin bara 1951 irraa kaasee hanga bara 1993tti bulchee ture. Seerota bahan hundarratti inni mallatteessuun dirqama. Haa ta’u malee bara 1990tti seera Paarlaamaan baase tokko mallatteessuun hedduu itti ulfaate. Hordofaa amantii kaatolikii kan ta’e Baadwiin, amanitin isaa ulfa garaa baasuu gonkumaa hin hayyamu. Kanaafuu seera haarawa bahe kana mallatteessuun seera amantii isaa cabsuu waan taheef, mallatteessuu dide. Paarlaamaan biyyattiitis isa kophatti dhiisanii marihatanii furmaata lafa kaayan. Furmaanni jarri lafa kaayanis mooticha biyya bulchu guyyaa tokkoof aangoo isaa kaasuudha. Miseensonni paarlaamaa waan kanarratti eega walii galanii booda mootichaaf yaada dhiheessan. Innis yaada isaanii fudhatee guyyaa tokkoof aangoo irraa fonqolchame. Eega mootichi aangoo irraa bu’ee booda miseensonni paarlaamaa seera ulfa garaa baasuu hayyamu kana tumanii irratti waliif galanii mallateessan. Namni  bakka Baadwiin bu’ee guyyaa takkaaf aangoo qabates ni mallatteesse. Kana booda guyyaa itti aanu haajaa waan geeffataniif mooticha duraa aangotti deebisan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button