header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Wixinee Seera Isra’eel Al-Quds ilaalchisee qopheessite Bulchiinsi Falasxiin balaaleffate

Wixinee seeraa “Unified Jerusalem” jedhu daangaa Alquds fi Bulchiinsa magaalaa Alquds seeraan jijjiruun akka danda’amuuf qophaaye paaarlamaan Isra’eel guyyaa kaleessaa raggaasise. Wixineen seeraa sun akka ibsutti, miseensota Paarlaamaa Isra’eel 120 keessa 80 yoo hayyaman, Daangaa fi naannawa magaalaa Alquds/jerusalem jijjiruu akka danda’an taayitaa qabu jedha.

 Wixinee seera ilaalchisee Bulchiinsa Falasxiin fi lammiileen Falasxiin balaaleffataa jiru. Dubbi himaan Bulchiinsa Falasxiin dhimmicha irratti ibsa guyyaa har’aa kenneen, “wixineen seera kun guutumaan guututti Isra’eel carraa nageenya buusuu kan ajjeefte tahuu mul’isa” jedhe. Nabiil Abu Rudeynah ibsa isaa kanaan “Bulchiinsi Falasxiin Labsiin Traamp fi wixineen seeraa amma baasan kanas Lammiilee Falasxiini fi amantii keenya irratti akka lola banuutti ilaalla”jechuun beeksise.
Bulchiins Falasxiin, biyyoonni Arabaatii fi Muslimaa gocha Isra’eel kana ammas akka balaaleffatan waamicha dabarse. Gareen Hamaas gama isaatiin labsii Ameerikaa fi Isra’eel kan balaaleffachuun lammiileen Falasxiin Fincila-Intifaad Alqudsiitiif akka qophaayaan waamicha dabarse.
Isra’eel wixinee seera kana baasuun isii Alquds dabalatee dachii Falasxiin humnaan qabatte, guutumaan guututti Falasxiin irraa fottoqsuuf qophaayaa kan jirtu tahuu akka mul’isu gabaasni arganne ni ibsa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button